31/10/2026
Badhaadhina gama hundaatiif - Hooggansa qophaa'ummaa gama hundaa qabu
Qaroomina Itoophiyaa ijaaruu akka dandeenyuuf badhaadhina gama hundaa mirkaneessuutu nurra jira. Badhaadhina gama hundaa jechuun badhaadhina qaamaafi afuuraa, badhaadhinni aadaafi safuu kan itti walitti dhahamanidha. Kanaaf ammoo hooggansi qophaa'ummaa gama hundaa isa barbaachisa. Qaamaan kan gabbate, hamileedhaan kan cimee, beekumsaan kan qarame, ogummaan kan bilchaate akka ta'u irraa eegama. Keessumaa miira jaalala biyyaafi quuqama uummataatiin dirqamasaa akka bahu imaanaan biyyaa cimaadha.
Saayinsiin loltummaa muuxannoofi jireenyi kaayyoofi eenyummaa dhala namaa bocuudhaan gita hin qabu. Dhalli namaa qaamaanis, qalbiidhaanis, naamusaanis, raawwiidhaanis naamusa qabeessa akka ta'u gochuudhaan baroota hedduuf dhaloota qopheessaa tureera. Nama eenyummaansaa keessaafi duubaan miidhage bocuudhaan hooggantoota gurguddoo horateera. Gahumsaan dirqama raawwachuu, qalbii gootummaatiin tajaajila kennuu, naamusa hojii bocuu, galma waloo waliin milkeessuu, qophaa'ummaa hoggayyuu, irraa jalaan hooggansa horachuu, ittigaafatamummaa, gaafatamuu danda'uu, gaaraa hanga dakaatti walsimuudhaan kaayyoo raawwachuufi kan kana fakkaatan duudhaawwan muuxannoo saayinsii loltummaarraa fudhatamuu danda'anidha.
Hooggantoonni Mootummaa Ida'amuu Giddugala Leenjii Loltummaa Huursootti leenjii fudhataa jiru. Tarsiimoo guddicha Qaroomina Ida'amuu hojiirra oolchuun akka danda'mu beekumsoota, ogummaawwaniifi muuxannoowwan saayisiifi jireenya loltummaarraa barannu qabna. Kessumaa immoo yaada tokkoon waliigaluuf, sirnakkootti haalaan fayyadamuuf, ittifufiinsaan uummata kaayyoofi gochaaf ijaaruu, waadaa uummataaf seenne sirriitti raawwannee xumuruu, caasaa gaaraa hanga dakaatti jiru kaayyoo biyyoolessaatiif walsimsiisuu, abbaa imaanaa ta'anii biyya hoogganuu, biyya cichoomina qabduu kan maaliifuu eenyuufuu hinsarmine ijaaruu, dhaloota bakka bu'aa horachuufi nageenya biyyaa yoomiyyuu mirkaneessuu kan jedhan yaadota tarsiimoosaa