Naggasaa Sarbeessaa

Naggasaa Sarbeessaa Amboo

Finfinne city Adminstration Entoto Polytechnic CollegeBaayinni:- 25Miindaa irratti:- Kiraa manaa fi geejjiba ni qaba.Lev...
28/11/2023

Finfinne city Adminstration Entoto Polytechnic College
Baayinni:- 25
Miindaa irratti:- Kiraa manaa fi geejjiba ni qaba.
Level fi COC qabaachuu qabdu.
Galmeen hanga:1/4/2016
Bakki Galmee: Caffee Tumaa(6 kiiloo) kutaa Dariktreetii Bulchiinsa kutaa Humna namaa.
Odeffannoo dabalataaf:- 0118121019

My telegram channel
https://t.me/+yg9LcMA62LdkMzdk

 !Carraa Kana fayyadamaa!Dhaabbata: Waajjira galiiwwanii magaalaa Finfinnee ☆Baay'ina: Namoota 393.Gita hojii: Accountin...
27/11/2023

!
Carraa Kana fayyadamaa!

Dhaabbata: Waajjira galiiwwanii magaalaa Finfinnee
☆Baay'ina: Namoota 393.
Gita hojii: Accounting, Banking & Insurance, Marketing, Economics, Sales, Computer Science, Office Administration, Secretary Science, library Science, cashier, database, Computer Science, Customer Support, Information Technology, ICT, Hardware and networking, management, purchasing, secretary, supplies management, transport management.
☆Muuxannoo: Muuxannoo hojii duwwaa fi Muuxannoodhaan.
☆Qabxii: 2.5 dhiiraaf fi 2.2 dubaraaf.
☆Bakki hojii: Finfinnee Waajjira Muummichaaf dameelee isaatti.
☆Guyyaan galmee kan dhumatu : November 21, 2023
Galmeen: link:- https://aarevenuesbureau.gov.et/Vacancy/

Carraa Gaarii!.

Telegramiin kiyya
https://t.me/+yg9LcMA62LdkMzdk

21/11/2023
  'elaa 'ela  Inni kun kan dhiirri tokkoo fi dubarri tokko utuu seera qabeessan Gaa'ila hin dhaabbatin fuula dura minyaa...
21/11/2023


'elaa
'ela
Inni kun kan dhiirri tokkoo fi dubarri tokko utuu seera qabeessan Gaa'ila hin dhaabbatin fuula dura minyaa'ina Gaa'ilaa dhandhamanna jechuun wal quunnamtii saalaa raawwatanii dha. Inni kun biyya keenya keessatti barattoota barnoota sadarkaa olaanaa kolleejjii fi Yuunivarsitii baratan biratti haalaan beekamaa dha.
Biyyoota gara dhihaa keessatti immoo walii wajjin jiraatanii ijoollee iyyuu qabu garuu abbaa manaa fi haadha manaa hin jedhaman nuyi hiriyaadha (Boyfriend/girlfriend) waliiti jedhu. Amma iyyuu yaalii irra jirraadha.
Gaa'illi akkasii kun utuu seera gaa'elaan walitti hin hidhamin nuyi kan waliiti jechuun wal fannifatanii deemuun yeroo barbaadanii fi bakka barbaadanitti fedha ofii waliin raawwachuudha. Kun immoo yeroo fi iddoo isaa malee ulfaa'uu fi ulfa baasuu, jaalalli kaadhimman lamaan gidduu jiru laafaa adeemuu fi wal dhiisuu, gammachuu quunnamtii saalaa dhabuun sammuun of ceepha'aa jiraachuu, hafuuratti kufaa adeemuu fi waldaa kiristaanaa irraa fagaachuu, jireenya fakkeenyummaa qabu dhabuu fi gaa'ela milkaa'aatti seenuu dadhabuu, yeroo Gaa'elaa wal irra dabarsuu fi dhala dhabdummaa fi kkfniif namoota baayyee saaxilaa jira.

(.....Kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis qulqulluumma fiixaan in baafannaa"
2Qor 7:1)




 ================Kamisa heerumaniiJimaata galuun kolfaArgaa namaa balleessaAkka dhukkuba golfaa~~~Bultiin hin jijiiramuA...
20/11/2023


================
Kamisa heerumanii
Jimaata galuun kolfa
Argaa namaa balleessa
Akka dhukkuba golfaa
~~~
Bultiin hin jijiiramu
Akka dallaa loonii
Bulees hin alaa'u
Akka nyaata foonii
~~~
lIma Abbaa qabeenyaa
Yoo ta'es ilma mootii
Utuu kol..kol... jechaa
Hin bayin mana kootii
~~~
Gorsa koo dhaggeefadhu
Tarii bor si fayyadaa
Qaroominaan nyaatamtee
Hin gatin safuuf aadaa
~~~
Jaalalli duruma dur jira
Waanti haaraan hin baane
Anis jaalladheen darbee
Garuu akka kee hin taane
~~~
Dhiira kudhan ijjiree
Kukkutee hin ganne safuu
Facebook's fayyadamee
Sa'atii 9n hin rafuu
~~~
Atis mee yaa dhala koo
Waanti ani siif dhaamuu
Cabdee karaatti hafuukee
Dhugaa Rabbiiti hin fedhu!
~~~
Fuula adda adda ilaaltee
Of hin kukkutin tiruu
Dhiira kudhan jijirteef
Abbaan manaa kudhan hinjiru.
~~~
Dhira tokko jaalladhu
Abba ilma siif ta'aa
Isuma jabeeffadhu
Dhiirri dhiruma ta'aa
~~~
Wolittis hin dabalin
Akka biqila garbuu
Sila dubarti ammaa
Ijji Jaraatu hin arguu
~~~
Na dhageesse dhala ko
Kanin amma siif dhaamu
Yoo dhaga'uu diddemmoo
Sheexanni siyaa waamuu
~~~~
Jette gorsitee haati Intala ishii
Mee isinis akkasitti wal gorsaa warri shamarranii !

 Ani Raajiin dhagaheeBudaa nyaate jedhaniullaan gommaatti baheHar'a bullee bariinaanWanta haaraa dhageenyaMootummaanis r...
20/11/2023


Ani Raajiin dhagahee
Budaa nyaate jedhani
ullaan gommaatti bahe

Har'a bullee bariinaan
Wanta haaraa dhageenya
Mootummaanis rakkate
Biyyis dhabde nageenya

Dubartittiin Buraayyuu
Daa'imman kichuu qalte
Gaangeen obbo Birhaanuu
Baakkootti ilmoo dhalte

Jaartiin Aanaa Fantaallee
Kudha sadii heerumtee
Akka durattii miti
Barana dubbiin cimte

Barattoota keenyatti
Exit Examiin dhufee
Eebbifamuu hin danda'u
Namni qoramee kufe

Waan addaati jedhame
Akka guutuu biyyaattuu
Guyyaa adii argineem
Qeesii mortee awwaaltu

Waraabessi dhukkubnaan
Dhaqee ciisee yaalamee
Manguddoon jaarraa lamaa
Arsii lixaatti argame

Alaabitti ishee kana
Funaaneetan guggube
Si'achi arguun fedhu
Har'a irraa jalqabee

Isa dhiiga nu dhaabu
Alaabaa isa lummuxxii
Qeerroowwan shaashamannee
Gadi yaaftee kukkutti

Surree jilbarraan cittee
Barii lilmoon hodhatuu
Sichi biyya keenyarratti
Dabtaraan hin hojjetu.

Hammam nu doorsistanis
Gooftaan jira nu faana
Yaa lummuxxii alaabaa
Maal fuuta Bataskaanaa???



 ?Amma sagalee Waaqayyoo hubattutti jireenya kee dogongora hamaa irraa eeguu hin dandeessu! Dubbii Waaqayyoo adda baafte...
20/11/2023

?

Amma sagalee Waaqayyoo hubattutti jireenya kee dogongora hamaa irraa eeguu hin dandeessu! Dubbii Waaqayyoo adda baaftee hin beektu taanaan abbaa fedhetu gara barbaadetti si oofa! Rakkinni hamaan amma saba Waaqayyoo tti dhufe wallaalummaa sagalee Waaqayyoo irraa kan ka'edha. Namni Waaqayyoofi amala isaa beekuu kan dandahu yoo Sagalee isaa beeka tahe qofaadha. Sagalee isaan ala Waaqayyoon beekuunis tahe hubachuun gonkumaa hin dandahamu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha.

Sabni koo karaa ittiin na beeku waan dhabeef balleeffame; ati ana beekuu tuffattee waan dhiifteef, anis luba anaaf ta'uu kee tuffadheen si dhiise; erga ati seera koo seera Waaqayyo keetii irraanfattee, anis immoo ilmaan kee nan irraanfadha. ( 4:6)

Karaan ittiin Waaqayyoon beekan karaa sagalee isaa qofadha. Bara duriis tahe jaarraa kana Waaqayyoon beekuu dadhabuun badinsa hamaa namatti fideera. Waaqayyoon beekuun akkamiin dandahamaa isa jedhuuf immoo? Waaqayyoon beekuun tokkoof tokko sagalee isaa qofaatiinidha. Sagaleen qaama sadii akka caaffata qulqullaahaa keessa jiran Kutaa darbe keessatti ilaalleerra. Sagalee , Sagalee fi Sagalee ! Warreen kun sadanuu dhugaadhaan Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamaniiru. Haa tahu iyyuu malee kan dhugaa hin taaneefi taateen soba of keessaa qabu tokko iyyuu Macaafa Qulqulluu keessatti hin galmoofne. Macaafni Qulqulluunis kanaafidha kan inni Yeroo kamuu jedhamuufii!

Macaafni Qulqulluun barreeffamee nu bira gahuuf waggaa 1,500 itti fudhateera. Barreessuu isaa keessatti namoonni 40 ol hirmaataniiru. Macaafni Qulqulluun walitti qabama macaafota 66 yeroo tahu, kakuu Moofaan macaafota 39 of keessatti kan hammatedha. Macaafota 39 kana keessatti boqonnaawwan 929 tahanitu argama. Kakuu Haaraan immoo macaafota 27 yeroo tahu, boqonnaawwan 260 of keessatti qabateera. Walumaa galatti Macaafni Qulqulluun Boqonnaawwan 1,189 of keessaa qaba. Koppiiwwan Biiliyoona shanii hanga jahaa tahan gurguramuudhaan k

Address

Amboo
Ambo

Telephone

+251938903341

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Naggasaa Sarbeessaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category