12/04/2026
Mootummaan Iiraan marii sa'aatii 21f Isilaamaabaad keessatti J.D. Vance waliin gaggeeffame ilaalchisee deebii kallattii kenneera.
Miidiyaan mootummaa Iiraan (IRIB) akka gabaasetti, mariin kun walii galtee malee kan xumurame "gaaffii madaalawaa hin taane" (unreasonable demands) fi fedhii garmalee Ameerikaa irraa kan ka'e dha. Dubbi-himaan Ministeera Alaa Iiraan, Esmaeil Baqaei, marii kanaan booda akka jedhanitti, "shakkiin guddaan" gidduu biyyoota lamaanii waan jiruuf, marii guyyaa tokkoo qofaan walii galtee irra ga'uun ni danda'ama jedhamee hin eegamu ture.
Iiraan gama isheetiin qabeenya ishee hidhamee jiru akka gadi lakkifamu, dhimma nagaa Liibaanos fi mirga niwukilaaraa ishee kabachiisuuf akka falmitu beeksisteetti. Akkasumas, yaada Vance "isa dhumaa" (final offer) jedhanii dhiyeessan "maximalist" jechuun fashaleessite.