Ani sumaafi

Directions Contact the business

Ani sumaafi general knowledge& politics
(1)

Dhiirri yoo maal sirraa dhabe si hiika ykn sirratti fuudha beektaa?😎1ffaa,  Yoo ati caqcaaqqaa taatee dha. Shakkima kaan...
31/10/2026

Dhiirri yoo maal sirraa dhabe si hiika ykn sirratti fuudha beektaa?😎

1ffaa, Yoo ati caqcaaqqaa taatee dha. Shakkima kaanii kaan keessa keetti uumtee adada inni bahee galuun hin caqaccaqin. Ilmi dhiiraa waa hundaa ol ciqicciqii jibba. Caqaccaquun kee immoo akka daran si jibbaa deemuuf alumaayyuu sitti galuu hifataa akka jiraatu Isa taasisa malee fala tokkoo siif hin fidu. Kanaaf yaadaan waliif galuunii yaali.

2ffaa, qulqullinna kee seeraan eeggachuu dhaabuudha. Qamisima bultee oolteen galgala fiigdee siree itti korta yoo taate, Afaaniif ilkaan kee bultee oolteeniin siree itti korta yoo taate siif dhumte. Qulqullinna yoo jedhu meekappima laaqattee Uffata jijjiirattee Isa sh*ttoo afuufattuu miti. Qulqullinna shaaworii fudhachuuti. Dhidhiqadhuu kanuma qabdu qulqulleeffadhuu ufadhuu afoo zanaa fataa jedhi malee yarattee if gadi dhiiftee deemnaan siif dhumte.

3ffaa, Nyaata isaa yeroon qopheessuufii dhabuudha. keessuumaa waan inni jaalatu yeroo eegdee qopheessiif. Kana jechuun yeroo hunda ajaja isaa eegdee hin hojjatiniif. Yeroo hunda si ajajajee hojjattaaf yoo taate, osoma beela qabuuyyuu si ajajuu hifatee deemee Alaa ykn ollaa nyaachuu filatan. Nyaata gootuuf immoo qalbiin tolchii godhiif malee hobbaafannemaaf akka argite goggootee itti kennita yoo taate siif dhumte.

4. Hiriyoota isaas taatee fira isaa harkatti jibbuu dha. Seerumaan fuula ifaan keessummeessiif. Haqinna wayii keessuumaa isaa irraa yoo argiteeyyuu erga isarraa galan booda isatti himii sirreessisiisi malee yeroma san if nyanyaattee isas hin qaanfachiisin.

5ffaa, maatii isaa harkatti jibbuu dha. akkuma keetiitti ilaaliif malee akka ormaa harkatti hin jibbin.

6ffaa, Hanqinna Abbaa manaa kee isumatti himii akka sirreeffatu taasisi malee ollatti yookiin hiriyyoota isaaf keetittis hin odeessin, sin fayyadu!
Ammas isuma kunuunfadhuu dhaabbii illee yoo taate dhiirota akka hawwituu sana fakkeeffadhu malee ala keessa kan biraa asiif achi hin ilaalin bultii si diiga.

7ffaa, Abbaa manaa keetiif kabaja gaarii qabaadhuuf, kabajniif jaalalli waan hundaa ol akka ati Onnee isaa keessaa hin baane taasisa.

Yoo osoo kana hunda gootu si hiika ykn sirratti fuudha jedhee si quuxessa taate anatu siin jedhe ati dursiitii Isa hiiki🤒😀

30/10/2026

Amaara niin jaaladha garuu Minilik bineensa

  ************************************Xoophiyaan xayyaara lolaa Su 35 lakkoossan 12 tayan Russia irraa hidhannoo  Squadr...
28/10/2026


************************************

Xoophiyaan xayyaara lolaa Su 35 lakkoossan 12 tayan Russia irraa hidhannoo Squadron tokko(12) bitachuu beeysifte. Ammatti diinni xoophiyaa (both real and imagined enemies) kan xayyaara kanaan dorgomu hin jiru. Bitti Masrii tu F16 fii Dassault Rafale qabdi. Sanumtinuu Su-35tti qixxaawuu hin dandawu.

Yeroo takkatti kilometres 400 keessatti target soddoma arguu kan dandawu xayyaarri kun manoeuvrability fii agility isaa guddaa dha. Ammatti bitti meeshaa lolaa xoophiyaa dura dhaabbattu kan jirre yoo warri Masrii dhihotti Su-35 ykn F-15 akka ariitiidhaan bitatan yaaduun naman dhibuu.

F-22 (Raptor) fii F35 Masrii akka bitattu Israel waan hin hayyamneef ammatti argachuu kan dandeessu Su-35 fii tarii F15 taya jechuu dha.

Haalonni asii olitti kakaafne xoophiyaa gara humna godina sanii (regional air superiority) akka qabaattu taasisa jechuu dha.

Kun tawuun rakkoo qabaa?

Ammatti diinonni xoophiyaa fii fedhii ishirratti miidhaa geessuu barbbaadan keessa deebi'anii akka yaadan godha. Gama kanaan bu'aa gaarii qaba.

Hammeenyi isaa biyyoonni hiyyeeyyiin hedduun baajeta misoomaa irraa fuudhanii meeshaalee waraanaa gurgurdaa bitachurratti dorgommii keessa galuu mala. Kun ammoo kiisii warra military industrial complex guutuuf carraa bana. Meeshaa waraanaa gugurdaa horachuun kan diina ammaa fii hegeree yaada keessa galche yoo taye gaarii dha. Ykn zoonii kana ardii dorggommii hidhannoo (Arms race) keessa galchuu dandaya jechuu kiyya.

Walumaa galatti haala marfama geopolitics amma keessa jirru kanaan wajjiin yoo laalle meeshaa ittisaa gaarii (very important deterrent means) taha. Gaafa biyyoonni hiyyeeyyiin dorgommii san keessa galan warri meeshaa kana hoomishan libaanata aarfatan jechuu dha.

Ammas xayyaarota agaree raadaaraa jalaa dandeettii dhokachuu ykn miliquu qaban (stealth fighters) bitachuun dorgommii isa itti'aanu taha.

Dhiibaa raasaa
Dhiibaa bo

27/10/2026

Kuulleen jaarsa namaa hataa jirti

🎤 GAAZEXEESSAA: Cristiano, ati qabeenya guddaa qabda. Garuu namoonni iPhone 15 Pro bara 2023 keessa ba'e fayyadamaa jirt...
17/10/2026

🎤 GAAZEXEESSAA: Cristiano, ati qabeenya guddaa qabda. Garuu namoonni iPhone 15 Pro bara 2023 keessa ba'e fayyadamaa jirta jedhu. Maaliif bilbila haaraa hin bitattu?

🐐 RONALDO: Dhaggeeffadhaa! 😂 Ani bilbila haaraa bitachuu nan danda'a. Garuu bilbila koo jijjiiruun galma koo miti. Galmi koo seenaa barreessuudha! 🏆

🎤 GAAZEXEESSAA: Garuu ati addunyaa irratti taphataa mindaa guddaa argatu keessaa tokko. iPhone 17 ykn 18 bitachuun siif salphaa dha mitii?

🐐 RONALDO: Hahaha! 😂 Ani bilbila kamiinuu bilbiluu nan danda'a. Garuu bilbilli haaraan goolii naaf hin galchu! Goolii kan galchu ana! ⚽🐐

🎤 GAAZEXEESSAA: Messi bilbila haaraa yoo bite hoo? 😂

🐐 RONALDO: Messi haa bitatu! 😂 Ani galmeewwan koo fooyyessuuf hojjechaan jira. Hiriyaa koo wajjin dorgomuun gaarii dha, garuu xiyyeeffannoon koo injifachuudha! 🏆

🎤 GAAZEXEESSAA: Ergaa dargaggootaaf qabdu maal?

🐐 RONALDO: Ofitti amanaa. Hojii keessan jaalladhaa. Qabeenya nama biraa hin hordofinaa. Milkaa'ina keessan ijaaraa. Ani Cristiano Ronaldo dha; garuu ani illee hojii cimaa irraa ka'e! 💪🐐

🎤 GAAZEXEESSAA: Galatoomi, GOAT!

🐐 RONALDO: Siuuu! 😂🔥

17/10/2026
• Gaaffii: Lukkichi maaliif daandii qaxxaamure?– Deekart: “daandii gama kaanitti achi bahuufi.”– Pilaatoo: “Dhugaan lukk...
17/10/2026

• Gaaffii: Lukkichi maaliif daandii qaxxaamure?

– Deekart: “daandii gama kaanitti achi bahuufi.”

– Pilaatoo: “Dhugaan lukkichaaf daandiin gama waan jiruufi.”

– Aristootil: “Kun uumama lukkuuti.”
– Karl Marx: “Bakka jijjiiruun nu barbaachisa; jijjiiramni seera seenaati.”

– Karl Jung: “Lukkichi bakka hanga ammaatti hin deemin tokko dhaquufi.”

– Martin Luther King: “Tarkaanfiin isaa kun sababa qabaachuu mala,. Garuu daandii ce'uuf abjuu qaba ture.”

– Cioran: “Lukkichi daandicha hin ceene; ammaas irra deebi'eetiin jedha, lukkichi daandicha hin ceene!”

– Sookiraaxis: “Wanti guddaan lukkichi daandii qaxxaamuruu isaati. Maaliif akka qaxxaamure beekuun garuu barbaachisaa miti.”

– Bud'haa: “Gaaffii akkanaa gaafachuun uumama lukkuu ganuu taha.”

– Diogenes: "Karaa ganda isaanii wallaaleeti.”

– Albert Einstein: “Lukkichaatu daandii qaxxaamure ta'a. Yookaan daandiiti miila lukkuu jala deeme ta'a. Kun hundi hariiroo wantootaa fi ilaalcha isaanii irratti hundaa'a.”

– George Bernard Shaw: “Hin qalamu je'ee baqachaa jira jedheen yaada.”

Haya amma gaaffiin kun isiniifis dhiyaatee jira: Lukkichi maaliif daandii qaxxaamure?🙂

28/09/2026

Isaaf sprites fidiif.......
Ani sumaafi

 ******************************************Harmeen Hayyuu, Gameessa Qabsaa’aa Amantii fi Sabaa USTAAZ Ahmaddiin Jabal, g...
04/09/2026


******************************************

Harmeen Hayyuu, Gameessa Qabsaa’aa Amantii fi Sabaa USTAAZ Ahmaddiin Jabal, guyyaa har’aa gara ganda aakhiraa godaanan.

Rabii al-awwal 22/1448 Adaama Harmeen Hayyuu, Gameessa Qabsaa’aa Amantii fi Sabaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal, guyyaa har’aa gara ganda aakhiraa godaanan. Haadha goota, haadha nama beekaa fi nama ummata isaa tajaajiluuf of kenne addunyaaf gumaachite, Rabbiin rahmata isiif haa godhu; dilii isaani rabbiin haa araaramuuf, qabrii isii rabbiin haa ibsuuf, Jannata isaan haa qananiisu.

Ustaaz Ahmaddiin Jabal nama amantii fi sabaa isaa tajaajiluuf carraaqqii fi Qabsaawaa ture keessaa tokkoodha. Har’a immoo haati isaa addunyaa kana irraa gara Ganda Aakhiraa imaluun maatii, firoottan, hiriyyoota, akkasumas hawaasa bal’aa keessatti gadda guddaa uumee jira.

Dhaabbanni “ Aalam Media’n du’a haadha Hayyuu fi Gameessa Qabsaa’aa Amantii fi Sabaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal kanaan gadda guddaa itti dhaga’ame ibsuun; maatii, firoottan, akkasumas namoota isii jaalatan hundaaf jajjabina fi obsaa hawwa.

Innaa lillaahi wa innaa ileeyhi raaji’uun.
Sirna Awwalcha harmee Ustaaz Ahmediin Jabala jala buune haala hunda isin biraan kan geenyu taha aalam miidiyaa hordofaa.

Address

Soweto

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ani sumaafi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ani sumaafi:

Shortcuts

Share

Nearby grocery stores