20/03/2024
Bu’aa Fi Sadarkaa Soomaa
Soomni bu’aa heddu kan lakkaa’amee hin dhumne qaba. Isaan keessaa bu’aan inni Lubbuu, Qaamaa FI Hawaasummaa/ Jama’aa keenyaaf buusu kan akka ijootti ibsamuuu dha. Worreen kana adda baasee dubbachuun dura bu’aa Ramadaannis ta’ee soomni kan biroo nuu buusanu gabaabinaan haa ilaallu.
🔸️ Shayxaanni ni hidhama
🔸️ Ulaan jannataa ni banama
🔸️ Ulaan ibiddaa ni cufama
🔸️ Guyyaa guyyaan jannatni warreen ishee seenanuuf miidhagfamti
🔸️Malaa’ikaan warra soomuuf dhiifama kadhatti
🔸️ Fooliin nama soomuu Rabbiin biratti sh*ttoo caalaa urgaa’a
🔸️ Rahmanni Rabbii, dhiifamni isaa fi ibidda irraa nama bilisoomsuun ummataaf argama
🔸️ Miindaan dalagaa namaa herrega /hisaaba/ malee baay’ifama
🔸️ Rizqiin/Hireen ilma namaatiif bal’ifama
🔸️ Dhuma halkan Ramadaanaa keessaa nama hedduuf dhiifama
🔸️ Laylatul qadrii keessa ibaadaan halkan tokkoo kan ji’a kumaa caala
🔸️ Sooma guyyaa tokkootiin ibidda irraa adeemsa waggaa torbaatamaa fageeffama
🔸️ Diliin namaa dhiifamuu fi
🔸️ Obsaa fi leenjii guddaatu irraa namaa argama.