Sibuu

Sibuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Sibuu, Grocers, Siree, Sire.

Taphataan garee kubbaa miilaa Walayittaa Diichaa kan ta'e   erga goolii galchee booda gammachuu isaa haala kanaan ibsate...
09/05/2025

Taphataan garee kubbaa miilaa Walayittaa Diichaa kan ta'e erga goolii galchee booda gammachuu isaa haala kanaan ibsate.
"Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna..." 1Qor.1:23
Wangeelli carraa argamee hundaan ni labsama 🙌

dha🙏

18/04/2025

Hojii sin jijjiirre jijjiiri!
Galii sin jijjiirre jijjiiri!
Boo'icha sin jijjiirre jijjiiri!

Furtuun jireenyakee fooyyessuu harka kee keessa jira! Kan ati uummata tajaajiltu yoo dursa of tajaajiltedha. Ati Kiristoos Iyyesus miti kan ofii duutee biyya jiraachistu. Dursa Hordaa ija ofii keessaa yoo baasan huba ija biyyaa keessaa baasu! Dursa of argadhu. Namni of gate naman argu! Ofii rakkastee biyyatti gatiin gootu. Ofin goyyomsiin. Ogummaan qabdu yookaan baratte si jijjiiruuf filannoo osoo hin taane dirqama ta'uu qaba. Sin jijjiiru taanaan ogummicha lafa godhii lafa si jijjiiru dhaqi. Loon marga dheeduuf akka lafa lalisaa deemtu ati awwaara irra dhaabattee maaliif asumatti margi hin margu hin jedhiin. Ati dhagaa miti kan hin sochoone. Dhagaanuu darbatamnaan iddoo isaafii mijatu bira hanga ga'utti hinuma konkolaata. Iddoo siif mijatutti mucucaadhu!

GORSA JAALALAA==============1: Namni ati jaallattu yoo fuula sitti guure jarjartee hammeenyasaa hin dubbatin. Bor deebit...
11/01/2023

GORSA JAALALAA
==============
1: Namni ati jaallattu yoo fuula sitti guure jarjartee hammeenyasaa hin dubbatin. Bor deebitanii gaafa walitti araaramtan gaabbii cimaa seentaatii
2: Nama tokkotti nama gaarii of gochuuf jecha hiriyyaa kee hin xureessiin. Haqni) dhugaan booda si gaafataatii
3: Yeroo mara dhugaa dubbadhu. Gammachuun sobarraa maddu yeroomaaf malee booda sin fayyaduutii, Dhugaan harra dubbatte bultee si boonsitiitii
4: Baaltii jette jettee hin amanin. Amantees kan biraaf hin dabarsiin. Gaaf tokko si qaaneessaatii
5: Yeroo namni si arrabsu atis hin arrabsiin. Jalaa callisnaan ofiifuu gaabbee dhiisaatii
6: Jaalalleen kee Waadaa waliif qabdan cabsee yoo haala mijeeffate aariif xiiqiin ati waadaa kee hin cabsin. Diinummaas hin yaadiniif. Bor cubbuu waadaa kee lakkuu kaffaluunsaa dirqamaatii
7: Kan si miidhe haaloo bahuu dhiisuun sodaa sitti fakkaatee xiiqiin haaloo bahuuf hin fiigiin. Haaloo (Ija'aa) dhugaan kee baatutu caalaatii
8: Waan bor darbuuf jaalalaan hin qoosiin. Bor dhala dhabuunis jiraatii
9; Jaalala fudhachuu qofa hin yaadiin.

30/10/2022

DARGAGGEESSA GURRAACHA...
Yeroo isaan sadarkaa jalqabaarraa jiran,
Gaazexeessaan tokko dureessicha addunyaa Bill
Gates gaaffii gaafate,"Obbo Gates dureessi isin
caalu jiraa?"
Obbo Gates,"Eeyyee jira,waggoota muraasa dura
osoon sadarkaa kanarra hin gahiin gara New York deemeen iddoo barruuleen itti gurguraman
deemeen barruu na hawwate tokko argeen
bitachuuf jedheen saantima callaa of harkaa
dhabe,dargaggeessi gurraachi gurguru sunis
miirakoo hubatee tola naaf kenne,ji'a tokko boodas kan
biraa naaf dabale. Ergaan waggoota booda
sadarkaa kanarra gahee dargaggeessa sana
barbaachan deeme,turtii boodan argadheen ofii koo beeksiseen yaadachiisee,'Beenyaa
barruulee keetii deebisuun dhufe'
jedheen,innimmoo deebisee,'Beenyaa sana baasuu hin dandeessu sababnisaa ani yeroon
barruu san siif kenne dureessa akkakee hin
turre,ati garuu erga duroomtee baasuu dhufte
kanaaf hin dandeessu' naan jedhe.Egaan
dureessi na caalu dargaggeessa kana" jedhee
deebise.
Ati egaa dargaggeessa isa kami?

29/10/2022

Address

Siree
Sire

Telephone

+251949504967

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sibuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Sibuu:

Share

Category