Ilma koo

Ilma koo Happy

02/10/2023
01/10/2023

GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA
1. Eessaan dhufe, Eessattin deema,
Maaliifin uumamee hubadhu!
2. Seera uumaa (natural law) kabaji!
3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu!
4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kan kana fakkaatan qabaadhu!
5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi!
6. Nama miidhuu irraa fagaadhu!
7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu!
8. Amantii qabaadhu, Waaqa kadhachaa, sodaadhu!
9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi!
10. Hiriyaa gaarii filadhu!
11. Mul'ata qabaadhu!
12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekumsa horadhu!
13. Hanga duututti barataa ta'i!
14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari!
15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekumsa argadhu!
16. Du'a akka hin oolle yaadadhu!
17. Taa'uu hin baay'isin socho'i, deemii dalagi!
18. Nama qormaata irra furmaata; boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu!
19. Waan darbe yaadachaa hin oolin, dhiisi fuuldura ilaali!
20. Keessummaa yookiin nama hayyuu waliin haasa'i, irraa baradhu!
21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii darbanii dubbisi!
22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carraatti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi!
23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online hin baay'isin!
24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin!
25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, fakkeessaa, sobaa, abdii kutataa kan kana fakkaatan irraa fagaadhu!
26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin!
27. Waan namni akka siif ta'u feetu dursii namaaf ta'i!
28. Qorichoota si macheessan dhaabi!
29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi!
30. Ganamaan dammaqi!
31. Ispoortii hojjedhu!
32. Nyaata gosaa (kuduraa fi muduraa baay'isi; cooma, soogiddaa fi sukkaara hir'isi) hamma isaa hanga danda’ame madaalii nyaadhu!
33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i!
34. Miira dorgommii fi naman caalaa of irraa balleessi!
35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu!
36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami! Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i!
37. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin!
38. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu hojjedhu!
39. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta'in, dhala namaaf jiddugaleessa ta'i!
40. Ofii gaarii ta'i! "Cubbuu fi Irbuu" irraa fagaadhu!

Always Have a Positive Attitude To Be a Better Person And Go!

Address

Bale Robe
Robe
0000

Telephone

+251912250615

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ilma koo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ilma koo:

Share

Category