27/10/2025
seeraatti nuuf haa dhihaatu!
Gurbaan kun erga amantaa jijjiiratee turee jira. Maqaan isaa jaarroo jedhama. Dhaloonni isaa Godina Arsii lixaa, Naannoo magaalaa Nageelleetti dhalate. Yeroo amma kana hordofaa amantaa pirotestaantii ti. Yeroo hedduu irra deddeebi'uudhaan Islaamummaa arrabsaa, xiqqeessaa oola. Yeroo kaan Mudawwara uffatee, muslima fakkaatee Nashiidaa fakkeessaa Islaamummaa irratti qoosaa jiraata. Naannoo Arsii keessatti badii raawwata kana baqatee, yeroo Ammaa kana Magaalaa shaggar keessatti galee, harlkanii fi guyyaa islaamummaa Arrabsaa oolaa jira. Gochi isaa fi fakkaattota isaa waan Hawaasa biyya kanaa walitti buusuudha.
Kanaafuu, qaamni seera biyyaa kabachiisu, qaamota kanneen gara seeratti akka nuuf dbiheessan kabaja guddaadhaan isaan gaafanna.
Akkasumas dhimma Islaamaa oromiyaa dhimma kana halkaniifi guyyaa irratti hojjachuun akka gara Seeraatti dhihaatuus shoora olaanaa taphachuu qaba. Kanaafuu, hawaasni keenya kanneen bayyootaa, beektotaa, Aktiivistootaa dhimma kana irratti gahee keessan bahattan isin gaafanna..
Yeroo gabaabaa keessatti gara mana mutiitti dhihaatee haa gaafatamu. Ragaan badii isaa guutuudha. Viidiyoo fi sagaleedhaanis ni jira.....
keessan bahadhaa, erga kana faffacaasaa.....
Xaahir Galatoo 🖋