04/12/2024
Qondaaltonni WBO sochiilee misooma Naannoo Oromiyaa daawwatan.
**
Waliigaltee nageenyaa taasifame hordofuudhaan qondaaltotni WBO daandii nagaa filatanii galan hojiilee misoomaa Naannoo Oromiyaa bakka garaagaraatti argamu daawwataniiru.
Qondaaltonni kunniin sochii Dhaabbiilee misooma Mootummaa fi dhuunfaa Naannoo Oromiyaa bakka addaa addaatti argamu daawwachuu itti fufuun Paarkii Indaastirii AMG Holding, Waldaa Aksiyoona Jabduu Motors, Dhaabbata Maxxansaa Meelbaa dabalatee sochiilee misoomaa biroo daawwataniiru.