28/12/2025
WAA'EE QORICHA PREDNISOLONE 5 mg
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1️⃣.Qorichi prednisolone maali?
✍Prednisolone~jechuun qoricha gosa garee (corticosteroids) ta'ee kulkula(inifilaameeshinii) qaama keessaa hir'isuu fi sirna dandeettii ittisa qaamaa si'aawaa baay'ee dabalee jiru tasgabbeessuuf kan gargaaruudha.
2️⃣. Qoricha prednisolone maalif fayyadamna?
✍Qoricha prednisolone kophaa isaa ykn qorichoota biroo waliin .......
👉 Mallattoo hanqina corticosteroid qaama keessaa.
👉 Inifilaameeshinii dhibee arthritis.
👉 Inifilaameeshinii dhibee sirna narvii,cabsannaalee qaamaa fi gogaa miidhuu(lupus).
👉 Inifilaameeshiinii dhibee gogaa(psoriasis ).
👉 Inifilaameeshiinii dhibee kolonii( ulcerative colitis).
👉 Inifilaameeshiinii alarjii.
👉 Mallattoo dhibee kaansarii muraasa.
👉 Inifilaameeshiinii rakkoo xayyacha sirnan hin hoojjannee.
👉 Haalota muraasa gogaa,Ija,somba,kalee,garaacha,Sirna narviilee, mar'iimaanii fi seelii dhiigaa miidhuu malan fi kkf yaaluuf gargaara.
3️⃣.Qoricha prednisolone fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍ Namoonni alarjii qoricha prednisolone ykn inifeekshinii fungasii qaamarraa qabu qoricha kana fayyadamuu hin llqabuu.
✍ Qorichi prednisolone dandeettii dhibee ofirra ittisuu qaamaa wan hir'isuu maluuf namoonni Infeekshinii dhibee kamuu qabu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabu.
✍ Namoonni inifeekshinii sombaa si'aawaa qabu,rakkoo taayifooyidii,inifeekshinii ijaa(herpes eye infections),madaa garaachaa,dhiphina sammuu,dhibee sammuu,dhibee tiruu,dhiibbaa dhiigaa,rakkoo maashaalee fi kkf qabu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
✍ Qorichi prednisolone gulukoosii dhiiga ykn fincaanii keessaa dabaluu wan maluuf namoonni dhibee sukkaaraa qaban ogeessa fayyaatiif himuun doosii qoricha sukkaaraa sirreeysuun fayyadamuu qabna.
✍ Yeroo qoricha prednisolone fayyadamaa jiru qorichoota talaallii(vaccine) fayyadamuu hin qabnu.