10/09/2024
2017
Kan biyya keessa jirtan
Gara maatii galtanii
Kan biyya alaa jirtanis~haadhaaf abbaa keessaniif
Ergitanii qaltanii!
,,,
Hireen isin fageessus
Maatii kan keessanirraa
Waan qabdan hiixattanii
Bakkuma teessanirraa
,,,
Warri keyriin yaadattan
Maatii keessaniif ollaa
Baga nagaan geessani
Nullee isiniin tollaa
,,,
Jireenya fooyyeffachuuf
Baarii gama ceetanii
Ayyaana maatii faana
Dabarsuu osoo feetanii
,,,
Hiree jiruutiin har'a
Kan fagaattan wolirraa
Milkiif argataan galaa
Abdii godhaa olirraa
,,,
Kan rakkoon gadditanii
Jirtan imimmaan cobsaa
Jiraachuun hunda caala
Kan du'e yaadaa obsaa
,,,
Maddi jireenya isaa
Akka tasaatti gu'ee
Meeqamee kan nubiraa
Waggaan asitti du'e?
,,,
Waggaa ga'uu jechuun
Xiqqoo miti firaa
Meeqatu nubiraa
Deeme ganda aakiraa
,,,
Fedha Rabbiin qofa
Baraa bara ceenaa
Tola Rahmaan kana
Maaliif xiqqoo seena?
,,,
Kan har'a jiraadhaaf
Ol galee gad-ba'u
Fedha rabbiin malee~sekondiif lubbuun turuu
Wollaahii hin danda'u
,,,
Hargansuun adda cita
Onneen rukuttaa dhaabdi
Lubbuutu qaama gattee
Galmee du'aarra yaabdi!
,,,
Waggaa ga'uu jennaan
Laayyoo seetaa tarii?
Fedha Rabbii qofaan
Bullee argina barii
,,,
Fedha Rabbii qofaan
Nagaan kaana hirribaa
Waggaa ga'uun beeki
Kennaa, isa dirriba
,,,
Tarii milkaa'uu dhabdee
Hagam rakkoon sidhaalu
Fayyaa qabduuf galati
Qabeenya mara caalu
,,,
Jireenya dirra lafaa
Kan zalaalamaa se'ee
Osoo jiraachuuf jooruu~meeqatu qoomaa du'e
Gororrumtisaa fe'ee
,,,
Tola Rahmaan dagatee
Duniyaaf dhabee sabrii
Du'a osoo hin yaadatin
Meeqatu bu'e qabrii?
,,,
Eeyyama isaatiin qofa
Lubbuun ardiirra teenya
Tola Rabbiitiin qofa
waggaa harawa geenya
,,,.... Kanaafuu .....
Namuu murtiisaan du'a
Tola isaatiin dhalataa
Kan nagaan waggaa geessan
Rabbii guddaa galataa!
,,,
Guyyaa hundarra caalu
Ibaadaan haa jabaannu
Rakkataa haa mil'annu
Arjummaa haa qabaannu
,,,
Haqa jaraa yoo eegne
Har'aafi boru tollaa
Haadha hiyyeessaaf yatiima
Hunduu yaadadhaa ollaa
,,,
Shiraaf daba jallataan
Hajjii deemuu kajeelee
Warra daanga'ee hafe~ egeree sin haa waamu
Karaan hunduu qajeelee
,,,
Kanneen hajjaatanillee
Sinirraa haa qeebalu
Qananiin biyya lafaa
Ammarraa haa eegalu
,,,
Barrii harawaan kunii
Kan milkii nuuf haa ta'u
Kan baranaan nu ga'e
Kan dhufuun nuhaa ga'u
,,,
Addunyaa guutuu irraa
Biyya adda addaa teessanii
Xiqqaa guddaan martinuu
Baga nagaan geessani!
βοΈ.... Arjuun Taajuddin