25/10/2023
Magaalaa Dabbasotti, Inisheetiviin qonna magaalaa garagaraa dargaggoof carraa hojii ummuuf hojjatamaan daawwatameera.
=========
Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo Magaalaa Dabbasootti, Hojileen qonnaa magaalaa carraa hojii dargaggootaaf umuuf inisheetiviin misoomaa adda addaa hojjatamaan qaamolee hawaasa adda aaddaa godinichaan dawwatamee jira.
Hojileen inisheetivii qonna magaalaa adda addaa bakka hooggansi godinaa fi naannoo, Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, dargaggoonni fi qaamoleen hawaasaa gara garaa argamanitti kilaastara lukkuufi sheedii kilaastaar damma fi furdisa beeyladaa walumaagalatti hojileen dargaggootaaf carraa hojii umuuf hojjataman daawwatameera.