01/06/2026
🌹 Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh Obboloota Koo Qaalii 🌹
Akkam jirtu? Inshaa'Allaah hundi keessan nagaa, fayyaa, iimaanaa fi gammachuu keessatti jirtu jechuun abdadha.
Obboloota koo kabajamoo, yeroo gabaabaafillee du'aa'ii keessan keessaa na yaadadhaa. Rabbiin hojii koo naaf haa laaffisu, rakkoolee koo naaf haa salphisu, karaa kheeyrii naaf haa banu. Qalbii koo tasgabbeessu, iimaana koo jabeessu, jireenya koo keessatti barakaa fi milkaa'ina naaf haa godhu.
Isin hundumaafis Rabbiin fayyaa guutuu, rizqii halaalaa bal'aa, iimaana cimaa, beekumsa faayidaa qabu, hojii gaggaarii fi xumura gaarii isiniif haa kennu. Wal jaallachuun keenya Rabbiif haa ta'u; wal du'aa'iin keenya immoo addunyaa fi Aakhiratti nu haa fayyadu.
🤲 "Yaa Allaah! Cubbuu keenya nuuf araarami, qalbii keenya qajeelchi, rakkoo keenya nu irraa kaasi, hojii gaggaarii irratti nu jabeessi. Nuufis, maatii keenyaafis, obboloota keenya hundaaf kheeyrii addunyaa fi Aakhiraa nuuf kenni. Aamiin Yaa Rabbal Aalamiin." 🤲
Du'aa'ii keessan keessaa na hin dhabsiisinaa obboloota koo qaalii. Jazaakumullaahu Khayran. 🌺🤍