Seyfu getahun page

Seyfu getahun page β€œ Waa’ee jireenyaa barreessuudhaaf dura jiraachuu qabda.β€πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯οΈπŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡πŸ˜‡

20/03/2026

"Ergan waan na hin galchine galuu dhiisee
Cinaachi koo lafa ga'ee ciise
Ergan waan na hin ilaallanne harkaa ba'ee
Na dhukkubee hin beeku fayyaan ta'e!"

Jedha walaloon tokko. Eenyu akka barreesse hin beeku☺️

18/02/2026

Jaalala jalqabuun kan nama hundati garuu hanga dhumaatti waliin turuun immoo kan warra dhugaan wal jaalattuuti.

10/08/2025

❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️
Ati dhugaan maali
maleeyka moo namaa
Nama akka keetii
hin agarree takkumaa
Bareedduu hangaatuu
wal ardi wa samaa
loosha mudhii sonsaa
bareeda uumamaa
Keessi kee xaliilaa
irra caaltuu namaa
Takka sitti hin maltu
Si caale hundumaa
Yaadaaf jaalala tee
akkam je'eetin himaa
jaalalaan na mootee
Jaartiin tiyya sumaa
Waan takkan barbaadu
Si arkannaan humaa
hedduun si jaaladha
takkittii akka kumaa
❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️

10/08/2025

β™₯️❀️❀️β™₯️❀️❀️β™₯️❀️❀️
Keessa koo seenii laalii
Hangaan si jaaladhuu
Jiruu koo fuulduraaf
akkaan si abdadhuu
dhanna onnee koo
Sirri dhageeffadhuu
Jaalalaan siif qabu
Sirri naaf hubadhuu

Jaalalti jireenyaa
itti qoosuun hin taatuu
akka tasaa dhuftee
akka tasaa hin badduu
tapha geemii taatee
ittii hin taphatamtuj
jaalaltii dhugaadha
dhugaan tapha hin taatuu
Wal arkachuun dirqama
Namni wal jaalatuu

08/04/2025

Utuu Carraan biyya kanaa bahuu
Nama Hundumaaf kennamee eenyutu Biyya kanatti
Hafa jettanii Yaaddu

23/12/2023
03/12/2023

# Odaa shanan(5)
1. Odaa Nabee - G/Shawaa bahaa
2. Odaa Bisil - G/Shawaa lixaa
3. Odaa Bulluq - G/Horroo Guduruu
4. Odaa Roobaa - G/Baalee
5. Odaa Bultum - G/Harargee lixaa

03/12/2023

# Gadaa oromoo shanan(5)
1. Birmajii
2. Duuloo
3. Michilee
4. Melba
5. Roobalee

24/11/2023

Meeshaa waraanaa diinni Awwaale hordoffii qaama nageenyatiin too’atame.
Sadaasa 13 Bara 2016
Godina Iluu abbaa boor Aanaa algee saachii Ganda dhiphaa keessatti meeshaa waraanaa diinni Awwaale Eeruu hawaasa keessaa argamee irratti hundaa’uudhaan hordoffii Qajeelchi Poolisii Godina Iluu Abbaaboor taasiseen meeshaan waraanaa gosa adda adda iddoo awwaalame bahe jira. meeshaaleen kunis :-
- Kilaashii dacha’aa tokko(1)
- shuulkeetti torba(7)
- SKS tokko (1)
- PPSH sadii (3) kaartaa 3 waliin fi
- Filubeerii tokko(1) sakatta’insaa taasifameen iddoo awwaalamee bahee kan to’atame ta’uu kutaa Olaanaa Ittisaa Yakkaa Qajeelcha Polisii Godina Iluu Abbaaboor komaandar Takkaaliny Taasisaa ibsaniiru.
Haaluma kanaan olantummaa seeraa kabachiisuun ciminaan hojjiwwaan hojjetamaaniin milkaa’inni argame bu’aa hawaasaa waan ta’eef,nageenya hawaasaa akka mirkanaa'uuf hooggantoota kaasee hanga caasaa gandooleetti bu’aa nageenyi qabu hubannoo argateen xiiqiin hojjechuun, hawaasni keenya yaaddoo nageenyaa tokko malee,hojii misooma isaa karaa guutuu ta’een itti fufuu qabu.
Akkasumas hawaasni keenya Eeruu qaama nageenyaatiif kennuun qaama nageenyaa cina dhabbachuu isaanitiif qajeelchi Poolisii Godina Iluuabbaboor galata guddaa kan qabdan ta’uu fi gara fulduratti tumsi keessan kun daran cimee itti fufuu akka qabu murteessaa ta’uu dhaamaniiru. Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Iluuabba boortu gabaase.

Nagaan hunda keenyaaf.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa Poolisii Oromiyaa irraa argachuuf:-
Www.oromiapolice.gov.et

https://www.facebook.com/oromiapolicecommission
https://t.me/oromiapolice

Address

Cc
Harar
GGG

Telephone

+251942708879

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Seyfu getahun page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category