Risqii HM

Risqii HM Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Risqii HM, Grocers, Bedeno, Harar.

Oduu Gammachiisaa!❤️Guyyaa har'aa Abbaan Qabeenyaa Oromoo Sooreeysa Yadeta Juneydi baranaas akka biyyaatti gibira hanga ...
07/10/2025

Oduu Gammachiisaa!❤️
Guyyaa har'aa Abbaan Qabeenyaa Oromoo Sooreeysa Yadeta Juneydi baranaas akka biyyaatti gibira hanga isarraa eeggamuu ol kafaluun sadarkaa 1ffaa qabachuun Aantummaa fi jaalala biyya isaaf qabu agarsiisuun badhaasa 2 Platinum fi Special Top Award je'u Muummicha Ministeera Itoophiyaa Dr.Abiyyii Ahamad harkaa fudhatee jira. Waan nama gammachiisu Badhaasa baranaa isa bara dabreerraa wanti adda godhu Sooreeysi keenya Yaadataan Abbootii qabeenyaa gibira kafalan keeysaa Badhaasa Addaa (Special Award) jedhu addaatti namni muummee ministeeraa harkaa fudhate isa qofa tahuu isaati.

Obbo Yaadataa Juneeydii Dureeysi lammii isaa gargaaruun beekkamuu qabeenya horatee Dhaabbilee gurguddaa biyyi kun qabdu kuma 36 keeysaa National Cemento caalaa gibira kaffaluun Abbootii qabeenyaa biyya kanaa keeysaa sadarkaa 1ffaan akka biyyaatti Gibira kafaluun badhaafamuu caalaa wanti nama gammachiisaa hin jiru. Namni kun nama qabeenya isaan saba isaa gargaaruun "Abbaa hiyyeessaa" jechuun beekkamuudha. Dhiheenya kana Ummata keenya garee shiftaa Faannootiin qe'eerraa buqqaafamanii beelaan rakkoo hamtuu keessa jiraniif qarshii miiliyoona kudhan deeggarsa taasisuun isaa ni yaadatama.

Abbootiin qabeenyaa utubaa biyyaati. Gibira isaan kafalaniin biyyi jiraatti, hegereen lammiilee taraaramti. Akkasuma warri gibira dhoksan jiru. Kanaaf Abbootii qabeenyaa gibira isaan irraa eeggamu seeraan kafalan galateeffachuun Aadaadhaasi, sirnaasi. Abbootiin qabeenyaa biraatiis fakkeenya kana fudhachuun gibira isaan irraa eeggamu seeraan akka kafalan dhaamna. Saba kanaafiis tahee biyya tanaaf abbootii qabeenyaa akka Yadeta Juneydi kumaa fi kitilaatu barbaachisa. Umrii nuuf haa dheeratu jenna.

Gamanumaanuu baga gammadde nuuf jedhaan!❤️

Saaladdiin Abdii

Guardiola fi Klopp dirree deeggarsaa Fala🇵🇸sxiin irratti ********Alhamdulillaah amma dhimmi martuu jijjiiramaa jira. Ilm...
07/10/2025

Guardiola fi Klopp dirree deeggarsaa Fala🇵🇸sxiin irratti
********
Alhamdulillaah amma dhimmi martuu jijjiiramaa jira. Ilmi namaa namooma qabu gara deegarsa haqaattis dhufaa jira.

Leenjisaan Manchester City hiriira deegarsaa guddaa Ispeen keessatti har'a gaggeffame irratti hirmaate yakka I-zrael Ga*💔 zaatti raawwataa jirtuun "dugu-ugaa sanyiiti" jedheera.

Peep "Wanti Ga*💔zaatti ta’aa jiru “dugu-uggaa sanyiiti”, daa’imman kumaatamaan lakkaa’aman ajjeef*amaniiru, ammas kan du’uu danda’an baay’eetu jiru. Gaaddidduun aggaammii itti fufeera" jedhe.

Itti dabalees Ga*💔zaan guutummaatti miidhamteetti, jiraattonni kuma dhibbaan lakkaa’aman mana, nyaata, qorichafi bishaanillee hin qaban jechuun rakkoo lammilee Ga*💔zaa irra ga'aa jiru ibsa n hiriira balaaleffannaa I-zrael irratti argamee.

Leenjisaan duraanii
is karaa midiyaalee hawaasummaa isaa deegarsa Fala🇵🇸 sxiiniif qabu agarsiisuufi ergaalee isaa dabarsuu itti fufeera.

© Amar Temam

07/10/2025

Address

Bedeno
Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Risqii HM posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category