31/03/2026
Ciniinsuu galgala gaafa sanaa (Halkan Sa'aa 5:25)
Halkan sa’aatii 5:25-n yeroo biyyi keenya abdii fi sodaa, cinqii fi muddama ulfaataa keessummeessite ture! guyyoota 17 guutuu waltajjii mormii fi wal-mil'annaa hammaataa booda, bu’aan ciniinsuu ifatti bahe!
Mormii cimaa hoggantoota gidduu ture keessatti, morkattoonni sadii dhiyaatan: isaanis, Dr. Abiyyi Ahmed, Dr. Debretsiyoon G/Mikaa'el fi Obbo Shifarraa Shugguxee turani. mormii fi kurriffannaadhuma keessa sagaleen kennamuu itti fufe! sagalee kenname 180 keessaa, Dr. Abiyyi Ahmed Sagalee 108, Obbo Shifarraa Shugguxee Sagalee 59, Dr. Debretsiyoon G/Mikaa’el Sagalee 2 argachuun, Dr. Abiyyi Ahmed sagalee caalmaan dura ta’aa ADWUI ta’uun filataman!
Guyyaan sun, seenaa biyya kanaa keessatti haala kanaan dura hin beekamneen galmee seenaa irratti barreeffame! halkan bari'uun ganama isaa, Kabajamoo Dr. Abiyyi Ahmed paarlaamaa biyyattii fuulduratti kakuu raawwachuun, Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa ta’uun muudaman!
Sirna kakuu booda, haasawaa paarlaamaa duratti taasisaniin, "Itiyoophiyaanota hundaaf nagaa" jechuun, namoota biyya keessaa fi ala jiran hundaaf waamicha nagaa dhiyeessuun, dubbii onnee ummata guutuu biyyattiitti cophu dubbatan!
Guyyattiin sun; guyyaa seena qabeessaa fi biiftuun bilisummaa saboota sablammoota biyyattiif itti baate jedhamuun galmee seenaa irratti katabamuun ol-kaa'amte!
Egaan....Bitooteessa 24 waggaa saddeettaffaa isaa yoo kabajnu, seenaan baroota dheeraa (waggaa 150) booda jijjiiramuu isaa yaadanna! guyyaa akka kamisa iftaanii waggaa 150 booda, dhalli Oromoo masaraa mootummaa Itiyoophiyaa dhaaluun seenaa haaraa fi boqonnaa injifannoo dhiigaa fi lafeen dhufe hojiin mirkaneesse!
MM Dr. Abiyyi Ahmed erga muddamaa fi mormii cimaa booda gaggeessaa olaanaa biyyattii kanaa ta'uun masaraa seenanii kutannoo fi ejjennoo isaaniin, daandii biyya kana gara jijjiiramaatti ni ceesisa jedhanii itti amanan hojiirra oolchuuf ciniinnatanii ka'ani.
Itoophiyaa guddatte arguuf yaada waggoota 15 dura ol-kaa