Aliyyi Fadis

Aliyyi Fadis Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Aliyyi Fadis, Grocers, Fedis.

Diinagdeen Itiyoophiyaa qormaata keessatti guddina saffisaa galmeesseera – Obbo Ahimad ShiideeFinfinnee, Hagayya 29, 201...
04/09/2024

Diinagdeen Itiyoophiyaa qormaata keessatti guddina saffisaa galmeesseera – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC) – Waggoottaan 6 darban Diinagdeen Itiyoophiyaa qormaata keessatti guddina saffisaa galmeessuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Fooramiin Biiznasii Itiyoo – Chaayinaa Beejiingitti gaggeeffamaa jira.

Itiyoophiyaan Invastimantti kallattii Alaa hawwachuun Baha Afrikaarraa adda duree ta’uu Obbo Ahimad Shiideen fooramicharratti haawasa taasiisaniin eeraniiru.

Gabaan Kaappitaalaa, Fooyyessi Diinagdee fi kanneen biroo Invastimantii hawwachuuf mijataa ta’uu eeraniiru.

Misoomni Qonnaa, Turizimii, Indaastiriin Oomishaa fi kanneen biroon bu’aa qabeessa ta’uu dubbataniiru.

Damee fayyaan hojjechuuf bu’uraaleen misoomaa mijataan jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan himaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

04/09/2024
04/09/2024
02/09/2024

Yunivarsitiin Finfinnee hojmaata haaraa simannaa barattootaa 2017 hojiirra oolchuufi
*********************
Gaazexaa Bariisaa

Yunivarsiistiin Finfinnee, hojmaata haaraa simannaa barattootaa, bara 2017 eegalee akka hojiirra oolchu ibse.

Hojmaatichi yunivarsiiticha dhaabbata barattoonni ciccimoofi dandeettii addaa qaban itti baratan taasisa jedhameera.

Dhimmicha ilaalchisuun Pirezdaantiin Yunivarsiitii Finfinnee Doktar Saamu’eel Kiflee ibsa miidiyaleef kennaniin, hojmaati haaraan simannaa barattootaa kun qaama ce’umsa gara ofiin ofbulchuutti yunivarsiitichi taasisuuti jedhan.

Hojmaatichi bara haaraatti simannaa barattoota digrii jalqabaafi lammaffaa haaraa taasisurratti kan hojiirra oolu ta’uu himan.

Barattoonni qabxii dorgommii qophaa’ee, qormaata seensaa akkasumas ulaagaalee biroo wayita guutan gara yunivarsiitichaatti kan simataman ta’uu himaniiru.

Hojmaatichi haala haqaqabeessa ta’een barattoota keessummeessuuf kan bocame ta’uu ragaan yunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Barattoonni bara 2014, 2015fi 2016 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii darbiinsaa galmeessisan ulaagaa ba’u giddugaleeffachuun gama poortaalii yunivarsiitichaa https://portal.aau.edu.et ‘tiin galmaa’uu akka danda’an beeksiseera.
Hagayya 27 Bara 2016

02/09/2024
02/09/2024
02/09/2024

Naannoon Itoophiyaa Giddugalaa guyyaa hundeeffamasaa Qaam’ee 1 kabajata
*************
Gaazexaa Bariisaa

Naannoon Itoophiyaa Giddugalaa guyyaa hundeeffamasaa Qaam’ee 1 kabajachuuf qophii xumuruu pirezdaantiin naannichaa Obbo Indashawu Xaasoo ibsan.

Naannichi wayita hundeeffamu, godinaaleen gaafilee naannoo ta’uu ittigaafachaa turan, rakkooleen bulchiinsa gaariifi kanneen biroo kan turan ta’uu yaadachiisanii, naannichi akkuma hundeeffameen karoora guyyoota 100 bocuun rakkoolee jiran hiikuun gara hojii guutuutti galeera jedhan.

Hojiileen damee fayyaa, barnootaa, qonnaafi kanneen biroo haala gaariin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan guyyaan hundeeffama naannichaa Qaam’ee 1 bara 2016 kan kabajamu ta’uu ibsanii, ummata naannichaafi Itoophiyaa maraaf ergaa bara haaraas dabarsaniiru.
Hagayya 27 Bara 2016

Address

Fedis

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aliyyi Fadis posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category