Tulluu haraaraa

Tulluu haraaraa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Tulluu haraaraa, Grocers, Dukem.

02/04/2026
02/04/2026
09/03/2026

Mirga Filachuu Keenyaa – Yaa Fayyadamnu!
==========
Itoophiyaa keessatti fudhatamummaan Aangoo siyaasaa sagalee uummataatiin murtaa’uu qaba. Paartiin Badhaadhinaa Aangoo humnaan ykn maqaa waaqaatiin argamu irraa gara fedhii uummataatti ce’umsa fidee filannoo marsaa 6ffaa karaa dimokiraatawaatiin gaggeessuun mootummaa Eyyentaa uummataatiin hundaa’e ijaareera.

Kanaaf uummatni mirga heeraan kenname fayyadamuun galmaa’ee sagalee isaatiin mootummaa filachuu qaba. Yeroon amma; galmoofnee kaardii filannoo keenya qabannee egeree keenya haa murteessinu.

Ni galmoofna; Filannoon Keenyaa Paartii

04/03/2026

Yaadota ijoo Muummeen Ministeeraa Doktar Abiy Ahimad dhimmoota Waqtaawaa irratti af-gaaffii Miidiyaa waliin Afaan Tigiriffaan godhan keessaa fudhataman.

👉Uummata Tigiraayiif waraana caalaa Nageenyaafi misoomatu malaaf.
👉Dargaggootni qaamota yaada dulloomaatiin waraanatti isaan oofan irraa of eeguu qabu.
👉Naannoo Tigiraayitti nagaan akka bu'uu fi Waraanni lammaffaa akka hinjiraannee mootummaan fedhii guutuu qaba.
👉TPLF dhaaba ilaalcha boodatti hafaa waggaa 50 duraatiin hidhameefi jijjiirama fudhachuuf fedhii hin qabneedha.
👉TPLF daandii moofaarra deemuuf yaaluunsaa walitti bu'insaaf isa saaxileera.
👉Humnootni dhaabbatanii hafan sodaa dogoggoraa Itoophiyaan nii diigamti jedhu facaasuun humna jijjiiramaa akka diinaatti ilaalaa turaniiru.
👉Seenessi Dogoggoraa Itoophiyaa Lammileen shakkiidhaan akka jiraataan godheera.
👉Ummatni Tigiraayi nagaa akka argatuuf mootummaan tajaajilli akka Baankii,Ibsaa fi Telekoomii fi kkf ariitiin akka dafee tajaajilatti deebi'u godheera.
👉Gareen Dhaabbiin hafe waliigaltee Piritooriyaa keessaa filatee raawwachuu akka barbaaduutu hubatama.
👉TPLF heera Mootummaa fi murtoo Boordii Filannoo biyoolessaa hinkabajne.
👉Dhaabni TPLF baajeta misoomaaf ramadame qophii waraanaa fi nyaata hidhattootaaf oolchaa jira.Kun ammoo Uummata Tigiraay irratti dararaa dabalataa fidaa jira.
👉Wayita waraanaa badiiwwan raawwataniif itti gaafatamummaa mirkaneessuuf loogii siyaasaa irraa karaa bilisa ta'een ce'umsi haqaa barbaachisaadha.Qaamoleen yakka raawwatan seeraan gaafatamuu qabu.
👉Gochootni badii kamuu,ajjeechaa fi saamichi wayita waraanaa keessattuu naannoolee akka Aksum,Adwaafi Shireetti raawwatame gocha fudhatama kan hinqabneedha.
👉Giddu seentummaa alaa kamiyyuu mootummaan cimsee nii morma;birmadummaa biyyaa kabachiisuufis nii hojjeta.

Address

Dukem

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tulluu haraaraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category