18/11/2025
Fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuun, Badhaadhina Hunda Galeessa Dhugoomsuuf!
_________
Godina Harargee Bahaatti raawwiin hojii Misoomaa guyyoottan 15nan darbanii Bakka Bulchaa itti Aanaan Godinichaa Obbo Mohammedin Kabirhussien argamanitti qoratamanii kallattiin raawwii Hojiiwwan itti Aananii kannameera.
Raawwiin Hojii kun Hoggansi sektarootaa fi Manajimentiin Sektarootaa bakka argamanitti kan qoratame yoo tahu Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Godinichaa Obbo Mohammed Jemal Ibro gabaasa raawwii hojii dhiheessanii hanqinaaf ciminoota adda Bahan irratti mariyatamuun kallattiin raawwii hojiiwwan itti Aananii Bulchaa Itti Aanaa Godinichaa Obbo Mohammedin Kabirhussien kannameera.