05/06/2025
📢 Dhaamsa Ijoo:
Miidiyaalee Fi Ayyaanaaf
Yeroo ayyaanaa miidiyaaleen mootummaa fi dhuunfaa sagantaalee ayyaanaaf qophaa’an irratti hawaasa gammachiisuuf tattaaffii godhan ni dinqisiifanna. Garuu yeroo hedduu sagantaaleen dhiyaataniif bakka Ayyaana Islaamaa bareechu irraa gara faallaa aadaa fi amantii keenya faalleessuu fi faaluutti deemu,kanarratti waan jedhu qaba:
⚠️ Qabxiiwwan hubannoo barbaadan:
1. Duudhaa Amantii Cabsuu:
Sagantaaleen muuziqaa, shubbistoota fi diraamaa qabatanii dhiyaatan seera Islaamaa cabsuun dhiyaatu.
Hawaasni Islaamaa garagaraa – Sheekkota, daa’ii, fi miseensota hawaasa islaamaa – fuuldura kaameraatti hojiiwwan shari’aan dhorkite irratti hirmaatuun waggaa waggaan argamuun wallaalaa fi dogoggoran deeggaraa jiru.
2. Ilaalcha Jallataa Hawasa Dhaalchisuu:
Dargaggoonni, shamarran, fi maanguddoonni hedduun sagantaa keessatti hirmaachuudhaan, maqaa “ Bashannana Ayyaanaa “ jedhuun gocha dogoggoraa raggaasisaa jiru.
3. Rakkoo Ilaacha Faallaa Dargaggoota Keessatti Uuma:
Dargaggoonni keenya sagantaalee kana qabatanii “Islaamni gocha akkanaa hin daangessu ” jedhanii yaaduu jalqabu. Kunis sammuu hin bilchaatinii fi beekkumsa shari’aatiin hin ijaaramin biratti wanta hayyamamaa tahee keessatti hafa. Dhaloonni dhufus kana dhaalee argama.
3. Dhageettii Islaamaa Biyya Keenyaa Miidhuu;
Sagantaan kun miidiyaa irratti baha,wanti miidiyaa irratti ol bahe addunyaa keenya hunda bira gaha. Biyyootni islaamaa muslimoota itiyoophiyaa bifa amantii faalleessuu fi wantoota jaahiliyyaa kanaan arga. Duraanuu hin jirrutti nu beeku,gaafa bifa kanaan mul’anne seenaa keenyarratti dhiibbaa guddaa uuma.
⁉️ Gammachuun Muslimootaa Muziqaa fi Diraamaa Faallaa Amantii Irraa Dhufa Moo Daangaa Shari’aa Keessatti Bashannana RABBIIN hayyameen dhufa !?
📌 Gaafii;
• Sagantaa RABBIIN dallansiisee ilma namaa gammachiisu irratti hirmaatuun islaamummaa dhaa!?
• Ayyaanni waan duudhaa fi safuu amanticha eeguun kabajama moo waan fuula amantii madeessuuni ?
• Akkamitti ummanni Islaamaa waan amantiin isaa haraama godheen ayyaana isaa kabajata?
• Qophiileen Muslimoota fakkaatan,gorsa Qur’aanaa fi Hadiisaa,Nashiidaa qulqulluu sagalee bareedaan,qophiilee bashannansiisoo tahan kan islaamummaan hayyame maaliif hin goone?
✅ Furmaata:
• Miidiyaaleen mootummaa fi dhuunfaa hojii isaaniif itti gaafatamummaan sagantaa shari’aa fi aadaa eeguun akka hojjatan yaadachiisuun barbaachisaa dha.
• Majlisni Islaamaa Gubbarraa hanga godinootaatti jiran qophiilee ayyaanaa fi ummata islaamaa ilaallatan kamuu jala bu’ee waan amantichaan madaalu akka hojjatan gochuun dirqama morma isaa irra jiruu dha.
• Hawaasni Islaamaa gaaffii, qeeqaa, fi deeggarsa sirrii miidiyaalee irraa qabu akka dhiyeessu beekuu qaba .
• Miidiyaaleen islaamaa qophii ayyaana Muslimootaan wal qabatu godinoota adda addaa irratti hojjachuu qabu.
• Sagantaaleen akkanaa yoo kan itti fufu ta’e hawaasni islaamaa irratti hirmaatuu irraa of qusatee irraa wal baqachiisuun dirqama isaati.
⸻
🕊️ Ayyaanni Islaamaa gammachuu qofa osoo hin taane, mallattoo Islaamummaati, fuulaa fi boca islaama fakkaatuun akka dhiyaatu gochuun akka bareedee mul’atu irratti hojjatuun dirqama muslimtooti.