Sembato Rameto Bongore

Sembato Rameto Bongore By Peoples , for people……! Uummataan, Uummataaf…….hojjanna…..!

21/06/2026

Ifoomuu bu'aa Xumuraa Filannoo waliigalaa Marsaa 7ffaa hordofee ergaa galateeffannaa Paartii Badhaadhinaa!

Kabajamtoota Itoophiyaanota, Kabajamtoota miseensota hawaasa siyaasaafi qooda fudhattoota filannoo;Har’a Itoophiyaanonni dimokiraasii qabatamaan kan itti agarsiisan, seenaa cululuqaa kan itti galmeessanii fi Afrikaan waa'ee ofii ofumaa murteessuu akka dandeessu hawaasa idil-addunyaatti ifaan kan itti mul'istee fi boqonnaa haaraan kan itti saaqame ta'uun ifoomera! Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa seena qabeessa kanaan, ummanni keenya Paartii Badhaadhinaa guddummaa Itoophiyaa dhugoomsuf kaleessa wal'aanaa egeree boru bu'uura cimaa irra dhaabuf hojjachaa jiruuf itti gaafatamummaa fi amanaa guddaa irra deebiin itti kenneera. Paartiin Badhaadhinaas amaanaa ummataa guddaa kana kan ofitti fudhate milkaahina isaatin osoo of hin dagatin, hanqinaalee jiran sirreessaa, ummata isaa qulqullummaan tajaajiluu fi waadaa isaa gocha qabatamaadhan dhugoomsuf hojjeta. Kabaja guddaa kanaa fi waliigaltee dimokiraasii ummanni Itoophiyaa nutti kenne qajeelummaa fi kabaja ol'aanadhaan fudhanna.

Ergaan galateeffannaa kun, lammiilee sagalee nuuf kennan qofaaf osoo hin taane; keessumaa, lammiilee filannoo barbaadan filachuun mirga isaaniitti fayyadaman, akkasumas kaardii filannoo isaaniitiin sagalee nuuf kennuu irraa of qusatan yoo ta’anillee adeemsichi seera qabeessaa fi nagaa akka ta’uuf gahee isaanii kanneen bahatan hunda hammata. Sababni isaas hirmaannaan lammiilee hundaa dimokiraasiin biyya keenyaa injifataa dhugaa akka ta'u taasiseera.

Adeemsa filannoo kana keessatti dhugaan bu’uuraa ifatti adda baafamuu qabu tokko ni jira፦ Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa argatee mootummaa ijaaruuf mirga argachuun isaa, mul’ata badhaadhina waliigalaa Itoophiyaa mirkaneessuun imala milkaa’aa taasifachaa jiruuf akka carraa guddaatti kan fudhatamu yoo ta'u; filannoon kun guutumatti nagaa, bilisa, haqa qabeessaa fi amansiisaa ta’uun xummuramuun isaa injifannoo tarsiimoo biyya keenya jaallatamtuu Itoophiyaa fi ummata ishee hundaaf mirkaneessudha!

Filannoon kun akkuma filannoowwan darbanii dorgommii siyaasaa baratamee ykn taatee yeroo qofaa hin turre. Filannoon kun shiraa siyaasaa keessoo fi alaa kan kukkute, birmadumma Itoophiyaa qabatamaan kan mirkaneessee, bilchina dhaabbilee dimokiraasii keenyaa karaa bu'a qabeessa ta'een kan mirkaneessedha. Taatee seena qabeessa Itiyoophiyaan guutumatti ofumaan, dhiibbaa alaa kamiif iyyuu osoo hin jilbiinfatin raawwatte kun, dimokiraasii man-dhalee fi birmadummaa ardichaa kan mirkaneessee waan ta’eef, kabajaafi fakkeenyummaa Afrikaanota hundaa ta’eera.

Lammiilee miliyoona 54 ol hirmaachun isaanii dammaqina xiin-sammuu siyaasaa ummata keenyaa kan agarsiisu yoo ta’u, sagalee fi fedhii birmadummaa ummataa kabajuun dirqama mootummaa fi qooda fudhattoota siyaasaa kamiiyyuu akka ta’e qabatamaan mirkanaa’ee jira. Filannoo kanaan, diinonni Itiyoophiyaa biyya jeequuf gidiraa fi shirri siyaasaa xaxan bilchina ummata keenyaan guutumatti akka fashalaa'u ta'eera.

Bu’aan seena qabeessa ta'e kunii fi injifannoo Itiyoophiyaa mirkaneessuun qabsoo qooda fudhattoota hundaatin ala kan anda’amuu miti. Waan kana ta'eef, Paartiin Badhaadhinaa milkaahina filannichaatif qaamolee tumsan hundaaf galataa fi kabajaa dhiyeessuu barbaada.Keessumattuu adeemsa filannoo seena qabeessa kana keessatti, ummanni Itiyoophiyaa birmadummaa biyya keenyaa bu’uura cimaa irra dhaabuf aantummaa fi kutannoo hin raafamne agarsiisee jira.

Keessattuu, guyyaa filannoo, halkan keessaa sa’aatii 10 irraa eegalee, mul’ataan qajeelfamee, qorra fi dadhabbii jaalala biyyaatin mo’atee, hanga guyyaa itti aanu halkan keessaa sa'aatii 10'tti sa’aatii 24 guutuu obsaa fi naamusa ol'aanadhaan, mirga heera mootummaatiin kennameef hojiirra oolchuuf hiriira dhaabbate. Kutannoon seenaa qabeessa ta'ee fi bilchinni siyaasaa ummanni keenya agarsiise Paartii Badhaadhina qofaaf osoo hin taane, biyyoota dimokiraasiin guddachaa jiran hundaafi ardii Afrikaaf fakkeenya gaarii kan ta'uudha. Akka kanaan Paartiin keenya ummata hubataa fi qaroome kanaaf, kabaja fi galata ol'aanaa qabu gara laafummaa guddaan dhiyeessu barbaada.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa filannoo kana waliigalatti, walabummaa guutuudhaan, gahumsa ogummaa olaanaadhaan, obsaa fi qajeeltoo seeraan hoogganamuudhaan walabummaa Jaarmiyaaleen biyya keenyaa addunyaa irratti waan mirkaneesseef galataa fi dinqisiifannaa guddaatu ta'aafi.

Paartileen morkattootaa 42 fi kaadhimamtoota kuma kudhanii ol filannoo irratti dorgomaa ta'anii hirmaachuu isaaniitiin uummanni filannoowwan dhiyaataniif bal'inaan madaalee akka filatu taasisee jira. Kana waan ta'eef dambalii sobaa keessaa fi alaa qindaa'ee adeemaa ture damdamachuun waldorgommii yaadaa nagaa qabeessaa fi olaantummaa seeraatiif kutannoon agarsiistan dagaagina aadaa dimokiraasii biyya keenyaaf bu'uura guddaa kaa'ee jira. Walabummaa Uummataa Kabajuu fi qabsaa'ota Siyaasaa dirree yaadaa waan taataniif kabajaa fi galata guddaatu isiniif mala.

Dhaabbilee nageenyaa federaalaafi naannolee ummatni sodaa tokko malee bilisummaan bahee sagalee isaa akka kennuuf halkanii guyyaa hojjechuudhaan,aarsaa kaaffaluudhaan biyya keenya humna badii irraa xiiqiin tiksuun itti gaafatamummaa olaanaa bahataniiru. Isin eegduu biyyaafi gootota gaafa xiiqii waan taataniif kabaja guddaafi kabajatu isiniif mala.

Dhaabbileen Miidiyaa ogummaa keessan kabajjanii amanamummaa olaanaadhaan ummatni mirgasaatti akka fayyadamu,filannoo duraa hanga filannoo boodaatti miirri filannoo bilisaafi madaalawaa ta'e akka uumamu gochuun biyya keessaniif shoora olaanaa waan taphattaniif galata guddaatu isiniif mala.

Dhaabbileen Siivilii biyya keessaa filannoo duraa eegalee guutummaa biyyatti keessa socho'uun lammileef barnoota dimokiraasiifi filattootaa kennuun,dammaqiinsi dimokiraasii ummataa akka guddattuufi mirgasaa akka hubatu gochuurratti qooda bakka hinbu'amne taphataniiru.Guyyaa filannoottis,taajjabdoota kumaatamaan lakkaa'aman buufata filannoo hundarratti bobbaasuun adeemsi filannichaa naga-qabeessa,seera-qabeessaafi haqa-qabeessa akka ta'u dandeettii keessan mandhaleefi bilisummaa dhaabbatummaa keessanii qabatamaan waan agarsiiftaniif kabaja guddaafi galatatu isiniif mala.

Gamtaan Afrikaafi IGAD "Rakkoowwan Afrikaatiif furmaata Afrikaa" mootoo jedhu qabatamaan mirkaneessuudhaan dhaabbileen sadarkaa Afrikaafi naannawaa ta'an itti gaafatamummaasaanii seena qabeessa gahumsaan bahachuu akka dandaa'an irra deebiin mirkaneessaniiru.

Ijaarsi sirna diimokriaasii Itoophiyaa agarsiistuu kabajaafi fakkeenyummaa ta'uusaa mirkaneessuun, haqummaafi amanamummaa filannichaa waltajjii addunyarratti waan olkaaftaniif, obbolummaa Paan-Afirikaanizimii dhugaa agarsiiftaniif, tumsa naannawaafi kutannoo seena-qabeessaa agarsiiftaniif Paartiin keenya Badhaadhinni kabajaafi ulfina olaanaa dhiyeessa. Miseensota hawaasa idil-addunyaa,dhabbilee naannawaa,biyyoota michuu Itoophiyaa hunda haala dhugaa Itoophiyaa qabatamaan hubachuudhaan, adeemsa waliigalaa filannichaa xiyyeeffannoo addaan kan hordoftaniifi adeemsi isaa naga-qabeessa,bilisafi diimokiraatawaa ta'ee goolabamuu mirkaneessuudhaan duubdeebii eyyentaafi bu'a qabeessa ta'e kennitaniif Paartiin Badhaadhinaa galata guddaa dhiyeessa.

Dhuga baatiin keessan madaalawaafi dhugaa ta'e amanamummaa dhaabbilee biyya keenyaa kan guddisu qofa osoo hintaane, Ijaarsa sirna diimokraasiifi badhaadhina Hunda galeessa Itoophiyaan eegalte kan mirkaneessuu tumsa seena qabeessaafi tarsiima'aa waan ta'eef kabaja guddaadhaan fudhanna. Paartiin Badhaadhinaa Waadaa siyaasaafi hawaasummaa haaraa kana bu'ureffachuun abbaan aangoo uummata ta'uu qabatamaan nii mirkaneessa.
Waggoottan itti aanan,fayyadamummaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf hojiwwan bu'aa danuu argamsiisan cimaniifi babal'atanii kan itti fufan yoo ta'an,keessattuu gaaffile uummataa hirmaannaa hundaa barbaadaniifi dhimmoota murteessoo hirmaannaa qooda fudhattoota hundaa barbaadan irratti ummataa keenyaafi qooda fudhattoota waliin ta'uun hojjennee deebii akka argatan kan goonu ta'a.

Gama Kanaan,nageenyi akka waara'uufi olaantummaan seeraa bu'uura amansiisaarratti ijaaruuf,carraa hojii itti fufiinsa qabu uumuufi fayyadamummaa lammilee mirkaneessuun hirmaannaa biyyoleesaa guddisuuf,Tajaajila Iddoo Tokkoo(MESOB) eegalaman babal'isuun,danqaawwan biirokiraasii hiikuun,kenna tajaajilaa tekinoojiin ammayyeessuun,hannaafi hojimaata badaa to'achuun itti quufinsa ummataa sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf kutannoodhaan kan hojjennu ta'a.
Dabalataanis, Adeemsa Maree biyyaalessaa xumuramaa jiru galma qabame akka milkeessuuf deggaruudhaan, dhaabbileen dimokiraasii caalmaatti bilisaafi jabaa akka ta'aniif cimsuu, Paartilee siyaasaa waliin faayidaa biyyaalessaa karaa giddugaleeffateen gamtaan hojjedhuuf hojiiwwan eegalaman kan itti guddisnu ta'a.

Walumaagala,Paartiin Badhaadhinaa waadaa gale osoo hin sharafin raawwachuudhaan, filannoon daandii ittiin aangoo to'atan osoo hintaane imaanaa amanamummaadhaan uummata ittiin tajaajilan ta'uu qabatamaan nii mirkaneessa.

Kanaanis,Badhaadhinaa hunda-galeeleessa Itoophiyaa qabatamaan mirkaneessuuf imala keenya yeroo kamiyyuu caalaa quuqamaan,tokkummaafi kutannoodhaan cimsinee kan itti fufnu ta'uu kabajamaa ummata keenyaaf irra deebiin waadaa keenya nii haaressina.

Paartii Badhaadhinaa
Waxabajjii 14,2018.
Finfinnee

21/06/2026

Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaan Teessoo Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 438 argachuun injifate!

Sadarkaa naannoo Oromiyaatti Teessoo Caffee Oromiyaa 528 keessaa Paartiin Badhaadhinaa teessoo 523 argachuun injifachuu ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraa argame ni ibsa.

Jajjabeewwan keenya👏🩵Urjiiwwan badhaadhinaa akkam miidhagdu!❤️
23/05/2026

Jajjabeewwan keenya👏🩵
Urjiiwwan badhaadhinaa akkam miidhagdu!❤️

Address

Adje
Aje

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sembato Rameto Bongore posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category