Aniis Anniyyaaf

Aniis Anniyyaaf Kan injifatteef waan jabaattee hojjatteef qofaa miti waan RABBIIN sigargaareefi

Amaloota Jireenya Kee Ajjeesan.~~~~~~~~™™~~~~~~~~~~~Amalootni armaan gadii kunneen suuta suutaan jireenye kee ajjeesu. A...
17/09/2026

Amaloota Jireenya Kee Ajjeesan.
~~~~~~~~™™~~~~~~~~~~~

Amalootni armaan gadii kunneen suuta suutaan jireenye kee ajjeesu. Amaloota akkanaa qabda taanaan dafii maqsii jireenya fayya-qabeessa jiraadhu.

1. Waanuma hundaaf humnaa ol dhiphachuu:
• Waantoota too'achuu dandeessu qofarratti xiyyeeffadhu. Kunis ilaalcha kee, yaada kee fi gocha keeti.

• Waantoota too'achuu hin dandeenyeef dhiphachaa ooluun yeroo kee, humna kee fi fayyaa kee balleessa waan ta'eef itti dhiisi.

• Hubadhu: Al tokko tokko wanti ati dhiphachaafii ooltu waan qabatamaan lafarratti hin uumane faa ta'uu danda'a.

2. Namoota biraatiin of madaaluu:
• Namoota biraatiin of madaaluun humna kee buusee gadi'aantummaan akka sitti dhaga'amuu fi abdii akka kutattu si taasisa.

:
• Ati nama addaati. Dandeettii addaa qabda. Daandii mataa keetirra imalaa jirta. Akka carraa ta'e namni tokko si dura milkaa'uu danda'a. Kan ati hubachuu qabdu garuu, aduu fi addeessis yeroo gara garaatti ifu. Kanaaf guyyaan kee ni dhufa. Obsa, kutannoo fi cichoominaan hojjachuu qofatu sirraa eegama.

3. Hirriiba ga'aa dhabuu:
• Turanii rafuun ykn hirriiba ga'aa dhabuun oomishtummaa kee kan guyyaa itti aanuu ajjeesa. Yeroo dheeraaf itti fufiinsaan hirriiba dhabuun ammoo fayyaa kee miidha. Amalli kun gufuu milkaa'inaa isa guddaadha.

4. Fayyaa kee dagachuu:
• Fayyaan kee qabeenya kee isa guddaa hanga dhumaatti ati eeggachuu qabduudha. Fayyaa guutuu qabaachuu baannaan hojiin hin yaadamu. Hojjachuu baannaan ammoo guddinni hin yaadamu. Kanaaf fayyaa kee dagachuu hin qabdu.

5. Yeroo sirrii eeguu.
• Guyyaan kee har'uma. Boru guyyaa abbaa biraa ta'uu danda'a. Gama biraatiin boru jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keetiif wabii maal qabda? Kanaaf yeroon sirriin har'a ta'uu hubadhu. Beellamuu dhiisii waan hojjachuu qabdu har'uma hojjadhu.

6. Kufaatii sodaachuu:
• Namni baay'een sodaa kufaatiif jecha hojii jalqabuu sodaata. Kufaatiin adeemsa milkaa'inaati. Namni osoo kufaatiin isa hin qunnamin milkaa'e hin jiru.

Ministeerri barnootaa gochoota isaa seeraafi heera biyyattiin ala ta'an kan itti fufe yoo ta'u, salaata Juma'aa hin beek...
24/02/2026

Ministeerri barnootaa gochoota isaa seeraafi heera biyyattiin ala ta'an kan itti fufe yoo ta'u, salaata Juma'aa hin beeku jechuun haqee sagantaa qormaataan bakka buuseera
*********
Ministry of Education (Ethiopia)n Qormaanni bahiinsaa (Exit Exam) guyyaa Juma’aa sa’aatii 5:00 hanga 7:30tti kennuuf sagantaa baaseera!

Haala fakkaatuun waggaa waggaatti barattoota Musliimaa mirga isaanii bu’uuraa tuquu danda’an sagantaalee fi hojmaatawwan baasuudhaan kan beekamu Ministeerri Barnootaa, bara kana illee guyyaa Juma’aa sa’aatii 5:00–7:30tti Exit Exam kennuuf murteesseera. Bara darbe illee sagantaa walfakkaataa baasee ture; Garuu Waldaan Barattoota Musliimaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo gaaffii barattootaa Ministeerichaaf dhiyeessuun booda sirreeffamni taasifamuu isaa ni yaadatama.

Barana immoo dogoggorri walfakkaataan irra deebi’uun barattoota biratti komii cimaa uumeera. Tarkaanfiin Ministeerichi fudhatu barattoota Musliimaa yaada keessa galchuu dhabuufi mirga isaanii sarbuu akka ta’e agarsiisa.

Guyyaan Juma’aa dhaabbilee mootummaa keessatti sa’aatii 5:30 hanga 7:30tti tajaajilli akka hin kennamne seeraan kan tumame dha; akkasumas yeroo san keessatti salaanni Juma’aa kan gaggeeffamu ta’uun ni beekama. Haaluma kana beekamaa osoo jiruu sagantaa kana baasuun dogoggora guddaa ta’uu isaa ni hubachiisa.

Kanaafuu, Ministeerri Barnootaa dogoggora irra deddeebiin uumamaa jiruuf barattoota Musliimaa dhiifama gaafachuun, namoota dogoggora kana uumuu keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhachuun, qormaanni sun osoo hin kennamin dura sirreeffama akka godhu ni gaafanna.

Gamtaa Barattoota Muslimaa

Address

Jiddoo
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aniis Anniyyaaf posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category