Abba wabii International page

Abba wabii International page Akkaa kamitu Rakkina jelaa ba'uf tataafadhu

SEENAA GABAABAA MOOTICHA JIMMAA ABBAJIFAR ABBAGOMOL (1861-1932)==================================Abbaan Jifaar bara 1861...
01/03/2026

SEENAA GABAABAA MOOTICHA JIMMAA ABBAJIFAR ABBAGOMOL (1861-1932)
==================================

Abbaan Jifaar bara 1861 tti abbaa isaanii Abba Gommoolii fi Haadha isaani Guumayitti irra dhalatanAbbaan Jifaar dhalatanii woggaa 15ttii Abbaan isaanii Abbaan Gommool du’an
Abbaan Gommool kan du’an bara 1875 tti
Abbaan Jifaar Maqaa adda addaa qabu

1)Tulluu
2)Muhammad ibni daawud
3)Abba jifaar

Yeroo Abbaan isaani du’an irraa eegalanii abbaan jifaar biyya bulchuu eegalan waggaa 3 haadha isaani Guumayitti wojjin bulchan
sababni isaan haadha isaanii wojjin bulchaniif yeroo sanatti Abbaan Jifaar woggaa 15 waan ta’aniif akkasumas dandeetti biyya bulchuutiif umuriin isaani xiqqoo waan ta’eef Yeroo wagga 18 guutanutti guutummaan guutuutti biyya bulchuu eegalan kan isaan biyya jimma bulchaniis bara (1878- 1933) tti.

Maqaan isaani akka biyyaatti Tulluu jedhamanii waamamu sababni isaan tulluu jedhamaniif dheerina isaani irraan kan ka’e Abbaan jifaar dheerinni isaanii meetira 2 fi sentimetira 10Maqaan isaani gara islaamaatiin ittiin waamaman Muhammad ibnu daawud.

Akka maqaa kabajaattimmo Abbaa Jifaar A/Gommool jedhamanii waamamu Masaraan Abbaa Jifaar kan argamu lafa olka’aa jireen irratti argama Jireen magaala Jimmaa irraa KM 7 fagaate argama akkasumas Hospitaala Jimmaa irraa KM-3 fagaatee argama
Masaraan Abbaa jifaar kan ijaarame nama lammii Hindii ta’ee maqaan isaa jedhamuun.
Haala ijaarumsa isaa keessatti meshaan tokko tokko kan biyya hindirra dhufe ni jira FKN meeshaan tokko akka meshaa teknikaatti kan yeroo bubbeen bubbisu bubbee manarra dhorku tokko gubbaa masaraa isaani gara fuula duraarra ni jirti masaraa sanarratti kan argamu kan imaaraa fakkaatu sun kallattii Afur qaba kallatti kaabaa

Kallatti kibbaa
Kallatti bahaa
Kallatti dhiha

kallattiin 4 kun hundinuu kallatti ittiin to’annaan gaggeeffamu Masaraa sana keessatti meedaan yookan bakkeen bakki kaadimoonni ykn hojjattoonni isaani itti Taphatantu ni jira akkasumas bakki mootiin Abba jifaar ta’anii yeroo kaadimeen isaani wollaansoo waan adda adda woliin taphatanu ilaalanu ni jira Yeroo masaraan kun ijaaramutti ummanni naannoo Jimmaa killee ykn hanqaaquu wolitti qabuudhaan gumaachaa turan ijaarumsi masaraa sanaa yeroo jalqaba xuubii dhaafi killee wolitti qabuun girgiddaan ykn jidaarri isaa kana lamman irra ture Masaraan Abba Jifaar kan ijaarame bara 1870 tt.
i
yeroo ijaaramu baasiin itti ba’e worqii kg 400 fii Doolaara Awustiraliya(Maantereza)65,000 tti tilmaamama Masaraa kana keessa kanjiru masjiida dhiiraa fi dubaraa adda ba’ee kan jiru
akkasumas bakka qur’aana itti qara’an kan dhiiraa fi kan dubaraa adda ba’uudhaan jira
Masaraan kun yeroo ol seenan jalqaba isaarratti ykn balbala isaarratti jecha "Laailahaillallah Muhammadan Rasuulallah" jedhutu barraa’ee jira itti Aansee
Abubkri
Umar
Usmaan
Aliyyii
kan jedhutu barraa’e jira
Abbaan jifaar teesso isaani jireen godhachuudhaan ummata isaanii akka guutuu biyyattiitti gargaaraa turan keessumayyu ummata muslimaa maallaqaan lafa adda adda
kennuufidhaan Yeroo jalqabaatiif Akka guutuu biyyattiitti Amantiin islaama jimma irra ka’e akka baballatu kan godhe Mootii Abbaa jifaari.

Abbaan jifaar ummata isaaniitiif saudi Arabiyaa makka keessatti mana ijaaruudhaan bakka ummanni keenya qubatu taasisanii jiru
ummanni keenya yeroo umraa fi hajjiidhaaf gara makka deemu bakka kana deemee qubata
bakki kun kaabaa irra meetira 300 qofa fagaata
Akkasumas madiina irrayis akka lafa fudhatanii turan seenaan ni dubbata Haala kanaan Mootiin Abba jifaar bara 1878 irra hanga bara 1932tti jiraatan..

Hubbachiisa:
Seena kana kessati yaadda hirrate jetan kan sirreefamu qaba Jettan Koomeenti Jalati nuuf barreeysa .

Galatooma

21/02/2026

Har’a jalqabi. Yeroon eeggattu hin dhufu.”
Namni milkaa’u carraa hin eegu —
carraa uuma.
Har’a yoo dadhabde,
boru akka cimaattu si barsiisa.
Har’a yoo kufte,
boru akka kaatu si qopheessa.
👉 Waan guddaan tokko guyyaa tokko keessatti hin uumamu.
Garuu guyyaan tokko waan guddaa jalqabsiisuu danda’a.
Anis har’a hojii koo jalqabeera. Ati hoo?



’iMilkaa’i

AANOLEESEENAA GODAANNISA OROMOOAanoleen siidaawwan yaadannoo Oromoota gita bittaa dura dhaabbachuun yeroo gara garaatti ...
18/02/2026

AANOLEE

SEENAA GODAANNISA OROMOO

Aanoleen siidaawwan yaadannoo Oromoota gita bittaa dura dhaabbachuun yeroo gara garaatti wareegamaniif ijaaraman keessaa isa tokkoo dha. Siidaa Aanolee ilaalchisee waan beekuu barbaaddan ykn waanan isin Yaadachiisuu barbaade akka armaan gadiitti isiniif tarreesseen jira!

Siidaan Aanolee eessatti argama?

Siidaan Aanolee godina Arsii magaalaa Ittayyaa irraa gara harka mirgaan kiiloo meetira 10 irratti argama. Qorataa fi Barsiisaan Seeraa Kaadhimamaa Doktoraa Birraatuu Qana'ii iddoon kun bakka waraanni Minilik Oromoota walitti qabee warra dhiiraa harka mirgaa, warra dubartootaa ammoo harma mirgaa ittii mureedha jedhu. Oromoon gita bittaa ofirraa qoolachuudhaaf qabsoo waggoota hedduudhaaf taasise keessatti Oromoonni Godinaalee adda addaa keessaawuu Arsiin adda durummaan eeramu jedhan. Bakki Siidaan Aanolee kun itti argamus ammoo bakka Oromoon Arsii waraana Minilikiifi gita bittaa yeroo sanaa dura dhaabbatee gatii baasaa tureedha. Barruu The Journal of Oromo Studies jedhu keessatti, Abbaas Hajii mormii jabaa Oromoon Arsii warana mootonni Shawaa bara 1881-1886'tti taasisan duraa fi duubaan barreessaniiru. Abbaas waraana Minilik Kaabaa gara Kibbaatti taasise keessaa Aanoleen bakka seenaan yaadatu ta'uu ibsaniiru.

Aanoleen bakka Minilik itti ijibbaatee / xiqqoof miliqeedha Obbo Birraatuun akka jedhanitti Oromoon Arsii warra Nafxanyaa ofirraa ittisuu keessatti, keessumaa bara 1881 hanga 1886'tti lola guddaa taasisan. Minilik yeroo gara garaatti duula gurguddaa marsaa ja'aaf gara Arsiitti taasisee ture. Arsii qabachuu dadhabee aarsaa guddaa itti kaffale. "Minilik ofiidhuma isaayyuu nagaarita/ dibbeen irraa fudhatamee baqatee hanga Mojootti ari'anii xiqqootti lubbuudhaan jalaa miliqe," jedhan hayyuun seeraa kun. Obbo Birraatuuf, duula kaabarraa gara kibbaatti sirni Nafxanyaa taasisaa ture keessatti mormiin guddaan kan isaan mudate Arsii irratti. Minilik wayita sanatti meeshaa ammayyaa bittaa fi deggersaan Awurooppaa irraa argatuun ol aantummaa qabaatus, Arsiin akka adda waraanaa biraa salphaatti hin jilbeeffanneef ture. Keessumaayyuu naannoo Azuulee jedhamtutti Oromoonni mormii cimaa taasisaniin waraanni Minilik namoota hedduu 12,000 ta'an ajjeesuu ragaan ni agarsiisa jedhan. Abbaas Hajiis akka jedhanitti bara 1889 mootii ta'uu isaatiin dura duulawwan taasise hunda keessaa Minilik, kan Arsiitti taasise hunda caalaa hamaa fi dhiiga hedduu kan dhangalaasee dha. "Lafa bal'aa sana qabachuudhaaf bara 1882 hanga 1887 gidduutti duula marsaa ja'aaf gaggeesseera," jedhan barreessaan seenaa kun...!

Bakka hojiin jiilchuu/qoor qalbii cabsuun itti geggeeffame Waraanni Minilik uummata Arsii kana waan nuuf hin ciisan jedhanii sodaataniif bara 1886 Aanolee irratti namootarraa harkaa fi harma muran jedhu Obbo Birraatuun. Qorattoonni seenaa akka himanitti, uummanni Arsii Sirna Gadaa jalatti gurmaa'ee ofirraa ittisuu yaalus meeshaan hidhatanii turan kan Minilikiin hin gitu ture. "Biyyi Firaansis meeshaan Minilikiin kan deggeraa turan keessaa tokko turte." Humna Arsii isa dura dhaabbate kana cabsuuf Minilik meeshaa ammayaa qofa hin turre kan itti fayyadame. Namoota jiilchuudhaaf harkaa fi harma muruun tooftaa tokko ture. Barreessaan Seenaa lammii Firaansi Maarshiyaal Dii Salvaayik jedhamu ragaa harkaafi harma muraa hanga tokko ol kaa'uu danda'uu isaas nii dubbatu, Obbo Birraatuun. Barreessaan kun kitaaba bara 1901 barreesse keessatti, lola Aanoleetiin waggoota 15 booda jechuudha, namoota harki murame ijaan argee barreessuu kan danda'e. Hojii jiilchuu kanaan carraa uummanni yeroo Aanoleetti walitti qabamu eegachuutu ture. Akka ragaleen ibsanittis, yeroon isaa Aanolee irratti guyyaa sirna Baallii dabarsuu geggeeffamuu dha. Ba'a Gadaa Roobalee fi seensa Gadaa Birmajjii ture. Warroonni aangoo dabarsanii fi fudhatan akkaataa Seera Tumaa Odaa Roobaatiin gosni 29 bakka kanatti akka walitti qabaman godhame. Minilikii fi suuftonni isaa ammoo guyyaa kana karaa lamaan foonaa uummata itti fixan ijaarrataniiru. Isaan keessaa inni tokko karaa namni seenuu harkaa fi harma itti muran ture.

"Arsiin/Oromoon lammata akka inni mataasaa ol hin qabanneef qoor-qalbii isaa cabsuuf kana godhan." "Harkaa fi harma irraa muranis morma isaaniitti fannisanii akka isaan qabatanii hawwaasa keessaa dhufanitti deebisan taasisan. Sanas Arsiin argee jiilee lammata mormee akka jala dhaabbachuu hin dandeenye haamilee cabsan," jechuun ibsu Obbo Birraatuun.

Siidaan Aanolee maaliif ijaarame, maalimmoo ibsa?

Maalummaa saba tokkoo isa har'aa beekuuf kan darbe qorachuun barbaachisaa ta'a. Seenaa Oromoon keessa darbe qoratanii yaadachuun kan har'aa cimsachuuf baay'ee barbaachisaadha. Yaadannoon wareegamtoota Aanolees kanuma dhugoomsa. Dizaayiniifi ijaarsi Siidaa Aanolee kun gochi badii gita bittaa sirna Nafxanyaa uummata Oromoo irratti raawwatame akkaataa fi bakkaan kan ibsuu dha. "Kaayyoon isaa inni guddaan gochi badii akkasii kun akka hin dabalamne, akkasumas dhala namaatiif akka hin malle erga ibseen booda mallattoo balaaleffannaa akka ta'u gochuu fi dhaloonni dhufu immoo miidhama keessa darbee dhufe akka irraa baratu gochuufiidha...https://www.facebook.com/share/1CR6CuS4Ns/

Kedir Mertu
16/02/2026

Kedir Mertu

14/02/2026

hi How are you all you people in Asia are educated and civilized people so I have one thing that bothers you please introduce me to social media 🙏I hope you understand my language I love you so much

14/02/2026
CALY SHONOO KING  ILUU ABBAA BOORAA. Cali Shono was born in 1796 in Yayo District.  Although they were called Ginnoo as ...
12/02/2026

CALY SHONOO KING
ILUU ABBAA BOORAA.

Cali Shono was born in 1796 in Yayo District. Although they were called Ginnoo as children, their father changed their name to Caali because of their talents.

In the Saglan Iluu region, a person with the name Caalii is given the masoo name Abbaa Boor.

Such a naming tradition still exists in the region.

Hence the hero of Sagalan Iluu is called by both names.

Caalii Shoonoo was born in the Hadheessoo tribe of the eight Iluu tribes. They are also referred to as heroes throughout the Saglan Iluu.
Caalii Shoonoo ruled from 1842 to 1874 as the Abba Gadaa of Saglan Iluu.

“When Caalii Shoonoo ruled as Abbaa Gadaa Saglan Iluu, he ruled four Gadaas.

The reason they rule outside the boundaries of Gada is; during his tenure he was at war with many enemies, and his bravery in battle was loved by the people, so he continued to rule," it is said.

The administrative boundaries of Caalii Shoonoo included the administrations now named Iluu Abbaa Boor and Bunnoo Beddellee districts as well as a few districts now included under Jimma.

Yayo was the administrative center of Cali Shono.
The name of Iluu Abbaa Boor District derives from this man who ruled Iluu Saglan for four Gada, Abbaa Boor (Caalii Shoonoo).

The King of Iluu Abbaa Boor, Caali Shoonoo died in 1889 according to European Calendar.
He was martyred after a battle with the forces of Ras Tasammaa Naadew during the annexation of the Iluu State kingdom to the Ethiopian empire (around 1889).
He is remembered in history as an Oromo hero and a symbol of the freedom of Iluu Abbaa Boor.
Their Memorial Monument is currently erected in Yayo.
Remind those who know the history of heroes; and we will continue to tell the next generation!

https://www.facebook.com/share/1CR6CuS4Ns/

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abba wabii International page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category