01/03/2026
SEENAA GABAABAA MOOTICHA JIMMAA ABBAJIFAR ABBAGOMOL (1861-1932)
==================================
Abbaan Jifaar bara 1861 tti abbaa isaanii Abba Gommoolii fi Haadha isaani Guumayitti irra dhalatanAbbaan Jifaar dhalatanii woggaa 15ttii Abbaan isaanii Abbaan Gommool du’an
Abbaan Gommool kan du’an bara 1875 tti
Abbaan Jifaar Maqaa adda addaa qabu
1)Tulluu
2)Muhammad ibni daawud
3)Abba jifaar
Yeroo Abbaan isaani du’an irraa eegalanii abbaan jifaar biyya bulchuu eegalan waggaa 3 haadha isaani Guumayitti wojjin bulchan
sababni isaan haadha isaanii wojjin bulchaniif yeroo sanatti Abbaan Jifaar woggaa 15 waan ta’aniif akkasumas dandeetti biyya bulchuutiif umuriin isaani xiqqoo waan ta’eef Yeroo wagga 18 guutanutti guutummaan guutuutti biyya bulchuu eegalan kan isaan biyya jimma bulchaniis bara (1878- 1933) tti.
Maqaan isaani akka biyyaatti Tulluu jedhamanii waamamu sababni isaan tulluu jedhamaniif dheerina isaani irraan kan ka’e Abbaan jifaar dheerinni isaanii meetira 2 fi sentimetira 10Maqaan isaani gara islaamaatiin ittiin waamaman Muhammad ibnu daawud.
Akka maqaa kabajaattimmo Abbaa Jifaar A/Gommool jedhamanii waamamu Masaraan Abbaa Jifaar kan argamu lafa olka’aa jireen irratti argama Jireen magaala Jimmaa irraa KM 7 fagaate argama akkasumas Hospitaala Jimmaa irraa KM-3 fagaatee argama
Masaraan Abbaa jifaar kan ijaarame nama lammii Hindii ta’ee maqaan isaa jedhamuun.
Haala ijaarumsa isaa keessatti meshaan tokko tokko kan biyya hindirra dhufe ni jira FKN meeshaan tokko akka meshaa teknikaatti kan yeroo bubbeen bubbisu bubbee manarra dhorku tokko gubbaa masaraa isaani gara fuula duraarra ni jirti masaraa sanarratti kan argamu kan imaaraa fakkaatu sun kallattii Afur qaba kallatti kaabaa
Kallatti kibbaa
Kallatti bahaa
Kallatti dhiha
kallattiin 4 kun hundinuu kallatti ittiin to’annaan gaggeeffamu Masaraa sana keessatti meedaan yookan bakkeen bakki kaadimoonni ykn hojjattoonni isaani itti Taphatantu ni jira akkasumas bakki mootiin Abba jifaar ta’anii yeroo kaadimeen isaani wollaansoo waan adda adda woliin taphatanu ilaalanu ni jira Yeroo masaraan kun ijaaramutti ummanni naannoo Jimmaa killee ykn hanqaaquu wolitti qabuudhaan gumaachaa turan ijaarumsi masaraa sanaa yeroo jalqaba xuubii dhaafi killee wolitti qabuun girgiddaan ykn jidaarri isaa kana lamman irra ture Masaraan Abba Jifaar kan ijaarame bara 1870 tt.
i
yeroo ijaaramu baasiin itti ba’e worqii kg 400 fii Doolaara Awustiraliya(Maantereza)65,000 tti tilmaamama Masaraa kana keessa kanjiru masjiida dhiiraa fi dubaraa adda ba’ee kan jiru
akkasumas bakka qur’aana itti qara’an kan dhiiraa fi kan dubaraa adda ba’uudhaan jira
Masaraan kun yeroo ol seenan jalqaba isaarratti ykn balbala isaarratti jecha "Laailahaillallah Muhammadan Rasuulallah" jedhutu barraa’ee jira itti Aansee
Abubkri
Umar
Usmaan
Aliyyii
kan jedhutu barraa’e jira
Abbaan jifaar teesso isaani jireen godhachuudhaan ummata isaanii akka guutuu biyyattiitti gargaaraa turan keessumayyu ummata muslimaa maallaqaan lafa adda adda
kennuufidhaan Yeroo jalqabaatiif Akka guutuu biyyattiitti Amantiin islaama jimma irra ka’e akka baballatu kan godhe Mootii Abbaa jifaari.
Abbaan jifaar ummata isaaniitiif saudi Arabiyaa makka keessatti mana ijaaruudhaan bakka ummanni keenya qubatu taasisanii jiru
ummanni keenya yeroo umraa fi hajjiidhaaf gara makka deemu bakka kana deemee qubata
bakki kun kaabaa irra meetira 300 qofa fagaata
Akkasumas madiina irrayis akka lafa fudhatanii turan seenaan ni dubbata Haala kanaan Mootiin Abba jifaar bara 1878 irra hanga bara 1932tti jiraatan..
Hubbachiisa:
Seena kana kessati yaadda hirrate jetan kan sirreefamu qaba Jettan Koomeenti Jalati nuuf barreeysa .
Galatooma