02/10/2026
Baga Ayyaana Irreechaa bara 2019 tin Nagaan isin gahe!
Irreechaa Waliigalatee Biyyaaleessaatiif”
Irreechi Ayyaana Eebbaa fi arjummaa Uumaa itti galateeffatamu, kakuun umaa wajjin itti haareffamu, Ayyaana nagaa, jaalala, araaraa fi tokkummaati.
Ayyaanni Irreechaa dukkanaa fi hurrii gannaa keessaa gara birraa dibataa fi daraaraa Birraatiin ce'uu kan agarsiisudha.
Magaalaan keenya Ayyaana Irreechaatiin faayamtee, damee turizimii guddisuu fi keessummoota simachuuf yeroo kamiyyuu caalaa mijattuu, mallattoo nagaa fi miidhaginaa ta'uudhaan gammachuudhaan dinagdee Ishee daddamaqsuu egaltee jirti.
Ayyaanni kun”Irreecha Waliigaltee Biyyaaleessaatiif”mata duree jeedhuun haala ho’aa fi miidhagaa ta'een akka kabajamuuf, magaalaan keenya Finfinneen qophiilee aartii,konsertoota, mareewwan paanalii, dorgommiilee Ispoortii, feestivaalota, agarsiisa footoo fi kkf qopheessuudhaan Ayyaanichi haala adda ta'een akka kabajamu gochaa jirti.
Dabalataaniis jiraattonni magaalaa keenyaa fakkeenyummaadhaan keessummoota kabajamoo kutaalee biyya garaa garaa fi biyya alaati dhufan simachuuf qophii isaanii xumuranii, tumsa fi simannaa Olaanaa irratti argamu.
Kanaafuu, ayyaanni kun kan hundi keenya ittiin Miidhagnuu, Magaalaa keenyaaf hawwata turizimii Filatamtuu fi miidhagiina ishee addunyaaf kan calaqqisiisu Ayyaana addaati.
Ayyaanni dinqisiisaa kan waliinii keenya ta'e kun, jiraattonni magaalaa keenya hundi aadaa simannaa fi keessummeessuu ol'aanaa gochaan agarsiisuudhaan, obboloota keenya naannoo garaa garaarraa dhufan kabajaan simachuu, jaalalaa fi miira tokkummaa ol'aanaadhaan haala oo'aan akka kabajamu waamicha koo kabajaan dhiyeessa.
Waaqayyoo Itoophiyaa fi ummata ishee haa eebbisu!
እንኳን ለኢሬቻ በዓል በሰላም አደረሳችሁ!
ኢሬቻ ለሀገራዊ መግባባት!!
ኢሬቻ የፈጣሪ ጸጋና ለጋስነት የሚመሰገንበት፣ ከተፈጥሮ ጋር ቃል ኪዳን የሚታደስበት፣ የሰላም፣ የፍቅር፣ የይቅርታና የአብሮነት በዓል ነው።
የኢሬቻ በዓል ልክ ከክረምቱ ጭጋግ ወደ ፈካውና በአደይ አበባ ወደአሸበረቀው መስከረም መሸጋገርን እንደሚያበስር ነው።
ከተማችን በኢሬቻ በዓል አሸብርቃ፣ ከምንጊዜውም በላይ ለቱሪዝም ዘርፍ ዕድገትና ለእንግዳ ተቀባይነት የተመቸች፣ የሰላምና የውበት መገለጫ ሆና በደስታ ኢኮኖሚዋን እያነቃቃችበት ነው።
“ኢሬቻ ለሀገራዊ መግባባት" በሚል መሪ ቃል የሚከበረው የዘንድሮው በዓል በድምቀትና ባማረ ድባብ እንዲከበር ከተማችን አዲስ አበባ የተለያዩ የስነ-ጥበብና የኪነ-ጥበብ ዝግጅቶችን፣ ኮንሰርቶችን፣ የፓናል ውይይቶችን፣ የስፖርት ውድድሮችን፣ ፌስቲቫሎችን፣ የፎቶ ኤግዚቢሽኖችን እና የመሳሰሉትን አዘጋጅታ በዓሉ በከፍተኛ ድምቀት እንዲከበር እየተደረገ ነው።
ከዚህም በተጨማሪ፣ የከተማችን ነዋሪዎች ከተለያዩ የሀገሪቱ ክፍሎች እና ከውጭ ሀገር የሚመጡ ክቡራን እንግዶቿን ለመቀበል ዝግጅቷን አጠናቅቃ በትብብርና በላቀ መስተንግዶ ላይ ትገኛለች። በመሆኑም በዓሉ የሁላችን መድመቂያ፣ ለመዲናችን ጥልቅ የቱሪስት መስብ ፣ አቅምና ጸጋ፣ ለዓለም የሚያንጸባርቅ ልዩ መድረክ ነው።
ስለሆነም፣ ይህ የጋራ ኩራት የሆነው ድንቅ በዓል፣ መላው የከተማችን ነዋሪዎች ያካበቱትን የላቀ የእንግዳ ተቀባይነት ባህል በተግባር በማሳየት፣ ከየአካባቢው የሚመጡ ወገኖቻችንን በክብር በመቀበል፣ በፍቅር እና በከፍተኛ የአብሮነት ስሜት በድምቀት እንዲከበር ጥሪዬን በአክብሮት አቀርባለሁ።
በድጋሚ እንኳን አደረሰን አደረሳችሁ!
ፈጣሪ ኢትዮጵያንና ህዝቦቿን አብዝቶ ይባርክ!
ከንቲባ Adanech Abiebie- አዳነች አቤቤ