13/08/2025
Seenessi waloo utubaa Itoophiyaa haaraati!
==
Kallacha Oromiyaa: Hagayya 07, 2017- Biyyoota akka Itoophiyaa saboota, sab-lammootaafi uummattoota hedduu afaan, aadaa fi amantaalee garaagaraa qaban keessatti sabdaneessummaa kabajuufi fudhachuun dhimma filannoof dhiyaatu osoo hin taane dirqama.
Haa ta’u malee baroota dheeraaf sirnootni darban dhugaa qabatamaa jiru kana haaluun seenessa qeenxee qabachuun biyya kana geggeessaa turuu isaanitiin sabaafi sablammoonni biyya isaanii keessatti moggaatti akka dhiibaman ta’aa ture. Kun immoo uummattoonni biyyattii miira tokkummaa qabaachuun guddina barbaadamu akka hin galmeessine hudhaa ta’eera.
Seenessi waloo seenaa sabaafi sab-lammoota biyya keenyaa walitti qabuufi tokkummaa isaan gama hundaan qaban waliin qindeessee dhalootaaf kan dabarsuudha. Seenessi qeenxeen immoo faallaa isaan seenaa gosa ykn saba tokkoof qofaan daangeffamee kan seeneffamu, naannoo tokko keessatti seenessa dhalateefi bal’inaan hin beekamneedha.
Kanaafuu, seenessi waloo akka mallattoo hunda hammatuutti kan ittiin walii galamuudha. Gumaachi isaa inni guddaan haala gaariin wal-hubannoo cimaa uumuun biyya cimtuu tokkummaan uummattootaa keessatti cime ijaaruu dandeessisa.
Mootummaan, Paartileen moorkattootaa, hayyoonni, dhaabbileen mootummaa,miti mootummaafi hawaasni bal`aan biyya keenyaa hundi seenessa waloo akka meeshaa ijaarsa biyyaa murteessaa ta’eetti ilaaluun itti fayyadamuu qabu.
Miira waldorgommii kan hin qabne injifannoo waliigalaa kan calaqqisiisu, tokkummaa siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa kan jabeessuufi tarsimoo misoomaafi nageenyaa deeggaruun yaadama walqixxummaafi hirmaannaa uummataa cimaa sabaafi sab-lammootaa uuma.
Tokkummaa cimaafi itti fufiinsa qabu ijaaruuf, jibba seenaa darbee, shakkii gosaafi wal-dhabdee hambisuun barbaachisaadha. Kana milkeessuuf immoo mootummaa, dhaabbilee barnootaa, miidiyaaleefi hawaasa, bal`aa hirmaachisuun dirqama.
Madaa darbe hooqqachuufi haaloo ba`uuf deemuun seenessa waloo ijaaruu hin danda`u waan ta'eef itti fufiinsan marii amansiisaa seenessa waloo bu’uura tokkummaa Itoophiyaa ijaaru gochuun murteessaadha.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------