Ofta'an Shaggar

Ofta'an Shaggar Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ofta'an Shaggar, Grocers, Burayu, Addis Ababa.

“Mootummaan Chaayinaa, deeggarsa hatattamaa nyaataaf oolu doolaara miiliyoona 4.1 Itiyoophiyaaf kan taasisu ta’a.” - Mr....
01/11/2023

“Mootummaan Chaayinaa, deeggarsa hatattamaa nyaataaf oolu doolaara miiliyoona 4.1 Itiyoophiyaaf kan taasisu ta’a.” - Mr. Yaangi Yihaang OBN Onkoloolessa 21,2016 -Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Semerittaa Sewaasewu, Itiyoophiyaatti Kaawunsilara Ministira Diinagdeefi Koomersii Imbaasii Chaayinaa Mr. Yaangi Yihaang waliin mari'atan. Mariin isaanis, tumsa waloo misooma diinagdeefi deeggarsa misoomaarratti kan xiyyeeffate ta'uutu himame. Fooramii ‘Belt and Road’ 3ffaa Chaayinaa Beejiingitti taa'ame irratti deeggarsa misoomaa irratti sanadoonni waliigaltee hedduun mallatta'uufi daawwannaan jilli ministira muummee Dr.Abiyyi Ahmadin durfamu taasisees muuxannoo hedduun kan itti qooddatamedha jedhame. Itiyoophiyaatti Kaawunsilara Ministira Diinagdeefi Koomersii Imbaasii Chaayinaa Mr. Yaangi Yihaang, mootummaan Chaayinaa deeggarsa hatattamaa nyaataaf oolu doolaara miiliyoona 4.1 akka taasisu himan. Mootummaan Chaayinaa, tajaajila geejjiba Baabura Finfinneef kan oolu, meeshaalee jijjiirraa doolaara miiliyoona 21tti tilmaamamu deeggaruuf haaluma waadaa galeen,meeshaalee jijjiirraa deeggarsa doolaara miiliyoona 3tti tilmaamamu Finfinnee ga’uun walharkaa fuudhinsi taasisamuuf akka jirus ibsameera. Ministeera Faayinaansii Itiyoophiyaarraa odeeffanne.

Naannoo Oromiyaatti Asiidummaa Biyyee Hir'isuuf Hojjetamaa Jira********Naannoo Oromiyaa bakkeewwan tokko tokkotti lafti ...
01/11/2023

Naannoo Oromiyaatti Asiidummaa Biyyee Hir'isuuf Hojjetamaa Jira

********
Naannoo Oromiyaa bakkeewwan tokko tokkotti lafti qonnaaf oolu baay'een isaa sababa asiidummaa biyyeetiin waan miidhamee jiruuf oomisha irraa eegamu sirnaan kennaa hin jiru. Kun ammoo hir'achuu oomishaaf sababa ta'uu waan maluuf rakkoo kana furuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennuun asiidummaa biyyee hir'isuuf warshaa nooraa ijaarsisuun nooraan akka oomishamu taasisaa jira.

Kanuma bu'uura godhachuun Warshaan Nooraa oomishu kan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee Gudaritti argamu Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadiriifi hooggantoota Godinaa akkasumas qaamolee hawaasaa adda addaan daawwatamee jira.

Daawwannaa kana irratti Obbo Eeliyaas haasawaa taasisaniin mootummaan inisheetiiviiwwan 28 bocuun hojjechaa jiru keessaa asiidummaa biyyee hir'isuun isa tokko ta'uu himuun Warshaan Nooraa Gudar kunis bara 2003 irraa eegalee nooraa oomishaa jira. Dandeettii oomishaa Warshaa kanaa ol guddisuun guyyaatti hanga kuntaala 1,500tti maashinoota ja'aan oomishaa kan jiru yoo ta'u carraa hojiis namoota 170 ol ta'aniif uumee jira.

Bara kanas nooraa kuntaala kuma 150 oomishuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta'u hanga ammaatti kuntaalli kuma 40 oomishamuu ibsuun akka Addunyaatti lafti dhibbantaan 22 asiidawaa yoo ta'u akka Oromiyaattis lafti dhibbantaa 43 yookaan heektaarri miliyoona 2.2 ta'u asiidummaa biyyeen miidhamee jiraachuu himaniiru.

Akka Naannoo Oromiyaatti Godinaalee 15 keessatti aanaaleen 154 lafti asiidummaa biyyeetiin kan miidhaman ta'us Lixi Oromiyaa, Giddu Galeessiifi Gujiin baay'ee miidhamoo ta'uu himuun waggoottan sadan darban keessa Mootummaan Naannoo Oromiyaa qarshii miliyoona 257 ramaduun rakkoo kana hundeerraa furuuf hojjechaa jiraachuu obbo Eeliyaas himaniiru.

Manni Marii Naannoo Hararii (Kaabineen)  raawwii hojii kurmaana jalqabaa qorataa jira.OBN Onkoloolessa 21,2016.Manni mar...
01/11/2023

Manni Marii Naannoo Hararii (Kaabineen) raawwii hojii kurmaana jalqabaa qorataa jira.OBN Onkoloolessa 21,2016.

Manni marii Mootummaa Naannoo Hararii (Kaabineen) raawwii hojii kurmaana jalqabaa bara baajataa 2016 qorataa jira.

Pirezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii waltajjiicharratti raawwiin dhihaate, haala dhugaa, beekumsaa fi dantaa ummataa irratti hundaa’een kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.

Madaalliin kun cimina itti fufsiisuuf; Qaawwa jiru sirreessuu fi gara fuulduraatti ergama waloo galmaan ga’uuf kan gargaaruu ta'uu eeranii, madaallii raawwii hojii kana ka'umsaa godhachuun kallattii furmaataa kaa’uu, tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun jijjiirraa hoggansaafi itti gaafatamummaa lafa qabsiisuuf ni hojjatama jedhaniiru.Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa odeeffanne.

""""""""" √√√ Dirqamatti !!Itoophiyaa Guddittii karri galaanaa  Dirqama Barbaachisa.*******Itoophiyaan bal’ina lafaa qab...
01/11/2023

""""""""" √√√ Dirqamatti !!
Itoophiyaa Guddittii karri galaanaa Dirqama Barbaachisa.
*******
Itoophiyaan bal’ina lafaa qabattee jirtuun, baay’ina Uummataa qanduun, qabeenyaa Uumamaa dheedhiin, argama quubsuma lafaan(geographical location), guddina diinagdee sochoosaa jirtuun, humna nama baratee qabduun fi seenaa ijaarama biyyaa fi mootummaan biyya baay’ee murteessituu fi godina gaanfa Afiriikaatti biyyoota diinagdeen badhaadhaniin baay’ee barbaadamtuudha.

Biyyi Uulaagaa hedduun murteessituu fi biyyoota gurguddoon akka malee barbaadamtu kun dadhabina sirnoota darbaniin biyya karraa galaana hin qabne (land locked) taatee jirti. Akka malee dabalaa dhufuun baay’ina Uummatashee fi qaala’insi jireenyaa kanaan hordofee dhufuun Itoophiyaan mirga kanaan dura shiraan dhabde seeraa Addunyaan deebiftee gonfachuuf hojii dippiloomaasii irratti argamti. Duudhaan dippiloomaasii biyya keenyaa kennanii fudhachuu irratti kan rarra’ee fi dantaa sabaaf biyyaa akka hin sharafamneetti eeguudha. Diinagdee saffisaa sarara duraan Aardii ishee keessaa dursaa jirtu daranuu jabeessitee itti fufuu fi guddummaa ishee mirkaneessuuf karri galaanaa dirqama ishee barbaachisa!.
Followers Mustefa Felmata !!

 💪💪💪💪Imala badhaadhinaa hunda galeessaa milkeessuuf qophiin Kara nageenyaa jiru cimuun dirqama filannoo hin qabnedha. Bi...
01/11/2023

💪💪💪💪
Imala badhaadhinaa hunda galeessaa milkeessuuf qophiin Kara nageenyaa jiru cimuun dirqama filannoo hin qabnedha. Biyya ofii misoomsuun namu diinagdeen of ijaaree boquu olqabtee akka deemu taasisuun kan danda'amu nagaa fi humni nagaa kabachiisuu danda'u yoo oomishamedha. Haaluma kanaan magaala shaggar garee nageenyaa Milishoota leenjii irra turan eebbisiisuuf qophiitti jirti.

Safiya Hussein Senbeta Adeba

Hoggantoonnii Fayyaa Naannoo fi Federaalaa Bulchiinsaa magaalaa shaggar kutaa Magaalaa Burrayyuutti Buufata Fayyaa Aanne...
01/11/2023

Hoggantoonnii Fayyaa Naannoo fi Federaalaa Bulchiinsaa magaalaa shaggar kutaa Magaalaa Burrayyuutti Buufata Fayyaa Aannee Diimaa Daawwatan.

Shaggar kom,onkoloolessa 21,2016-Daawwannaa kana irratti hoggantoonnii Fayyaa Naannoolee fi federaalaa gamaggama hojii waggaa gaggeessa turan bulchiinsaa magaalaa shaggaritti argamuun Buufata Fayyaa Aannee Diimaatti argamuun hojiilee muuxannoo ta'an daawwataniiru.

Daawwannichi bakka Itti Gaafatamaan waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar obbo Abarraa Botoree dabalatee, hoggantoonni fayyaa federaalaa,Naannolee,deeggartootaafi hoggantoonni waajjira fayyaa magaalaa shaggar hojjatoonni buufata fayyaa Aannee Diimaa argamaniiru.

Daawwannaa kana irratti hojiileen muuxannoo ta'uu danda'an kan daawwataman ta'uun ilaalamera.

"Miidiyaan Biyya ijaaru Keessatti Gahee Guddaa qaba"jedhame. Hojiin Miidiyaa fi Kominikeeshinii Humna Guddaa Ijaarsa Biy...
01/11/2023

"Miidiyaan Biyya ijaaru Keessatti Gahee Guddaa qaba"jedhame.

Hojiin Miidiyaa fi Kominikeeshinii Humna Guddaa Ijaarsa Biyyaa Ittiin Cimsinuu Fi Fayyadamummaa Uummataa Ittiin Mirkaneessinuu Ta'uu qaba
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~ "

  Kutaa magaala Burraayyuu Aanaa Gafarsaa BuraayyuutiMani marii caarraa hojii umuu(Imx) Aanaa Gafarsaa Buraayyuu walgahi...
01/11/2023


Kutaa magaala Burraayyuu
Aanaa Gafarsaa Buraayyuuti
Mani marii caarraa hojii umuu(Imx) Aanaa Gafarsaa Buraayyuu walgahi arifaachisaa ta'a jira:Waltajjii kan irraat I/A/bulchaa Aanaa Gafarsaa Buraayyuu addee shawayee fi I/G/siyaasa obboo risqala Adam fi Hoggantooni Aanaa fi bakka bu'aan dargageessaa argamani jiru:
Walit deebina
Senbeta Adeba
Safiya Hussein
Gemechu Belay Hordofa

Address

Burayu
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ofta'an Shaggar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category