Gararaas yaa maagaallee lookoo

Gararaas yaa maagaallee lookoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gararaas yaa maagaallee lookoo, Grocers, a. mahammad77@gmail. com, Addis Ababa.

28/10/2023
21/10/2023
21/10/2023
21/10/2023
14/10/2023

"ቀይ ባህር ለኢትዮጵያ የህልውና ጉዳይ እንጂ ቅብጠት አይደለም"
ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አሕመድ (ዶ/ር)

14/10/2023

Alaabaan Keenya Mallattoo Eenyummaa, Bilisummaafi Kabaja Biyya Keenyaati
-----------
Biyyi tokko biyya jedhamuuf Alaabaa isa ibsu kan sadarkaa idila addunyaatti ittiin beekamtu qabaachuu qabdi. Kanaanis, eenyummaan biyyichaa ibsama. Sadarkaa addunyaattis Alaabaan seenaa yeroo dheeraa kan qabu yoo ta'u hiikni hedduunis itti kennama. Sadarkaa biyya keenyaattis halluun alaabaa magariisa, keelloofi diimaa ta'uu isaa hordofuun biyyoonni Afrikaa hedduun koloniin booda Alaabaa isaaniif halluu kana fayyadaman hedduudha.

Yeroo dhiyoo asitti hundeeffama Heeraa Mootummaa Rippabilikaa Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa waliigaltee sabaafi sab-lammootaa jedhamee kan beekamu hordofuun guyyaan Kabaja Alaabaa waggaa waggaan adeemsifamaa jira. Urjiin halluu cuquliisaan walakkaa Alaabaa Itoophiyaa irra jirus walqixxummaa, bilisummaafi sabdaneessummaa sabootaa, sablammootaafi uummattoota biyya keenyaa kan ibsudha.

Akka addunyaattis biyya keenya dabalatee biyyoonni 52 ta'an kaba Guyyaa Alaabaa isaanii wagga waggaan kan gaggeessan ta'uu ragaaleen garaagaraa ni ibsu.

Haaluma kanaan akka biyya keenyattis kabajni Guyyaa Alaabaa akka taasifamu Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan murtaa'uun waggaa waggaan kabajamaa jira. Innis ji'i Onkolooleessaa galee torban jalqabaa keessa akka kabajamu kan murtaa'edha. Akka Oromiyaattis kabajni Guyyaa Alaabaa kun sadarkaa Naannoo, bulchiinsa magaalotaafi Godinaaleetti sagantaa garaagaraan ni kabajama. Kaayyoon isaas dhaloonni maalummaa alaabaa beekaniifi jaalala biyyaa qabaachuun akka guddatan taasisuuf yaadameetu.

Address

A. Mahammad77@gmail. Com
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gararaas yaa maagaallee lookoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category