Ifaa Boruu Hardiim

Ifaa Boruu Hardiim Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ifaa Boruu Hardiim, Grocers, Ardoye, Addis Ababa.

Ida'amuu, Daandii Milkaahinaa!*******Ida'amuun yaadama tokko ofitti qabee kaan ofirraa dhiibu osoo hin ta'in, yaadama ha...
03/11/2023

Ida'amuu, Daandii Milkaahinaa!
*******
Ida'amuun yaadama tokko ofitti qabee kaan ofirraa dhiibu osoo hin ta'in, yaadama hammataa hundaa wal qixxummaan keessummeessudha. Nagaaf araara kan filate, jaalalaaf tokkummaaf dursa kan kenne darbees bilisummaa fi badhaadhinaaf kan dhaabbateef filate hunduu ida'amuu ni danda'a.

Dirreen ida'amuu bal'aadha. Carraan isaatis hedduudha. Balballi ida'amuu qaama faayidaaf kaayyoo dhuunfaa isaatiif jecha ida'amuu fedhu irraa kan hafe hundaafuu banaadha.

Daa'imman jaalala isaaniitiin, dargaggootni tattaaffii isaaniitiin, ga'eessotni muuxannoo qabaniin, maanguddootni gorsaan, daldaltootni qabeenya qabaniin, barsiisaan beekumsaan, qonnaan bulaan oomisha isaan hunduu waan qabuun kabajamee ida'amuu ni danda'a.

Lammiin hunduu eenyummaa isaatiin osoo hin dhiibamin kabaja argatee, tokko isa kaan caalee mul'achuu irra wal qixxummaa goonfatee yemmuu jiraatu walooma cimaa qabaata. Paartiileen siyaasaa wal kuffisanii darbuu caalaa gaafa walitti dhiyaatanii ilaaf ilaameedhaan mari'atan, dhaabbileen amantaa garaa garummaa qaban waliif kabajanii dhimma waloo irratti tokkummaan yeroo dhaabbatan biyyi ni jabaatti.

Ida'amuun heddumminni bu'uura miidhaginaaf waloomaati male, madda garaagarummaaf walitti bu'iinsaatii miti jedhee kan amanu daandii hunda hammataa yemmuu ta'u, dhimmoota qormaata waliin jireenya keenyaa ta'an maqsuudhaan obbolummaa sabdaneessummaan akka dagaagu, lammiilee gidduutti jaalalaaf tokkummaan akka laliisu kan taasisu yaadama bu'uura milkaahinaa ta'edha.
Oromia Prosperity Party / OPP /

03/11/2023

Address

Ardoye
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ifaa Boruu Hardiim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category