24/09/2023
Godina Shawaa bahaa Aanaalee Fantaallee fi Boosat irraa lafti baay'ee bal'aa ta'e Mootummaa nannoo Amaaraatiin dhunfatamee jiraachuun ibsame.
================================================
Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraatii fi Mootummaan naanno Amaaraa daangaa naannoo Amaaraa isa sirrii darbuun lafa naannoo Oromiyaa kilomeetira 90 caalaa qabatanii akka jiran ragaaleen mul'isaniiti jiru
Weerara lafaa kana mootummaan Oromiyaa yeroo dheeraaf callisaan ilaalaa ture, Ejensiin Maappii Itoophiyaa fi dhaabbileen federaalaa biroon immoo weerara humnoota kanaa hordofuun maappii jijijjiraa akka turan ragaaleen ni mul'isu.
Humnoonni Finxaaleyyii Mootummaa naannoo Amaaraatiin hidhachifan baroota dheeraaf gara daangaa Oromiyyaatti ce'uun lafa Oromoo fi Oromiyaa saamaa turaniiru.
Oromoota baay'ees qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqaasuun Lafa saamanii bulchiinsa Mootummaa naannoo Amaaraa jala akka galu taasisanii jiru.
Haaluma kanaan Ejensiin Maappii Itoophiyaa sochii babalifannaa Lafaa humnoota finxaaleyyii kanaa hala qindaawaa ta'een deeggaraa fi uwwisaa tureera.
Ejeensiin kun lafoota daangaa Oromiyaa ce'uun saamaman baay'ee isaanii akka isaan naannoo Amaaraa jala jiranitti kaartaa hojjataniifi akka ture ragaaleen ni mul'isu.
Kana dura kaartaan saamicha lafaa aanaa Fantaalle mul'isu qorattootaan ifoomee ture.
Qorataan Imaamata lafaa fi jijjiirama qilleensaa Roobaa Bulgaa sirna odeefannoo teessuma lafaa aanaa Fantaallee mul'isnee jirra jechuun ibsanii turan.
Kaartaan kun kan qophaa'e kaartaa dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii bara kudha sagal sagaltamoota keessa Itoophiyaa irratti hojjate irra dhaabbachuun akka ta'e ibsameera.
Haaluma kanaan Fantaallerraa lafoonni Arroollee bal'aa, Borbor, Doddotii Guddoo, Harooressa Bal’aa, Eddoo Guddoo, Dhiibuu Dammaa, Harooressa Qal’aa, Qonye, Funyaan Booraa, Funyaan Waangayyoo, Malkaa Jiloo, Ulaagaa, Xininjii, Haroo Arbaa, Micci, Haroo Diidaa, Wanji, Irraan buutee, Haroo-Huubaa, Abba-Kulaanii fi lafonni gara biroo bayyeen mootummaa naannoo Amaaraatin dhunfatamanii jiraachuu jiraatonni himu.
Haaluma wal-fakkaatuun Godina Shawaa bahaa gandoota aanaa Boosat hedduun humnoota finxaaleyyii Amaaraatin saamame jiraachuu jiraattonni aanichaa himanii jiru.
Aanaa Boosat ganda Borcataa keessaa araddaawwan akka Siiquu, Koysoo, Mindaa, Gaardaa Qal'aa, Handoodee, Garba Adii, Seera'ee, Boorticha, Maqidallaa fi Qaawwa Bubbisaa ykn Qarsaa Abbaa Bunee faan lafoota bulchiinsa mootumaa naannoo Amaaraan dhuunfataman tahuu ragaaleen ni mul'isu.
Dabalataan aanaa Boosat irraa lafoonni akka Dudda Daalacha, Fossoo, Gabaa Raadaa, Calalaqaa, Qilee Arbaa faan bulchiinsa naannoo Amaaraan erga dhuunfatamanii turaniiru jedhu jiraattonni.
Weerara lafaa aanaalee Oromiyaa naannoo dangaa Amaaraa irra jiraanii kana mootummaan naannoo Oromiyaa callisee ilaaluun isaa gochichi haalaan akka hammaatuuf karaa baneera jedhu jiraattonni yaada isaanii OMNf kennaniin.