27/10/2024
Wareegamummaa Qulqulluu Isxifaanos
✔️Wareegamummaan hiddadha. Kiristaanonni immoo hidda kanarraa kan biqilan sanyii filatamoodha. Hiddi firii baay'een irraa argamu lafa keessa waan jiruuf hin mul'atu. Biqiloota hidda sana irraa biqilaniin garuu hiddi sun akka isaaf mijateeru ni beekama. Akkasuma badhaasaa fi gonfoo wareegamtoonni fudhatanis ija foon keenyaan hin mul'atu. Firiin isaanii garuu sanyiiwwan filatamoo isaaniin fakkaatanii bakka isaanii bu'anii ajjeefamaniin beekama.
✔️Wareegamtoonni nu kabajaa jedhanii hin dubbatan. Garuu firii isaan laphee Kiristaanotaa keessatti facaasan jaalalaan nama dirqamsiisa. Isaaniin akka fakkaataniif yaadachiisa.
✔️Wareegamtoonni akka jaalalleeti. Namni tokko maqaa jaalallee isaa osoo itti hin yaadiin ni waama. Yaada isaatiinis yaadata.Bifa adda addaan ni ilaala. Wareegamtoonnis kiristaanotaaf akkasumadha. Baay'ee kan jaalataman gonkumaa yaada namaa keessaas kan hin baanedha. Maqaa Ijoollee keenyaa maqaa isaaniin kan moggaasnu, Fakkii isaaanii kaasnee kan dhungannu, jaalala guddaa wareegamtootaaf qabnu ibsuufidha"
Eebbi wareegamaa Qulqulluu Isxifaanos nurra haa bulu! Ameen!