07/03/2026
Hogganaa waranaa Olaanaa Iran kan tahee Isma'el qaani miseensa Mosad akka tahee erga irratti baramee boodaa eegdootan isaatiin ajjeeffameera.
Jeneraalli Hizboollaah Fu'aad Shukur kan ajjeefame erga isaan wal arganii gargar bahanii daqiiqaa muraasa keessatti ture. Hasaan Nasraallah waliin wal arguuf beellama qabatee, "garaan na dhukkuba" jechuun bakka walga'ichaatii daqiiqaa 15 dhumarratti waan tureef, yeroo sanatti Nasraallah ajjeefame.
Waraana Israa'el kanaan dura bante keessatti, jeneraala ol'aanoo irraa kaasee hanga ajajoota waraanaa 38 ta'an yeroo dhabamsiiftu, Ismaa'eel Qaanii qeensi irraa hin buqqane. Waraana ammaa keessatti immoo, yeroo jeneraalonni Iraan hundi walga'ii irra turanitti xiyyaarota Ameerikaa Israa'eliin dhabamsiifaman, inni immoo "qufaan na qabeera" jechuun walga'icha irratti osoo hin argamin hafee, ammas nagaadhaan hafuura baafachaa jira. Akka Jeneraala Eegduu Warraaqsaatti (Revolutionary Guard) walga'ii akkasii irratti yoo argamuu baate mee yaadaa!
Dhugaadha, "Nama Moosaad (Mossad) ti" jedhamee shakkamuun eegdota warraaqsaa Iraaniin qabamee, hanga of wallaalee hospitaala galutti gidiraan guddaan irratti raawwatamee boodaa miseensa Mosad tahuu barameera. Kanumaa ka'uun tarkaanfii lubbuu balleessu irratti fudhameera. Gantuu fi galtuun carraan ishee kanumaa.