02/11/2023
Harargee Lixaatti Gamaaggamni Raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana tokkoffaa Magaalaa Cirootti gaggeeffamaa ture xumurameera.
*******
Onkoloolessa 22/2016 (BHL):- Gamaaggamni raawwii hojiilee Paartii fi Mootummaa Kurmaana tokkoffaa bara 2016 Hooggansa Godinaa, Aanaalee fi Magaalotaa akkasumas Itti gaafatamtoota hindee Godina hirmaachisuun guyyoota sadan darbaniif Magaalaa Cirootti gaggeeffamaa ture milkiin xumuramee jira.
Waltajjii Gamaaggama Raawwii hojii kanaan ciminootaa fi hanqinoota raawwii hojiilee ijoo keessatti mul'atan adda baasuun mariin irratti gaggeeffameera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Lixaa Obbo milkaa'inni karoora xiiqii galma gahiinsa mul'ata Badhaadhinaatiif bu'uura waan ta'eef Hooggansi sadarkaan jiru hanqinoota raawwii kurmaana jalqabaa keessatti adda bahan maqsee hojii fedhiif faayidaa uummata keenyaa madaalu hojjachuuf xiiqeffatee socho'uu qaba, kanaafis gurmaa'insa sadarkaan jiru cimsuu fi hirmaannaa uummataa guddisuun murteessaadha jedhaniiru.
Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa Aaddee akka jedhanitti Karoora kurmaana sadan hafan keessatti Kalaqa, Ariitii, Baay'inaa fi Qulqullinaan hojjachuun fayyadamummaa ummanni keenya akka mirkaneessinuuf nurraa eeguu fi waadaa fayyadamummaa uummatichaa mirkaneessuuf galle yaadachuudhaan yeroo kamiyyuu caalaa miira yeroo hin qabnuu fi xiiqii jabaadhaan raawwannee karoora waggaaf qabanne milkaa’ina ol'aanaadhaan goolabuu qabna jedhaniiru.
Kana dhugomsuufis humna maatii, humna Mootummaa fi humnoota waloo qindeessinee hojiirra oolchuun gahee hooggansa hunda irraa eegamu ta'uu ibsaniiru.
Gamaaggamni Raawwii hojii kurmaana jalqabaa bara 2016 kun kallattiiwwan hojii fuula duraa kaa'uudhaan goolabameera.
Badhaadhina Harargee Lixaa