30/06/2025
Namni kun Obsa Ahmedin jedhama. Dhalootaan Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Sarkamaatti dhalate. Obsaan akkuma nama kamuu maatii hiyyeessa irraa dhalate. Jireenyi Addunyaa kun takka garana takkammoo garaasi waan taheef akka lakkoofsa biyya keenya Bara 1998 sababa siyaasaan Abbaa isa waliin biyyaa bahee Jabuutii seenuun jireenya baqattummaa eegaluun dirqame. Yeroon sanatti inni daa'ima waan tureef of hin beeku ture.
Umrii joollummaa isaarraa kaasee Abbaan isaa barumsa waan jaalatuuf osoo biyyaa hin bahin Kutaa 1-4 Obsaan bakka dhaloota Haadha isa Sarkamaatti barate waan tureef dheebuu barachuu waan qabuuf, akka Jabuutii dhaqeen barumsa isaa itti fufuun kutaa 4 hanga 8 achitti barate.
Obsaan Jabuutii erga ture booda bara 2002 gara Biyya Yemen Magaalaa Sana'aatti Abbaa isa waliin imalun akka achi dhaqeeniis barumsa isa osoo adda hin kutin kutaa 9 irraa kaase hanga Yunversiitiitti achittii barate. Yunversitiin Saayinsii fi teeknolojii Yamen ( University information technology IT Yemen) dhaabbilee gurguddoo Addunyaa sadiin kan barsiifamu yommuu tahu dhaabbata baqqattoota Addunyaa UNHCR , Hadraa fi Yunversiitiiti Yemen waliin tahuun baqattoota biyyoota gara garaa irraa baqatan barsiisuun yunversiitii beekkamtuudha. Obsaan Yeroo sanitti baqqattoota waliin barachaa turan keeysaa qabxii ol'aanaa fiduun sadarkaa 1ffaan Yunversiitiiti Yemen irraa ICT'n eebbifame. Qabxii ol'aanaa fiduu isaatiniis walqabatee waraqaa beekkamtii Yunversiitii Yemen irraa badhaafamuun nama yeroo sanitti nu boonse.
Obsaan barumsa isaa itti fufuun achuma Yunversiitii Yemenitti digirii 2ffaa osoo barachaa jiruu bara 2015 sababa lola Yemen Huutii fi Ali Abdallaa Saalaah wal dhabaniin yunversiitii Addaan kutee gara Sa'uudi Arabiyaa deeme. Sa'uudi akka dhaqeeniis waggaa lamaaf Arabaaf gabroome erga hojjate booda Kaka'umsa mataa isaatiin waggaa 3ffaa irratti YouTube mataa isaa banatee ogummaa barateen Diraamaa fi Viidiyoolee barumsa Teeknoloojiin walqabatu gama YouTuben hawaasa keenya barsiisuu itti fufe. Obsaan Nama Oromoo yeroo jalqabaatiif YouTube irraa $4000 hanga $6000 maallaqa nyaachaa ture yommuu tahu Gama takkaniis akka YouTube qarshii kafalu nama waggaa 3f nama barsiisaa tureedha.
Waggaa shaniif Sa'uudi Arabiyaa erga ture booda gara biyya isaa deebi'ee booda waggaa afur dura osoo hojjechaa jiru bara 2021 maallaqa toora miliyoona 13 sababa nyaadhameen xiin sammuu midhamee dhukkubsate. Waggaa afur dura yeroo tokko akka nama maraateetti Magaalaa Dirre Dhawaa keeysa yeroo deemu arkeen hedduu na gaddisiise. Sana booda tumsaa fi gargaarsa ummata keenyaan Rabbiin fayyaa isaa deebiseefi osoo abdii hin kutatiin gara hojitti seenuun hojjechuu jalqabe. Mudannoolee Sodaachisaa fi Abdi kutachiisaa hedduu dhandhamee gargaarsa Rabbi guddaan Obsaan Qatar keessatti waajjira isa banachuun Yeroo amma Company Guddoo haaraa biyya Qatar πΆπ¦ keessatti argamtu United Development Company (UDC) waliin waligaltee mallatteessuun biyya irraa hojattoota fidee akka hojjatuuf carraan kennameefi gara waajjira isaaniitti yaamamee waan jiruuf obboleessa keenya kana Rabbiin akka isa milkeessu du'aa'ii godhaaf! Obsaa keenya Rabbiin si haa milkeessu!β€οΈ
Namoonni Hojiif qunnamuu barbaaddan karaalee kanneeniin qunnamuu dandeessan.
What's App: +251911749476
Email :[email protected]
Karaalee kanneeniin qunnamaa.
Maxxansa kanaas Share godhaa mucaa kana jajjabeeysaa. Namni hojjatu jajjabeeffamuu qaba.π