Qayyee Teenna

Qayyee Teenna Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Qayyee Teenna, Grocers, Addis Abeba, Addis Ababa.

16/06/2026
Manni gogaa  irraa ijaarame gaafa waraabessi yuusu jiga!Garee shororkeessaa Shanee akkuma eenyumtuu quba qabu gaaffii uu...
16/06/2026

Manni gogaa irraa ijaarame gaafa waraabessi yuusu jiga!

Garee shororkeessaa Shanee akkuma eenyumtuu quba qabu gaaffii uummanni Oromoo qabu deebisuuf garee gurmaa’e osoo hin taane, faayidaa namoota muraasaa eegsisuufidha. Keessattuu meeshaa hannaa fi saamichaa ta’uudhaan ajajaa olaanaa garichaa Marroo Dirribaa tajaajilaa tureera, ammas tajaajiluu irratti argama.

Gareen faayidaa namoota muraasaa kabachiisuuf ijaarame kun, wal-dhabbiidhuma faayidaa irratti uumameen diigamaa jira. Haaluma kanaan faayidaa fi ilaalcha irratti wal hunkuraa kan turan hogganoonni garichaa Marroo fi Jaal Abdiin tibba kanas dirree irratti walitti dhukaasuu irratti argamu.

Kanaan walqabatees dhiigni miseensota baay’ee akka bishaanii dhangala’aa akka jiru kan mirkanaa’e yoo ta’u, garichis kasaaraa akkaan ulfaataa ta’ee saaxilamuu danda’eera. Kanaanis gochi garee Shanee kun mammaaksa Oromoo ‘’ Manni gogaa irraa ijaarame gaafa waraabessi yuusu jiga’’ jedhu sana mirkaneessee jira.

Abjuun Jawaar biyya diiguuf qabu fashalee jira!!Abjuun Jawaar holola sobaan ummata burjaajessuun walitti buusuuf waggoot...
16/06/2026

Abjuun Jawaar biyya diiguuf qabu fashalee jira!!

Abjuun Jawaar holola sobaan ummata burjaajessuun walitti buusuuf waggootaaf tattaaffachaa ture hubannoo ummataafi saaxilamummaa sobaafi ergamtummaa isaatiin jalaa fashaluun Jawaariin kasaaraa dhandhamsiisee jira. Keessumaa Jawaar iddoowwan garaagaraatti walitti bu’iinsa amantaa, sanyiifi kanneen biro fayyadamuun ummata diiguuf tattaaffachaa jiraachuun walqabatee ummanni nuti waggoota heddu waliin jiraannee oduu kara deemaan walitti hin buunu jechuun gochaa shororkeessaa Jawaar kasaaraa godhee jira

"Tsimdoo" fi Ergama Shanee Gareewwan badii TPLF, Finxaaleyyii Amaaraa fi Shaabiyaa maqaa "Tsimdoo" jedhamuuun walta'anii...
04/06/2026

"Tsimdoo" fi Ergama Shanee

Gareewwan badii TPLF, Finxaaleyyii Amaaraa fi Shaabiyaa maqaa "Tsimdoo" jedhamuuun walta'anii nageenya Oromiyaa diiguuf shira dalagaa jiru. Kaayyoo isaanii kana hojiirra oolchuuf immoo Shanee akka meeshaatti fayyadamaa jiru. Shaneenis finxaaleyyii kanaaf karaa uumuun, keessumaa gama Wallaggaatti caasaa isaanii akka diriirsan fi uummata Oromoo irratti dararaa geessisan haala mijeessaafii jirti. Gochi kun Shaneen dantaa sabaa Oromoo dhiistee ergamtuu diinaa ta'uu ishee ragaa qabatamaadhaan saaxila. Shaneen baroota darban kana keessatti gochaawwan suukaneessaa Horro Guduruu fi Wallagga Bahaa keessatti humnoonni finxaaleyyii raawwataniif guutummaatti haala mijeessiteerti. Shaneen uummata Oromoo diinaaf dabarsitee kennuun amala "maxxantummaa" (parasite) ishee agarsiisteetti.

ምላስ ብቻ የቀረው የጃውሳ ታጣቂ አይቀጡ ቅጣት እየተቀጣ ነው!ከተደበቀበት የአይጥ ጉድጓድ ቀና ሊል ሙከራ ያደረገው የፀረ ሰላም ሀይሉ ታጣቂ ለወሬ ነጋሪ ሳይተርፍ አልቋል፡፡ ታጣቂ ሀይሉ በወ...
29/05/2026

ምላስ ብቻ የቀረው የጃውሳ ታጣቂ አይቀጡ ቅጣት እየተቀጣ ነው!

ከተደበቀበት የአይጥ ጉድጓድ ቀና ሊል ሙከራ ያደረገው የፀረ ሰላም ሀይሉ ታጣቂ ለወሬ ነጋሪ ሳይተርፍ አልቋል፡፡ ታጣቂ ሀይሉ በወሎ እና በሰሜን ሸዋ አንዳንድ አካባቢዎች በእብሪት ተወጥሮ እንቅስቃሴ ለማድረግ የሞክረ ቢሆንም ከጀግናው መከላከያ ሰራዊታችን ክንድ አምልጦ ወደመጣበት የተለመሰው እጅግ ጥቂት ነው፡፡ በዚህም በደቡብ ወሎ ቦረና በሚባል ወረዳ ብቻ 68 የሚሆነው የቡድኑ ታጣቂ ከአፈር የተቀላቀለ ሲሆን 23 የሚሆነው ከባድ ጉዳት አስተናግዶ ተማርኳል፡፡

የታጣቂዉን መርገፍ ተከትሎ የቡድኑ መሪ የሆነው ምሬ ወዳጆ ከትግራይ መኾኒ ሆኖ ጉዳዩ በሚስጥር እንዲያዝ ለቀረው ታጣቂ ጥብቅ ማስጠንቀቂያ አሳልፏል፡፡ ምሬ ወዳጆ የታጣቂው ሞት እንዳይሰማ የፈለገው ምርጫ እናደናቅፋለን የሚሉት ቅዠት መና እንደቀረ እንዳይታወቅ ስለፈለገ እንደሆነ የሚደርሱን መረጃዎች ይጠቁማሉ፡፡ ምን የጃውሳ ነገር ወሬ እንደሆነ ሁሉም ያውቀዋል፣ ከዚህ በፊትም ጋሸና ተቆጣጥርን ብለውን እርስ በርስ ተጨራርሰው እና በመከላከያ ሰራዊቱ አከርካሪያቸው ተሰብሮ ከቦታው እንደጠፉኮ እናውቃለን፡፡

Odeeffannoo addaa!!Shaneen hidhattoota alagaa gara Oromiyaatti galchaa jirti!Akkuma beekamu gareen shororkeessaa Shanee ...
28/05/2026

Odeeffannoo addaa!!
Shaneen hidhattoota alagaa gara Oromiyaatti galchaa jirti!

Akkuma beekamu gareen shororkeessaa Shanee erga uumame irraa kaasee uummata Oromootti dugda gatuudhaan diinota uummatichaa waliin hiriiree gochaawwan badii hedduu suukkanneessoo ta’an Oromiyaa keessatti hojjechaa turee jira. Humni badii kun ergama diinota uummata Oromoo warreen akka mootummaa Shaabiyaa, TPLF fi garee finxaalessa Faannoo fudhachuudhaan uummata Oromoo ajjeesuu, saamuu, gidirsuu fi dararuu hojii idilee isaa erga godhatee oolee bubbuleera.

Kanaan walqabatees armaan dura akkuma eenyumtuu quba qabu, murni badii maqaa qabsoo uummata Oromoo dahoo godhachuudhaan siyaasa shiraa daldalu kun Shaneen waliigaltee dadhabaa garee finxaalessa Faannoo waliin uummachuudhaan godinaalee lixa Oromiyaa keessattuu Wallagga bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti uummata keenya irratti yakka duguuggaa sanyii raawwachaa turuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan gareen Shanee tibba kana keessas immoo humnoota alagaa uummata Oromoo garboomsuudhaaf hojjetan kan ‘’Tsimdoo’’ jechuun of waamaniif ergamtuu ta’uudhaan hidhattoota isaaniis gara Oromiyaatti galchuuudhaan yakka dabalaa uummaticha irratti raawwachuudhaaf sochii gochaa akka jiru odeeffannoon jiru mirkaneessuu danda’ee jira.

Kanaanis immoo murni ergamuu malee ergachuu hin beekne kun Shaneen hidhattoota alagaa karaa daangaa laga Mormor gara Oromiyaatti galchuudhaaf socho’uun isaa garichi hammam akka ergamtuu diinotaa ta’e ifatti argisiisuu danda’ee jira.

Address

Addis Abeba
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qayyee Teenna posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category