09/04/2023
Lafeen Abbootii keenyaa nu hin quuquu?
==========================
Oromoon waliin dhiige,waliin cabe,waliin kufe,waliin mooé! Oromoon waan argates waliin argate,waan dhabes waliin dhabe. Oromoon tokko,Oromiyaanis tokko. Godinaalee Oromiyaa hunda kessa faca'ee gareen Oromoo gosaan waliitti buusaa jiru ulfaatee(conceived), dhalatee, daaddee jedhee miilan dhaabbatee deemuu calqabee oduu jettun dhagahe. Har'a sirrata,boru sirrata jennee eegaa turre;garuu ni jabaate malee hin laafne jetti dubbiin dhageenye. Adeemsi kun jiraannan Tokkummaa Oromoo baayyee miidha. Oromoo bal'aan kanatti hin amanu nan beeka. Garuu summiin xiqoodhumatu gaha. Lafa mana jireenyallee, deemii gosa kee biraa fudhadhu jedhamne warra jedhurraa oduu dhagaheen baayyee gadde! Odeeffannoo Godinaalee baayyeedha inuman dhagaha. Dhugaa yoo ta'e Mootummaa fi Oromoo bal'aan itti duuluu qaba. Soba yoo ta'e ishoo jenna!
-----------
Waan kuunnoo jedhamu kunoo ta'uun hin oolu!
----
🥲🥲🥲
Badhadha Waktola