Suuta jedhi

Suuta jedhi Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Suuta jedhi, Grocers, Adama.

15/09/2025

ICCITII GUDDAA GAA'ELA KEESSAA

"Iccitii 1ffaa:
Namni ati itti heerumtu/ fuutu hundi dadhabina qaba. Waaqayyo qofatu dadhabina hin qabu. Kanaafuu dadhabina hiriyyaa gaa'elaa kee irratti yoo xiyyeeffatte humna isaa keessaa waan gaarii argachuu hin dandeessu.

Iccitii 2ffaa:
Hunduu seenaa dukkanaa'aa qaba. Namni ergamaa miti. Gaafa fuudhu ykn heerumuu barbaaddu seenaa nama darbe keessa qottee rakkoo jireenyasaa keessaa baasuu dhiisi. Wantoonni durii darbaniiru. Waan ammaa fi kan gara fuula duraa irratti xiyyeeffadhu.

Iccitii 3ffaa:
Gaa’elli hundi qormaata mataa isaa qaba. Gaa’elli gaariin hundi qormaata ibidda boba’aa mataa isaa keessa darbee jira. Jaalalli dhugaa yeroo qormaataa ni mirkaneessa. Gaa'ela keessaniif falmaa. Yeroo rakkinaatti hiriyyaa gaaʼelaakee bira turuuf murtoo godhi. Gaariidhaaf hamaadhaaf irbuu yaadadhu. Dhukkuba keessattis fayyaa keessattis jiraadhu.

Iccitii 4ffaa:
Gaa’elli hundi sadarkaa milkaa’ina adda addaa qaba. Gaa'ela kee nama biraa wajjin wal hin madaalin. Gonkumaa wal qixa ta'uu hin dandeessu. Gariin fagoo, gariin duubatti hafa. Dhiphina gaa'ilaa irraa of eeguuf obsi, cimsitee hojjedhu yeroon darbaa deemuun abjuun gaa'ilaa kee dhugoomu.

Iccitii 5ffaa:
Fuudhaa fi heeruma jechuun waraana labsuu dha. Yeroo heerumtu diina gaa'ilaa irratti waraana labsuu qabda. Diinonni gaa’ilaa tokko tokko:
Wallaalummaa
Kadhannaa dhabuu
Dhiifama gochuu dhiisuu
Dhiibbaa qaama sadaffaa
Ciniinsuu
Mata jabina
Jaalala dhabuu
Gara jabina
Dhibaa'ummaa
Kabaja dhabuu
Hatuu
Naannoo gaa'ilaa keessan eeguuf qabsaa'uuf qophii ta'aa.

Iccitii 6ffaa:
Gaa’elli mudaa hin qabne hin jiru. Gaa'elli qophaa'aa hin jiru. Gaa’elli hojii cimaadha. Guyyaa guyyaan irratti hojjechuuf tola ooltummaadhaan of kenni. Gaa’elli akka konkolaataa suphaa sirrii fi tajaajila sirrii barbaaduuti. Yoo kun hin godhamne bakka tokkotti ni caccabee abbaa qabeenyaa balaa ykn haala fayya-qabeessa hin taane tokko tokkoof saaxila. Gaaʼela keenyaaf of eeggannoo gochuu qabna.

Waan dubbiftaniif galatoomaa!

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Suuta jedhi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category