Coba sammuu

Coba sammuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Coba sammuu, kenbonkebede63@gmail. com, Adama.

congratulations 🎈🎈 👍🎉🎉🎉🎉🎉 My best brother
29/08/2025

congratulations 🎈🎈
👍🎉🎉🎉🎉🎉 My best brother

Hiriyyaa lubbuu ....❤️💚❤️❤️❤️❤️❤️💚💚💚♥️♥️♥️
20/08/2025

Hiriyyaa lubbuu ....❤️💚❤️❤️❤️❤️❤️💚💚💚♥️♥️♥️

16/08/2025
BAGA DHALATTE...Lubbuunkee sabaaf qaaliiHarka cubbuun hatameeHaqni kee awwaalameeTa’ee gatii gatame.....Dhugaakee baasuu...
13/01/2024

BAGA DHALATTE...

Lubbuunkee sabaaf qaalii
Harka cubbuun hatamee
Haqni kee awwaalamee
Ta’ee gatii gatame.....

Dhugaakee baasuu dhabus
Sabni siif iyyee wacee
Baraan nu keessa jirta
Baga dhakatte Hacee!

Kichuutti si kutanis
Jaarraaf tura bu’aankee
Maqaankee boollaa oli
Jiraa caala du’aankee,

Qaalii ilma marartoo
Gooticha onneen tulluu
Maqaakee osoo-n kaasin
Takkumaa oollee-n bullu,

Sitoo gootummaan ka’ee
Wal-tajjiirraa geeraree
Firatti onnee horee
Gola diinaa weeraree...

Girdoo gabrummaa jaarraa
Dhaloota kanaaf saaqee
Sitoo diina qaanessee
Shira-shee waliin laaqee.

Akkamiin dagatamtaa?
Sin dagannu tasumaa
Ekeraan awwaalamtus
Maqaan kankee asumaa.

Umrii xiqqoo jiraattus
Dirra lafaa kanarra
Ba’aa guddaa salphifte
Ishee; isaaf anarraa.

Seenaa ormaan dhokate
Soqxee golaa baafteetta
Oromoof orumummaa
Bakka kufee kaafteetta.

Irbuu gootota kalee
Hin sharafne; baatteeta
Galfata galmaan ga’uuf
Lubbuu kankee laatteetta.

Jechatu na hanqata
Oolmaa kan kee ibsuufuu
Ati ija keenya duraa
Nu hin baddu libsuufuu.

Gungummii garaa keenyaa
Fuularraa nu hubattee
Haqa keenyaaf of laattee
Rasaasaan nuuf gubatte..

Osooti hin dhalannee~Faffacaanee dhumneerra
Haamtuu diinaan haamamnee
Afaan guunnee hin dubbannu~Injifannoo Aduwaaf
Farda Siidaa saamamne.

Dungoo qabsoo Oromoo
Tirikaan keenya sumaa
Sit dhaloota barsiise
Lagannaa mana gumaa.

Didaa harqoota alagaa
Oomishteetta dhaloota
Furtuu rakkina sabaa
Nuuf keesseetta maloota.

Hojiin kee mirgisaadha
Baraan baraan hin gu’uu
Gootni seenaan jiraata
Lubbuudhaanillee du’u.

Kutannoo keetu adda
Yoomuu-n badu nu keessaa
Gootummaa qixa-n qabneen
Onnee gubbaa nu teessa.

Siidaa yoomuu hin jigne
Maqaa keetiin dhaabbattee
Morkataa malee teessa
Onnee keenya yaabbattee.

Qaalii afaan tokkichaan
Sabni bal’aan galatu
Leenci akka kee silas
Hin dhalanne; hin dhalatuu..

Gootummaakee leellifna
Seenaa keetiin dhaadanna
Waggaaf ........itti fufa ...
Guutuu isaa
👉https://t.me/kenbonkebede430

✍️.... Kenbon kebede tiin.

Address

Kenbonkebede63@gmail. Com
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Coba sammuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share