Mul'ata Badhaadhinaa

Mul'ata Badhaadhinaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mul'ata Badhaadhinaa, Grocers, Adama.

  Bu'uura waliigaltee nageenya waareessuu MNO fi WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifameen miseensonni WBO kalla...
05/12/2024


Bu'uura waliigaltee nageenya waareessuu MNO fi WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifameen miseensonni WBO kallattii hundaan gara wiirtuu qophaa'efitti imalaa jiru. Guyyaa har'aas miseensonji WBO naannawa socho'aa turan giddu galatti imalaa jiru. Ummannis simannaa taasiseefii jira.

Qondaaltonni WBO tibbana waliigaltee nagaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin mallatteessan sochiilee misoomaa garaagaraa...
04/12/2024

Qondaaltonni WBO tibbana waliigaltee nagaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin mallatteessan sochiilee misoomaa garaagaraa daawwataa jiru.

Tarkaanfii Mootummaa jijjiiramaa fudhateen kan milkaa'aan, piroojektoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa garaagaraa magaalaa Finfinnee keessatti ijaaraman dabalatee, hojiilee misoomaa akka biyyatti hojjetaman Paarkii Tokkummaa, Godambaa Injifannoo Adwaafi sochiilee misoomaa kanneen biroo daawwataniiru.

Qajeeltoo mootummaa jijjiramaa eenyunuu kan hin moggeessineefi irree tokkoomeen misoomafi nageenya waloof yoomiyyuu kan hojjetu ta'u waadaa gale hojiin agarsiisaa jira.

04/12/2024

Nageenya waaraa hiree fi egeree saba bal'aaf

04/12/2024

Galatoomaa .

04/12/2024

Nageenyi qaaliidha. Qaal'ina isaa kan rakkatee argetu beeka. Isa daldala dhiigaan jiraachuu bareef, waliigalteen uumame kun qoosaa dha.
Galatooma .

04/12/2024

Daandiin nagaa injifataadha. Gootummaan nageenyaaf jiraachuudha
Galatoomaa .

Waliigaltee nagaa waareessuu MNO fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee, miseensonni W...
04/12/2024

Waliigaltee nagaa waareessuu MNO fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee, miseensonni WBO kallattii hundaan gara wiirtuu qophaa'efitti imalaa jiru.

Ummanniis gammachuu ol'aanaadhaan simannaa taasisaafii jira.
Hiree fi egeree keenya nageenyaa fi tasgabbiitu murteessa.

Oduu Ammee Waliigaltee nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti ...
03/12/2024

Oduu Ammee
Waliigaltee nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee guyyaa har’aa miseensonni WBO moonaa qophaa’efitti galaa jiru

Garaagarummaan ejjennoo siyaasaa mariidhaan yoo ta’e malee afaan qawweetiin hiikamuu kan hin dandeenye ta’uu isaarratti walhubannaarra gahuun, wal-waraansa yeroo dheeraa fudhatee madda dararama ummataa ta’e dhaabuudhaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti waliigalteen nageenya buusuu guyyoota muraasaan dura mallattaa’e qabatamaadhaan hojiirra oolaa jira.
Bu’uura waliigaltee kanaatiin guyyaa har’aa miseensonni WBO iddoowwan gara garaatti socho’aa turan gara moonaa mootummaan qopheesifitti galaa jiru. Ummannis simannaa taasisaafii jira.

Garaagarummaa ejjennoo siyaasaa afaan qawweetiin hiikuuf yaaluun gaaga’ama hawaas-dinagdee fiduun umrii hiyyummaa dheereessuu, dararama lammiilee hammeessuu fi madda saaxilamummaa humnoota alaa ta’uurraa kan hafe furmaanni fidu tokko hin jiru. Kanumarraa ka’uun Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoonni WBO waamicha nagaa fudhatan waliigaltee nagaa waliif mallatteessan qabatamaadhaan hojiirra oolchaa jiru.

03/12/2024

Dantaan Oromoo nageenyaa fi walhubannaa keessatti mirkanaa'aa

03/12/2024

Inni Nageenyi waan ta'e beeku akkanaan dubbata

03/12/2024

Warra Daldala dhiigaa baretu araara morma. Dhugaas namas adda baafanne

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mul'ata Badhaadhinaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category