06/01/2025
Nageenya Magaalaa Keenyaaf,Milishaa Gahuumsa Qaamaa fi Naamusa Gahaa Qabu!
Nageenya amansiisaa magaalaa keenyaafi naannoo keenyaa mirkaneessuuf caasaa nageenyaa gahuumsa qaamaafi naamusaan ijaarame qabaachuun barbaachisadha.
Haaluma kanaan guyyaa har'a Milishaa 1505 guyyoota 43 darbaniif leenjii loltummaafi naamusaa fudhachaa turan eebbisneerra.
Eebbifamtoota Milishaa guyyaa har'aa magaalaa keessaniifi ummata keessaniif gaachana ta'uuf waan geessaniif baga gammaddan jechaa, nageenya magaalaa keenyaa caalaatti amansiisaa taasisaa deemuuf tumsaafi deeggarsa caasaa nageenyaaf taasisnu cimsinee itti fufna.
ለከተማችን ደህንነት በአካል ብቃት እና በስነምግባር የታነጸ የሚሊሻ ሃይል!
የከተማችንን እና የአካባቢያችንን አስተማማኝ ሰላም ለማረጋገጥ የአካል ብቃት ያለው እና በስነምግባር የታነጸ የጸጥታ ሃይል መገንባት አስፈላጊ ነው።
በዚሁ መሰረት በዛሬው ዕለት ላለፉት 43 ቀናት የውትድርና እና የስነምግባር ስልጠና ሲወስዱ የቆዩ 1,505 የሚሊሻ አባለትን አስመርቀናል።
በዛሬው ዕለት የተመረቃችሁ የሚሊሻ አባላት ለከተማችሁ እና ለህዝባችሁ ጋሻ ለመሆን በመብቃታችሁ እንኳን ደስ አላችሁ እያልኩ፣ የከተማችንን ሰላም የበለጠ አስተማማኝ ለማድረግ ለጸጥታ አካላት የምናደርገውን ድጋፍ አጠናክረን የምንቀጥል መሆኑን መግለጽ እወዳለሁ።