Onnee dhugaa

Onnee dhugaa Onnee dhugaan miidhamteef ergaa qabna🥰
Invite me 💓

01/02/2023

# Yaa ililli tiyyaa
ililli jannataa
Sin qabaafin boona
Ol qabadhee mataa
Jaalallee qofaa mitii
Waa hunda naa taataa

guyyaan sin dubbisin
Sagalee keen yaadaa
akkami jirta mee
Nagaya naaf qabdaa

Yoo nuural-eeynii tiyya
Waahila jiruu koo
ifaa gaafa dukkanaa
Furmaata guyyaa rakkoo

Kumbula gaafa qorraa
Gaaddisa aduu guyyaa
Gammachiiftuu lubbuu
Doktara onnee tiyyaa ❤️💚❤️

Siifan Ardii marseeNaanna’eeto maraaSi obsuu dadhabeeCancalaan hidhe garaaSamii gubbaas ta'uSi soqee lafa keessaSituu bu...
02/01/2023

Siifan Ardii marsee
Naanna’eeto maraa
Si obsuu dadhabee
Cancalaan hidhe garaa

Samii gubbaas ta'u
Si soqee lafa keessa
Situu buraaqaa oola
Onneekoo walakkeessa

Hin rafu gadan ciisa
Gangaladhe sireerra
Hin nyaadhu soomane
Jalqabee an cireerra

Gabaa jaalala keettin
Keennake bitaa oolaa
Siifanoo raatu ta'ee
Akka jaanjoo hoolaa

Maqaan kee katabee
Baadhe laphee irratti
Mirmirsatan jiraakinoo
Jaalala kee qarrerratti

Sif jooree jawwarukoo
Keessa koo hubadhu
Jaalalan na wal'aanii
Hin callisin dubbadhu

Onnee jaalala beela'ee
Midhaan Dawaa ta'uu
Dheebote shakkara'us
Bishaaniin dheebu ba'uu

Dawaan jaalala jaalala
Dheebuufi beeluufii
Dhidhiibee Fayyisaan
Cabaa isa meeluufii
invite me 💯

Jaalallee dhugaa Oromummaa Koo❤️💚❤️
19/12/2022

Jaalallee dhugaa Oromummaa Koo❤️💚❤️

Invite me
17/12/2022

Invite me

01/12/2022
Akkuman si argeenTasa si jaalladheNi dheekkamta jedheenSitti himuu sodaadheAti ofii naan beektu Anis sittin himuuKanan s...
25/11/2022

Akkuman si argeen
Tasa si jaalladhe
Ni dheekkamta jedheen
Sitti himuu sodaadhe
Ati ofii naan beektu
Anis sittin himuu
Kanan siif barreesse
Gaafa natti cimu
♠♠♠♠♠
Yaada narra tuule
Keshaan na baachisa
Hunda keessaa filee
Sumaan na yaachisa
Suuraa keefaa fidee
Abjuun na laalchisa

Yaadni kee na raasa
Qileensarra caale
Si yaadeefaan booya
Suuraa keefaa laale
♠♠♠
Ati qaama kootiim
Si muran na dhiiga
Dhibeen kees kan kooti
Si tuqan na miidha
♠♠♠♠♠
Onnee koo siif kenne
Godhadhu masaraa
Qubni koos qalamaan
Waayee kee sararaa
Gaara jabaatte
Nan didiin adaraa
ꨄ︎ꨄ︎ꨄ︎ꨄ︎ꨄ︎
Onnee kiyyarra teessee
Utuma na darartuu
nama hunduma keessaa
Akkati na marartu!

Siif ibsuun dadhabus
Jaalalichan siif qabuu
Si argachuuf jechaam
kan Ani kufee cabuu

Leelloo ilkaan aannanii
Magaallee koo qalloo
Gubaan jaalala kee
Jabaateehoo malloo?

Halkan nan raffisu
Ilaallaatan bula
Yaada kan kee biraa
Hin cufadhu ulaa!

Natti jabaateera
Mee mala naaf malii
gabbara hin guddisin
Ana woliin gali!🙄
❣︎ ❤︎

Onnee dhugaa
23/11/2022

Onnee dhugaa

Address

Adaamaa
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Onnee dhugaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category