01/08/2022
_Dunnee!
Moo -Duune?
Ulfina jaarraa baay’ee, kabajaa gadaa michuu;
Qananii qabu fooyyee, duudhaafi aadaa kichuu;
Mee irraa dubbanna: bakka jirru, bakka geenne;
Safuufi cubbuu danuu, nyaaphni nun dhageenne!
Waan kaayyoo eeloftee,
Waan aayyoo beeloftee,
Isinitti himna gurra kunnee,
Seenaa bade, maqaa dunnee!
-/-
Kaleessa dureettii, ummata hundatuu sibeekaa;
Har’ammoo dhabdeeti, namni quba itti akeekaa;
Harki durii sun haphatee, hamileen isii bututee;
Dhabni humna horatee, hiyyumni itti guntutee!
-/-
Duraan kaamettii, itti areertee booharsita deegaa;
Amma immoo ko’eettii, situ harka namaa eegaa;
Dur durii taate jiruun, adaa barri hin jijjiiramaa;
Hafte waliif hiruun, gadaa qilleensa faalamaa!
-/-
Qoraaftee, foysitee,
Bobbaaftee, tiysitee,
Obaaftee, dheechiftee,
Dhibbaan himtaa,
Sagaltama yaaftaa,
Sagaliin elmattaa,
Sagaliin loltee,
Sagalee toltee,
Maaxarii holtee,
Namuu sibir’ataa,
Gamnuu sisodaataa,
Sabnuu siin onnataa,
Maraan hawwatamtee,
Hundaaf abdatamtee,
Dabaatti gootomtaa,
Dhabaatti arjoomtaa,
Kennitee hin fin’ee,
Dhokattee hin lin’ee,
Elemtutti elmitee, aannan mi’ii namaaf laattaa;
Harkikee kennee hin bu’u,
Harkikee conee hin gu’u,
Muchi saawwan kee otticha,
Garaan kee yoos tokkicha,
Dhaba simararaa,
Dhaba siwareeraa,
Kennuuf muddamtaa,
Kennuuf hudhamtaa,
Kennuuf mu’amtaa,
Lamatti hin beeytu,
Namatti hin akeeytu,
Namatti hin ilaaltu,
Qalbiin sirora’aa,
Laphee sibooji’aa,
Garaan sirarra’aa,
Yaa rabbii! dhabaa bitii,
Ayii! Dhaba hundee citii,
Har’ihoo! kaleessaa mitii,
Atuu ko’oomattee, harka namaa keessa ilaaltaa;
Jireenna akka gaararraa jijjiiramuun maal jennaa?
Eentu baaduu waliif areeree, mi’ii ollaaf kennaa?
Leetoon ni qaqal’atee,
Haaxoon wal-hanqatee,
Sameessi...samaa hafee,
Addeessi...dhamaa kufee,
Taatullee aadaan cabuu hin qabuu;
Namni waa kennu waa hin dhabuu!
Kennuufi fudhachuun, kennaafi fudhataa hayyisaa;
Kennaa walirraa fudhaa, waan qabdan wal-uyyisaa;
Malee! har’a ilaalanii, kaleessa dagatuun hin taatuu;
Kalee dagatanii, har’a ilaanii, boru akkamiin jiraatuu?
Dhabaniifi argatanillee,
Hammaaraniifi hammaatanillee,
Qabeenni hin dhumaa, firri wal-biratti hinyaatuu!
-/-
Aayyoo kullittaa dachaa, aabboo gumbii guddaa;
Oromoo abbaa qachaa, Oromoo ummata hundaa;
Burreen kee nisaamamee, da’oon haadha quufaa;
Qe’een kee hadiyyoomee, Waasho abbaa suufaa.
Sitti agarsiisanii, siin cuullifatanii,
Sitti morsiisanii, siin luuccifatanii,
Sitti marsanii, sitti hobbaafatanii,
Wanta laphee gubee, garaa nama nyaatuu,
Ati ni agarta malee, tasumaa hin argattuu,
Ati hin jirta malee, gonkumaa hin jiraattuu,
Gaafa ati lafatti kufte, guyyaa ati jiiydee,
Oromoon leeyya’e, Oromiyaan dhiiydee,
Imimmaan ina hin qooru, ormi sidiiydee!
-/-
Musiibaa addunyaa, kan gamtaan muudanne;
Osoo ofirratti hin beekkatin, alagaan gufanne;
Kan namarraa hin cinne, balaa akka maleesaa;
Yaa rabbii furi! nuttin deebisin tan kaleessaa!
-/-
Yatiimni hanga hin qabu, kan badheetti faca’e;
Kaan maatii dhiisee godaane, deemees harca’e;
Rakkoon keenna xaxaa, beekamee hin baxxaa’u;
Mirga keennaaf dubbanna! lafarraa nu haxaa’u!
-/-
Balaa kana hifattee,
Dhiibbaa kana mufattee,
Akkanatti hin jiraattuu,
Akkaaf haa falmattuu,
Diinni lafa hin buusuu,
Xiqqoo harma hin guusuu,
Kaballaan dhabanaasaa,
Waraanee finna ajjeesaa,
“Nurraa fixaa fixaa,” jetti daa’imni hadhooftee;
Bara dheeraa dinqiin, jiraachuuf kan hawwitee;
Barattee fala ta’uuf, biyyarraa duuchuuf qaawwa!
Walabummaa dharraatee, Bilisummaa hawwaa!
-/-
Roorroo baasa baaftee, roorroo diinqa ol-seente;
Roorroo diinqa seente, birmadummaa maseente;
Daa’imman jibbitee jirti, dhaloonni qubee nuffee;
Siyaasa huuban kaafne, siyaasa keessi hashuffee!
-/-
Amaanaa maatii isiitiif, hargansuun koobsitee;
Imimmaan dhugaa isiitiif, dallansuun roobsitee;
Namni kana argee, birmatee ofitti hin waamuu;
Aayyoo garaa bishaanii, booyichirraa hin caamuu!
-/-
Daa’imman kichuu, dhaloota fufiinsaafi hegeree;
Dhawaata labata dhaalu, finna carraafi dabaree;
Abdii gurraacha Afrikaa, Oromticha kufee kuffisu;
Seera gadaan boonaa, halangeefi siinqee mul’isu!
-/-
Manguddoonni, gurraacha garaa garbaa kadhatu;
Leenca Oromiyaa, qeerransa Oromoon dhaadatu;
Kallacha addatti hidhatee, ayyaana waaqaa mil’uu;
Bakkalcha bariitti siqatee, dhiifama gaafata hir’uu!
-/-
Biyya ofii faarsitee, ummata ofiif weeddisaa;
Guddina hawwitee, misooma biyyaa leellisaa;
Imimmaan dhangalaasaa, wal-tajjii yoo kortu;
Yeedaloo yaa’aan, yaada yaa’iin hamilee hortu;
Magariisa kuttee, marga coqorsa jiidhaa misaa;
“Maddaafi marga haa jiisu,
Roobee haa magarsiisu,
Kan elmattan haa dhalu,
Kan bobbaaftan haa galu,
Sangaan waanjootti,
Dhaltiin okoleetti,
Ooyiruun daraartee,
Ooyidiin baraartee,
Callaan gumbii haa guutu,
Nama hundaa haa dabartu,
Afuu! Afuu! jedhaa,” jette masoo waliif dhiisaa;
Mi’aayaa dubbattee,
Miidhagaa uffattee,
Ilmoo booharsitii,
Orma hinaafsiftii,
Bobaa qirqirsitee,
Kophaa mirmirsitee,
Abdii jala qabdee,
Ilillii dura dhaabdee,
Ofitti qabdee fuunfattii,
Olitti dabdee dhuunfattii,
Imimmaan lolaasaa,
Faaruu dhangalaasaa,
Faajjii gadaa bifa gurraacha, diimaa, adii;
“Araara! araara! araara!” jette yeroo sadii;
Haguuggaa seenaatiif, dibata cobsiiftee;
Ummata bal’aafis, Ilillii daraare raabsitee.
-/-
Finna bara dheeraaf, imimmaanis gaddaa;
Salphinni hin dhumuu, dabareenis maddaa;
Kichuun afaan itti bara, kanarraa yaadda’aa;
Dhaloonni lattuunis, godaannisa madaa’aa!
Qonyonyaa hin fayyuu,
Kamirraa hin wayyuu,
Siyaasa dhullaa’aa,
Siyaasa mala’aa,
Afaan itti hiikkata,
Afoolasaa dubbata,
Siyaasan ballaga,
Siyaasan baalaga,
Siyaasa eela’aa,
Siyaasa beela’aa,
Siyaasa qo’ata,
Siyaasa qorata,
Siyaasa biifa,
Siyaasa shafa,
Siyaasa kura,
Siyaasa ura,
Siyaasa hamoommata,
Siyaasa areerrata,
Siyaasa gondolcha,
Siyaasa gangalcha,
Osoo ol-guddatee, bultiisaa hin ijaarre;
Osoo dubbatee, hawwiisaa hin agarre;
Dardarri meeqa cabee..., mataan ta’e arrii;
Halkuu gubataa, guyyuu hin mul’atu aarrii!
-/-
Jireenna xaxamaa, furgaafama dide hin hiikamuu;
Dhaloota ittiin sakaalanii, furtuunsaa hin argamuu;
Mandhee maandhaa hin qabne, guddisa faalloome;
Isuma waaqabu huruursa, dhuunfaa ofii aangoome!
Gadamoojjii warri umriin turaa,
Rakkoo nuffee biyyatti xuuraa;
Daa’ima kichuu lalanjee corqaa,
Adda kufee imimmaan corroqaa,
Finni afaan hin beeyne,
Labanni daba hin eeyne,
Daa’imman qoma gororaa,
Hin buufanne handhuuraa,
Sabiyyiiwwan waa hin beeyne, dhibee kana aadaa;
Filannoo hin qabuu,
Hidhannoo hin cabuu,
Lubbuusaa baraaruuf, riphee bosonaaf gaadaa!
-/-
Ilmi namaa jaalatee, daggalatti hin aseenuu;
Osoo dhaluu qabuu, wallaalee hin maseenuu;
Roorroo diinaa jibbee, hadhaa mukaa filatee;
Mooyachuuf cita godaanaa, diinasaa jifatee!
-/-
Lafarraa balleessuuf, mootii irree rasaasa kuru;
Dhaloonni morkataan, tasumaa abdii hin muru;
Hongeen goggogee badus, bosonni agadaa;
Garaan dhabee hin oolu, gursummii araadaa.
-/-
Washoon namarra jiru, hubboon hin guutamne;
Guyyuu itti gattumtus, ifaajjiin isaa hin dhumne;
Qileen dhala namaa..., nyaatee dhuguuf gaadaa;
Ruhiin beela hin bultu, barii nyaata barbaadaa!
-/-
Bara kiyyatti ta’ee moo? barri barmaatii kiyya;
Seenaa cinaan lagee, kan seene qaroon kiyya;
Beekumsi baay’atus, lakkoofsan quba harkaati;
Bal’isee gogiinsa horataa, dhiphina sammuuti.
-/-
Warroonni baratanii, qabxii barumsaa heddu baatan;
Beekumsa nutti dony’oomanii, furmaata hin laatan;
Osoo akka rifeensa mataa, lammiin bare baay’atu;
Maaliif taana? “gowwaa bishaan biraa dheebotu,”
-/-
Hayyuun qaroo dachaa, isa inni fagootti waa argu;
Maaliif dura ilaalee, mul’ata dhalootaa hin raagu?
Maaliif ijji keenna jaamee, miilli keenna sakaalama?
Maaliif faana nurraa hin kutu, deebi’a takkaalama?
-/-
Jijjiirama mataa isaatiif, guyyuu inni kaatu;
Beekaan maraa miti, marti walin fakkaatu;
Beekumsi jireennaa! isallee hin tuffannee;
Beekaa keenna dabee, shirasaa mufannee!
-/-
Nuti seenaa himnaa, seenaa hin hojjannuu;
Aayyoo beelli dhaalee, dafaa haa birmannuu;
Rakkoo teessan dhoysaa, galaa ceeku baadhaa;
Aayyoo beela baafnaa, waan horattan laadhaa!
-/-
Sabbanni hidhatte, muldhii isii muree nyaatee;
Dubartiin haadha hundaa, yoo kabajje haatee;
“Rap! rap rap,” gootee buufti imimmaan danuu;
Beelli itti jiruus, yeroo tasa namaaf hin kennuu.
-/-
“Beela qaba...,” jettee garaa nutti hin himne;
Falmitti cichitee, dhugaan biraa hin timne;
Mar’imaan jaalalaa, jirbiin xaxxee hidhatte;
Imimmaan taliilaa, irbuun martee miixatte!
-/-
Qeerransittii burree, garaa aayyoo dhale;
Hidhadhittii surree, karaa kaayyoo male?
Isaan duudhaa kabaju, sabbanni wayyuu;
Ija hidhaa kabalu, bade ayyaanni hayyuu!
-/-
Dubartiin wayyuudha, sodaa nijabeessu;
Yeroo ammatti hayyuudha, ol-fageessu;
Gadaamessi haadhaa, inni yeroo ulfaa;
Haqa Oromoo tiiysa, iftoomina kolfaa!
-/-
Dhiinnee isa keessaa bahuuf, bara beelaa;
Hanquu qaama keennaa, hunduma meelaa;
Miilli keenna naafee, uleelleen lafa hokkollu;
Sammuun keenna fayyaa, ormaa hin hoffollu!
-/-
Qalbiin nagaa qabna, ijaan waa cufa agarraa;
Iyyinuufi cal’ifnullee, bara beelaa nidabarraa;
Maraan tokko taanee, gara tokkotti qajeelaa;
Rasaasnuu wal-tahee.., ergama isaa haleelaa.
-/-
Habaaboo hadhooftuu, ramaxaan maranii;
Hawwii ilmoo namaa, beelan sukkuumanii;
Gabrichi rabbii guddaa, kan dhugaan jiraatu;
Iftoomumaan le’aa, ofittummaa hin sooratu!
-/-
Eelee itti cabee, qaama kiyya itti miidhame;
Eegee irraa dhabee, waa baay’ee saamame;
Jiruu kiyya isa har’aatiif, kan sababa ta’anii;
Dhiyadhee na soomsisan, garaa of ga’anii!
-/-
Haafa bara quufaa, tokkollee hin hubannuu;
Quufa bara beelaa, kamittuu hin dubbannuu;
Jireenna qananiifi sadoo, jaalalaan simatanii;
Quufa bara beelaa, wayyoo tasan himatanii!
_____⭐⭐⭐⭐⭐_____
Risaa Bokkaa Mooye (2018 - 🦅) irraa!
Kedir Abdulatif Haji (kedirabdulatif.com)