Amin Ahmed Tasi

Amin Ahmed Tasi Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Amin Ahmed Tasi, Grocers, Adama.

17/04/2026

INFECTION YOU CAN GET THROUGH KISS🥼🫣 (DR.)
Kissing—especially deep (tongue) kissing—can transmit several infections, mainly through saliva or mouth sores. The risk is higher if either person has cuts, bleeding gums, or active infections.

Here are the key infections you can get through kissing:

🦠 Viral infections

🦠🦠Herpes simplex virus type 1 (cold sores)

🧠Most common infection spread by kissing
🧠Transmitted when someone has active blisters around the lips
👌Causes painful sores (“fever blisters”)

🧠Epstein-Barr virus (Mononucleosis / “kissing disease”)

Spread through saliva
👌Symptoms: fever, sore throat, fatigue, swollen lymph nodes

🥼Cytomegalovirus

🧠Usually mild or unnoticed in healthy people
🧠Can be serious in pregnant women or immunocompromised individuals

👌Human papillomavirus (rare via kissing)

🫆More commonly spread by oral s*x
🫆Some strains linked to oral cancers

---

🦠 Bacterial infections

🧠Streptococcal pharyngitis

🧠 Can spread through saliva
🧠 Causes sore throat, fever, difficulty swallowing

✨Neisseria meningitidis

🧠Rare but serious
🧠Spread through close contact (including kissing)
🧠 Can cause meningitis

---

🦠 Other infections

Hepatitis B (very rare through kissing)

🫆Possible if blood is present (e.g., bleeding gums)

COVID-19

🔥 Easily spread through saliva and respiratory droplets

---

⚡❗ Important clarification

🙏HIV is NOT spread through kissing

🧠 Unless there is significant blood exchange, which is extremely rare

---

⚠️ When kissing is risky

Avoid kissing if:

🧠You or your partner has mouth sores, ulcers, or bleeding gums
🧠 One person is sick (fever, sore throat, cough)
🧠 There is a known active infection (like cold sores)

---

✔️ Simple prevention tips

👌Avoid kissing during active infections
👌Maintain good oral hygiene
👌 Don’t share saliva when ill
👌 Get vaccinated where possible (e.g., meningococcal, hepatitis B).

Dr.

15/02/2026

2. A 74yo smoker presented to his GP with cough and SOB. Exam revealed pigmentation of the oral

mucosa and also over the palms and soles. Tests show that he is diabetic and hypokalemic.

What is the most probable dx?

a. Pseudocushing syndrome

b. Conns disease

c. Ectopic ACTH

d. Cushings disease

e. Hypothyroidism

Biqiltuu Irraa Hedduu Namaa Gowwomse Kana  Beektuu? Faayidaa Fayyaa Hedduu qabdi..Maqaan Biqiltuu Kanaa 𝐐𝐨𝐫𝐞𝐞 𝐇𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞 𝐆𝐮𝐝...
04/01/2026

Biqiltuu Irraa Hedduu Namaa Gowwomse Kana Beektuu? Faayidaa Fayyaa Hedduu qabdi..

Maqaan Biqiltuu Kanaa 𝐐𝐨𝐫𝐞𝐞 𝐇𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞 𝐆𝐮𝐝𝐝𝐨𝐨 𝐲𝐤𝐧 𝐁𝐮𝐥𝐥 𝐓𝐡𝐢𝐬𝐭𝐥𝐞(CIRSIUM VULGARE)𝐲𝐤𝐧 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐫𝐚𝐛𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝒔𝒉𝒖𝒌𝒖𝒍 𝑯𝒂𝒍𝒊𝒊𝒃( jedhama . Yeroo hedduu warri qorcha aadaa yeroon isii kanaa fi qusxii hindii ykn qabaruush jechuun walfakkeessanii yaaman nimuldhata garuu biqiltuun kun qabaroosh ykn qusxii hindii akka hin taane cimsinee dubbanna.

Yeroo baay'ee biqiltuu kana waan faayidaa hin qabneetti ilaalamuu malti, garuu dhibee kintarroot( hemorrhoid),Rakkoo fincaaniin walqabatu, Hafuura Namatti ciccituu fi rakkoo dhibee gogaatiin dhufu dabalatee Faayidaa hedduu qaba.

1.Gargaarsa bullaa'insa nyaataa
Hiddi Biqiltuu kanaa kompaawundoota hadhaa’oo inzaayimoota bullaa’insa nyaataa kakaasan, xuuxamuu soorataa fi fedhii nyaataa fooyyessuudhaan kan badhaadhedha.
Nyaata dura shaayii hundee isaa irraa bishaan waliin qopheessuun galgalaa fi ganama burcuqqooo tokko tokko .

2.Summii Qaamaa Fi Kalee
Biqiltuun kun summii gaachaa fi kalee balleessuuf kan gargaaruu fi sirnicha qulqulleessuuf gargaaruun summii kalee balleessuu ni deeggara.
Baala fi hidda isaa walqixxee godhaa shaayiatti ykn daakuu isaa faldhaana 1 nyaata waliin.

3.Bu'aa Farra Inflammatory
Flavonoids fi antioxidants Biqiltuu kana keessatti argaman inflammation hir'isuuf gargaaru. Baala isaa sirriitti daakuun qaama kee irraa iddoo dhukkubsatan ykn lafee inflamed ta'e irratti dibachuu. Guyyaatti yeroo tokko.

4.Sirna ittisa qaamaa ni guddisa
Biqiltuun kun vitaamin C fi ayireniin kan guutame yoo ta’u akkuma biqiltuu "Broadleaf" kan post isiniif goonee turre sanitti biqiltuun kun lamaan dandeettii dhinee ofirraa ittisuu cimaa qaban.
Keesaattuu yeroo qorraa fi infuleenzaa isin qabeetti shaayii Bull Thistle yeroo hunda dhuguu qabdu.

5.Dandeettii seelii Cimsuu
Antioksidaantoonni Bull Thistle keessa jiran free radicals kan lolu yoo ta'u, fayyaa waliigalaa fi fayyaa seelii ni deeggaru.
Guyy

03/01/2026

Gosoota dhiigaa
✍1.Namni dhiigni isaa A+ tahe
√kan kannuuf- A+, AB+
√Kan irraa fudhatu- A+, A-, O+, O-

✍2.Namni dhiigni isaa O+ tahe
√kan kannuuf- O+, A+, B+, AB+
√Kan irraa fudhatu- O+, O-

✍3.Namni dhiigni isaa B+ tahe
√kan kannuuf- B+, AB+
√Kan irraa fudhatu- B+, B-, O+, O-

✍4.Namni dhiigni isaa AB+ tahe
√kan kannuuf- AB+ qofa
√Kan irraa fudhatu- Gosa dhiigaa hunda irraa fudhatu nii danda’a.

✍5.Namni dhiigni isaa A- tahe
√kan kannuuf- A+, A-, AB+, AB-
√Kan irraa fudhatu- A-, O-

✍6.Namni dhiigni isaa O- tahe.
√kan kannuuf- gosa dhiigaa hundaaf ni kenna
√Kan irraa fudhatu O- qofaa

✍7.Namni dhiigni isaa B- tahe
√kan kannuuf- B+, B-, AB+, AB-
√Kan irra fudhatu- B-, O-

✍8.Namni dhiigni isaa AB- tahe
√kan kannuuf- AB+, AB-
√Kan irra fudhatu- AB-, A-, B-, O- irraa fudhatuu ni danda’a.

04/11/2025

An hedduu kan na dhibe namni akkamitti buufata galaana ofii biyya biraatif kenna "way Mallas gubadhu ,haadharaw!.
Please Eritrea !

03/11/2025
18/09/2025

Bakka Kee Beeki:

Hiriirri kee namoota gatii kee beekan wajjjn haa ta'u."Aktaricha beekamaa Hooliiwuud,


Dhugaa tokko tokko liqimsuun namatti ulfaata.Garuu bilisa ba'uu yoo barbaadde utuu sitti hadhaa'uu dhugaawwan ati liqimsuu qabdu hedduun ni jiran.Jireenya keessatti namoota ati iddoo olaanaa kennituuf cufatu deebisee bakka kabajaa naaf kenna jettee hin eegiin," jedha Roobarti Diiniiroon.

Namni ati ulfina guddaa kenniteef tokko, innis deebisee miira ulfinaa siif akka qabaatu dirqisiisuu hin dandeessu, hubadhu.Yeroo kee, maallaqa keef humna kee aarsaa gootee isaan gammachiisuuf namootni ati ijibbaata gooteef tokko tokko, dhamaatii kee kana bilaashumatti kan busheessan si quunnamanii hin beekanii?

Yeroo baay'ee namoota biratti fudhatama argachuuf jecha hedduu dadhabina. Garuu, utuu hin beekin bututna.Jiraattee, jiraachuu baatte namoota dhimma isaanii hin taane irraa galata barbaachaaf ati nama dhalatte miti, quba qabaadhu.

Jireenyi gabaabduudha.

>Waan dhimma baasu irratti xiyyeeffadhu. Hunda caalaatti immoo dandeessu waan hawaasa keef bu'aa ta'u dalagi. Yoomiyyuu hin dagatamtu.
Namootni si barbaadanii fi si kabajan si dhaggeeffatu.Si deggerus.

Ati isaan bira jiraachuun illee gatii kan qabu ta'uu isaa akka ati hubattu gochuuf carraaqu.Namootni injifannoo keetti gammadanii si leellisan akka tasaa kuftu illee deebisanii harka qabanii lafaa si kaasuuf hin dhibaa'an. Hariiroon akkasii gatiin isaa kan albuuda warqee irra qaaliidha.

Namootni tokko tokko hojii keefis ta'e siif kabajaa kan hin qabne ta'uu isaanii wayita hubattu, quunnamtii jarreen kanniin waliin qabdu jibbaan utuu hin ta'in obbolummaadhumaan addaan kuti. Lola malee ulfinumaan addaan gali. Immoo, haaloo qabattee keessa kee hin gubiin.

Jaalallii fi hiriyyummaan waan waliin kudhaammataniidha malee waan gabbaranii yookiin kadhatanii nama biraa fudhatan miti.Hariiroon kee namoota gatii kee beekan wajjin haa ta'u. Namni guutuun hin jiru. Hundi keenya hanqina qabna. Jaal

06/09/2025

!🤐
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Dubartii tokkotu konkolaataa akka addunyaatti jira jedhamu ooftee gara dargaggeessa tokkootti dhufte. Dargaggeessi kun karaa gubbaa taa’ee qarshii nyaata qoonqoosaatti nyaatu ittiin bitatu kadhata ture.

Akkuma dhuftee gurbaa kana bira geesseen qarshii baay’ee lakkaa’uun mucicha rakkisu hidhaadhaan fuutee mucaaf kenniti. Gurbaanis “Ani qarshii kana hin barbaadu!” jedhee deebisee itti darbate. Dubartiin qabeenyaan badhaate kunis, waan gurbaan qarshii xiqqoo barbaadu seetee “Ilmako! Homaa rakkoo hin qabu! Yoo sodaatte, koottu deemnee account kee irratti siif galchina! Hin sodaatiin!” jettee qarshii sana mucaatti deebisti. Gurbaan ammas aaree, “Hin barbaadu!” jedhee itti darbate.

Dubartiin kun “Maal barbaadderee? Qarshii kana anatu siif kennaa jiraam!” jette isheenis aartee.

Gurbichis, “Ani durumaayyuu jiilan qaba! kanaan duras qarshii baay’ee namarraa argadheen fudhadhee manatti gale. Ijoollummaa waanan qabuufis qarshii sana maatiikoo waliin nyaannee fixne. Hamma qarshii sana fixnuttis namoonni na beekan na irraanfatani. Kunoo kadhattummaakootti yeroon deebi’u namni qarshii naaf kennu dhibe. Namni reefu na yaadachaa jiraati, hin barbaadu!” jechaa yaada biraan booji’amees, “Ani garuu amma kanan barbaadu akkakee ta’uudha. Anatti himi yoon maal hojjedhen akka kee ta’a?” jedhee boo’e.

Dubartittiinis, “Lakki ilmako! Akka koo ta’uu hin dandeessu! Akka koo ta’uun sitti ulfaata!” jetteen.

“Ani yoon hojjedhe maaltu akkakee ta’uu na dhowwa? Maaliif na tuffatta?” jedhee iyya.

“Dhuuguma akka koo ta’uu barbaaddaa?” jettiin.

“Eeyyee! Qurxummii naaf kennuu dhiisiitii akkaataa itti qurxummii qaban natti himi!” jedhe gurbaan.

Isheenis balbala konkolaataashee bantee akka gurbaan ol seenu eeyyamtiif. Gurbaanis ol seenee taa’e. “Akka koo ta’uu feeta mitii?” jettee imimmaan ijashee guuteen! Itti dabaltees uffata miidhagaa irra keessatti uffatteettu baaste. Itti fuftees shurraabii ishee ol qabdee dhaqnashee gara laphee yommuu itt

18/08/2025


Miindaan hojjettoota mootummaa Fulbaana 2018 irraa eegalee akka fooyya'u ibsame.
Haaluma kanaan:
• Miindaa xiqqaan 4,760 irraa gara 6,ዐዐዐ
• Ka'umsi miindaa digirii 6,940 irraa gara 11,500
• Miindaa ol anaan 21,492 irraa gara 39,000tti fooyya'a.
Kana malees miindaan hojjettoota dhaabbilee mootummaa kan siivil sarvisii jala hin jirree (Baankii, Teelee, Daandii Qilleensaa, kkf ni fooyya'a.
Telegram:

16/08/2025

Guyyaa har'a hagayya 10/12/2017.
Dhukkuba "Tiruu " Hepatitis jedhamu irraan hawaasa keenya qooda.Jarana dhukkubni isin dhukkuba shinbirrooti jettan sun baraa Dhukkuba Tiruu Kan vaayrasii Hepataytas jedhamuun namarra namatti daddarbu yoo tahu dhukkuba hamaa fi balaafama tahuu beektu ,ajab yeroo ammaa namni wal galaafata jira dhukkuba kanaan.Virasin dhukkuba Hepatitis kun Gosa 5(shan tu)jira 1.ffa>Hepatitis 'A'
2ffaa>Hepatitis 'B'the most fatal hunda caala kan nama ajjeesu ji'a 2-3tti
3ffaa> hepataytas 'c' kunis hamaadha garuu ofiin tiruun dandamachu mala yoo dawaa argate
4.hep.D
5ffaa.hept E jedhamu.
haalli daddarbiinsa vayrasoota kana
1.Karaa saal qunnamti .keesatu hep.B badaan kun.garaa si bokosse iitesse,ija bicaa ykn keello godhe nyaata si jibbisiise dhukkuba cuggaara of fakkeese yoo. si ajjeesa
2.dhungoodhan.yaa hawaasa of eega harka danfaa fa kan wal dhungattan yeroon baddee jirti.keessattu yeroo taziya.
3.wal tuttuquun.
4.vaayrasin tiruu wantoota kanaafi kan kan fakkatanin dhufa kana males dhukkubni tiruu kan Cirhhosis (sirhoosis)jedhamu dhugaati farshoo irraa tiruun qabamti .maalif yoo jettan tiruun maashina kemikaala summa'o qaama keesa dhimbiibun baastudha."poison or toxic washing out organ in our body is liver"yeroo hedduu kemikaalli summa'on qaama keenya kan seenu yoo tahe Tiruun dhukkuba cirhosis jedhamuun qabama.Asirraatti Warri keenya Hararge jimaa didiiti itti gootani qamaatan of eega yaa jamaa.boodde nisheenoytani.
Fayyaan faaya.
.
.
. By Amin Ahmed Qondaala fayyaa(Ho)
Hagayya 2017A.LI Kora

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Amin Ahmed Tasi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category