Fayyaan Faaya

Fayyaan Faaya Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Fayyaan Faaya, Grocers, Robe Bale, Adama.

Shamarraniif Foolii qaama saalaa badaa ittisuuf maal gochuu qabdu?1 👉🏿 Guyyaa guyyaan luka lamaan gidduufi qaama saalaa ...
22/01/2023

Shamarraniif
Foolii qaama saalaa badaa ittisuuf maal gochuu qabdu?
1 👉🏿 Guyyaa guyyaan luka lamaan gidduufi qaama saalaa sirritti dhiqachuun qoorsuu
2👉🏿 Saamunaa foolii qabuun dhiqachuu dhiisuu
3👉🏿 Yeroo hunda bishaan ho'aa qofaan dhiqachuu ykn shower galuu dhiisuu
4👉🏿 Uffata jalaa(paantii) cotton tahe fayyadamuun gaariidha.akkasumas yeroo yeroon jijjiirachuu
5👉🏿 Yeroo wal- qunnamtii saalaa duraaf booda qaama saalaa keessan dhiqadhaa
6👉🏿 Bishaan gahaa dhuguu
7👉🏿Wantoota urgaa'aa akka doodraantii fikkkf naannoo qaama saalaatti biifuu dhiisuu.

Fayyaa hin dhabinaa

Inbox : Dooktar Haadha manaa kiyya waliin erga gaa’ela dhaabbannee torban guunneerra. Haati manaankoo yeroo wal qunnamti...
20/01/2023

Inbox : Dooktar Haadha manaa kiyya waliin erga gaa’ela dhaabbannee torban guunneerra. Haati manaankoo yeroo wal qunnamtii saalaa gochuuf kaanu baay’ee sodaattee dhiphattee roqomti.fedhii tokkos hin qabdu!. Maal furmaanni isaa?

Rakkoo Sodaa wal-qunnamtii saalaa(Genophobia/eratophobia) :-
Rakkoon kun dhiirotas tahe shamarran irratti kan mul'atu yoo tahu baayyeen sodaa irraan kan ka'e roqomuu, dha'annaan onnee dabaluu akkasumas dhukkubbiin qaamaa itti dhaga'amuu danda'a. Rakkoo akkasii maaltu fida?

1.rakkoo garmalee kottoonfachuu maashaa qaama saalaa dubartootaa(vaginismus). Maashaan qaama saalaa dubartootaa kun kottoonfachuun dhukkubbiin hamaa isheetti akka dhaga'amu godha, akkasumas qaamni saalaa dhiiraa akka itti hin seenne godha.
2.Rakkoo xiinsammuu yeroo ijoollummaa isaan mudate.
3.ka'uu dhabuu qaama saalaa dhiiraa. Kunis xiinsammuun dhiirotaa akka miidhamu gochuun sodaaf akka saaxilaman godha.
4.rakkoo gudeeddii yeroo ijoollummaa dhiirarras tahe shamarran irra ga'e.
5.qaama ofiitti leeyya'uu ykn qaana'uu irraan ka'e.
Kanaaf namoonni baayyeen rakkoo akkasii akka qaban argaa jirra. Kanaaf yaaliin fayyaa qaamaa akkasumas fayyaa xiinsammuu waan kennamuuf mana yaalaa tajaajila kana kennu bira deemaa yaalamaa,!

Fayyaa hin dhabinaa,


Araada fedhii wal-qunnamtii saalaa ofiin ofirraa baasuu (gaasee) Akkamitti dhiisuun dandaa’ama?1.Araadaan qabamaa jirta ...
17/01/2023

Araada fedhii wal-qunnamtii saalaa ofiin ofirraa baasuu (gaasee) Akkamitti dhiisuun dandaa’ama?
1.Araadaan qabamaa jirta yoo ta’e dursitee amanuu qabda.
2. Dhiisuudhaaf fedha qabda yoo ta’e dursitee akka dhiisuu dandeessu waadaa ofiif gali.
3. Kutaa dhiqannaa fi mana fincaanii keessa turuu dhiisuu
4. Yeroo gara mana dhiqannaa deemtu muuziqaa dhaggeeffadhu. Kan amantii yoo ta’ee filatamaadha.
5. Hamma itti bartutti nama biraa wajjiin qaama dhiqachuu shaakali(Nama hedduu itti dhiyaattuufi amantu)
6. Yeroo dheeraaf mana keessa qofaa turuu dhiisuu
7. Filmii wal qunnamtii saala kakaasu ilaaluu irraa of qusadhu.
8. Hojiin ala taa’uu dhiisuu
Yoo ofiikee waan hojjettu hin qabaanne namoota biroo gargaaruu baradhu.
9.Saal qunnamtii seera qabeessa raawwadhu. Yeroo si barbaachisetti saal qunnamtii hiriyaakee( hadha manaa, ykn abbaa manaa) waliin raawwachuu hin sodaatiin.

Araadi kun sammuu dhaloota ol adeemoo hedduu mancaasaa jira!
Kanaaf of -eeggadhaa
Odeeffannoo dabalataa bifa viidiyoon argachuuf Odeeffannoo dabalataa bifa viidiyoon argachuuf

Fayyaa hin dhabinaa,!

nuuf godhaa,!

Abbootin manaa haadha manaa keessaniif yeroo ulfaa maal gochuu qabdu? 1.Yeroo ulfaa akkasumas da'umsaa booda yeroo muraa...
17/01/2023

Abbootin manaa haadha manaa keessaniif yeroo ulfaa maal gochuu qabdu?
1.Yeroo ulfaa akkasumas da'umsaa booda yeroo muraasaaf amalli haadha manaa keessanii sababa jijjiirama hormoonii irraan kan ka'e jijjiiramuu waan danda'uuf danda'aa ykn obsaa ta'uu qabdu.
2. Haati manaa keessan hordooffi yeroo ulfaa fi kan da'umsa booda akka fudhattu jajjabeessuuf akkasumas yoo isinii mijata tahe waliin deemuun ni jajjabeeffama.
3. Jaalala haadha manaa keessaniif qabdan walitti fufinsaan ibsuufii qabdu
4.Yeroo ulfaa gara jalqabaa fedhiin saal-qunnamtii ni hir'ata ji'a 4 booda nii dabala. Kanaaf fedhii lamaan isaanii irratti hundaa'ee yoo raawwattan rakkoo waan hin qabneef wal hubachuu qabu.
5. Wayita ciniinsuu fi da'umsaa ishee waliin turee jajjabessuu irraanfachuu hin qabu.
Kana malees dabalataan erga deessee booda fedhiin isheen walquunnamtii saalaaf qabdu waan hir'atuuf hanga isheef mijatuutti obsuufii qaba, jaalala isaas hir'isuu hin qabu.
Fayyaa hin dhabinaa


👨🏽‍⚕️Dooktara Dhibamtootaa fi rakkattootaa ta'i!🧑🏻‍⚕️Namoonni tokko tokko yeroo rakkoo isaanii qofa si barbaadu. Atimmoo...
17/01/2023

👨🏽‍⚕️Dooktara Dhibamtootaa fi rakkattootaa ta'i!🧑🏻‍⚕️
Namoonni tokko tokko yeroo rakkoo isaanii qofa si barbaadu. Atimmoo maaliif akkana ta'u? jettee kan isaanitti aartu yoo ta'e, na amani badii guddaa raawwachaa jirta. Sababni isaas dhalli namaa qoricha kan barbaadu yeroo dhukkubsatu qofaadha. Siin immoo, uumaan kee qoricha taasisee waan si uumeef galateeffadhu, malee sababa rakkattoonni yeroo rakkoo isaanii malee yeroo kaan na hinbarbaadan jedhuun kennaa kee awwaaluu hin qabdu. Atis yeroo rakkatu, wanti humna kee ol ta'e yeroo si mudatu, gara qoricha kee, gara uumaa keetti iyyatta. Kennaa muraasa uumaan kee siif kennee, daran akka siif baay'isuuf cimsii qabadhu. Hojiin kee yeroo maraa akka Doktaraa dhibamtoota yaaluu haa ta'u! Dr rakkattootaa Ta'i!

Fayyaa hin dhabinaa


Address

Robe Bale
Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fayyaan Faaya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Fayyaan Faaya:

Share

Category