Merti Abomsa

Merti Abomsa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Merti Abomsa, Grocers, Merti, Abomsa.

Hooggana Cimaa Uummata Isaatif Hubatu Maandisa Nageenya fi MisoomaaBulchaa Bulchiinsa Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir ...
04/11/2025

Hooggana Cimaa Uummata Isaatif Hubatu
Maandisa Nageenya fi Misoomaa
Bulchaa Bulchiinsa Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir đź’Ş

04/11/2025

Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuu carraawwan invastimantii haaraa Itoophiyaafi Awurooppaa gidduutti bana jedhame

Finfinnee, Sadaasa 04, 2025: Buufanni xiyyaaraa haaran Itoophiyaan Bishooftuutti ijaartu carraawwan invastimantii haaraa Itoophiyaafi Awurooppaa gidduutti akka banu fooramii Invastimantii Gamtaa Awurooppaa kaleessa, Sadaas 04, bara 2025, Paarisitti taa’ame irratti ibsame.

Qaama fooramichaa kan ta’e Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuu, ijaarsaa isaan walqabatee Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Hojii Gaggeessaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo, michuu ijaarsa buufata xiyyaarichaa kan ta’e dhaabbata gorsaa idil-addunyaa Daar Al-Handasaafi bakka bu’oonni dhaabbata idil-addunyaa KPMG, gorsaa olaanaa ijaarsa buufatichaa marii kana irratti argamaniiru.

Buufanni xiyyaarichaa guddina dinagdeefi qindoomina Afrikaa saffisisuf humna qaba jechuun waltajicharratti dubbatan.

Waltajjicharratti haasawa kan taasisan Itti Gaafatamaan Eerbaasii Afrikaa Obbo Federikoo Buluttoo, tumsa Eerbaasiin Daandii Qilleensaa Itoophiyaa waliin qabu daran cimsuuf fedhii qaban ibsaniiru.

“Pirojektiin Bishooftuu kun Gareen Daandii Qilleensaa Itoophiyaa daandiiwwan qilleensaa adda duree kanneen akka Emireetisiifi Qataar Eerweyis waliin dorgomuufi neetwoorkii dhugaa addunyaa ta’uu ni dandeessisa,” jedhan.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee gama isaaniitiin, Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu “guddina, badhaadhinaafi hariiroo idil-addunyaatiif barbaachisummaa tarsiimoo qaba” jechuu odeeffannoon ministeerichaa ni mul’isa.

Ministeerichi waltajjii Paaris irratti carraawwan invastimantii ijoo, keessumaa qonna itti fufiinsa qabu, anniisaa haaromfamuu danda’u, ce’uumsa dijitaalaafi bu’uuraalee misoomaa irratti mariin taasifamuu ibse.

Address

Merti
Abomsa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Merti Abomsa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category