Majlisa Shaik Ahmede Chelenko page.

Majlisa Shaik Ahmede Chelenko page. Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Majlisa Shaik Ahmede Chelenko page., Oromia, Ch'elenk'o.

02/08/2025

Dhiira ajaa'ibaa
Maqaan isaanii
ja'ama. Maqaan isaan ittiin beekkaman immoo Sheikh Haaji Yuusuf Ciroo ti. Aalima, Mudarrisa, Muftii fi Abbaa Ulamaa'ii beekkamoo dha.

Dhaloonni isaanii Xaaliyaan biyya tenya koloneeffattee Waggaa 3ffaa keeysa yoo tahu, Iddoon dhaloota isaanii Baale, Raayituu bakka ja'amtu ture.

Joollummaan Umrii isaanii amata 10 tti Quraana Rabbii haffazuun barnoota Diin Islaam barachuu eegale. Itti fufuun Sheekhni barnoota Fiqhii hanga hoonga isiitti barate. Akkasuma barnoota Aqiidaa Ashaa'iraa (Aqiidaa awaamaa) tiis sirritti baratan. Kanatti Aansuun Sheikh Haaji Yuusuf Ciroo Hararghee Lixaa naannoo Magaalaa Bardooddee tti dhihaattu keeysatti Fannii Nahwii fi Fannii Sarfii (Seerluga Afaan Arabaa) Sheikh Abdurrahmaan Awwaaree irratti amata 11 baratanii turan.

Sheekh Haaji Yuusuf erga barnoota kana hunda baratan booda Ilmii Hadiisaa barachuu eegalan. Sababni isaan Ilmii Hadiisaa barachuu itti eegalan, Sheikh Abdullaahi Tuqoo Fadisitti Hadiisa barsiisuu eegallaan Sheekkotiin Fiqhii qofa barsiisan "Mu'utazilaatu Hadiisa barsiisa" jachuun Sheekhatti duuluu eegalan. Sheekh Haaji Yuusuf Ciroo "Hadiisarraa deebisuuf Hadiisa barachuu eegalle" ja'u. Itti dabaluun"Hadiisarraa deebisuuf Hadiisa barachuu eegalle, boodarra Hadiisni ifitti nudeeffate" ja'u Haaji Yuusuf.

Sheikh Haaji Yuusuf Sheekh Abdullaahi Tuqoo fi Beekaa Hadiisaa Zamana sanii Sheikh Ahmed Basiiraa irratti Ilmii Hadiisaa akka gaariitti baratanii turan.

Haaji Yuusuf barnoota isaanii waggaa hedduu isaanitti fudhate kana akka gaaritti xumuruun Hayyama barsiisuu (Ijaazaa) Sheekkan isaan barsiisan hundarraa erga arkatee booda Hararghee Lixaa naannoo Magaalaa Ciroo laga Sheekh Aadam ja'amtu qubachuun barsiisuu eegalan. Naannoo tanatti yeroo dheertuu eega barsiisanii booda qubsuma isaanii Arsii Lixaa Asaasaatti jijjiiruun barsiisuu eegalan.
Rabbiin umrii isaanii nuuf haa dheeressu

09/05/2025

إنا لله وإنا إليه راجعون
العين تدمع والقلب تخزن وإنا لفراقك لمحزونون إلاما يرضي ربنا
اللهم اغفر له وارحمه وعاف واعف عنه وأكرم نزله ووسع مدخله اللهم نقه من الخطايا كما نقيت الثوب الأبيض من الدنس اللهم اغسله با الماء والثلج والبرد
Gadadoo jireenyaatiin dandamadha jechuudhaaf biyya irraa bahee gara biyya Ambaa imalee Mana hidhaa biyya Keessatti ajjeeftee ilmoo qacalee akkanaa meeqaa meeqa lubbuu isaanii galaa fattee
Yaa Rabbi badii isaa Araaramiif qubsuma isaa Jannata gararree taasisiif
Jireenyi addunyaa gabaabaadha namayyuu irraa godaana waan ta'eef maatii fi firoottan isaa hundi obsaa jajjabina isiniif hawwina

07/05/2023

Hayyuu akkanaa qabaachuun qabeenya, hayyuu akaanaa qabaachuun jabeenya, hayyuu akkanaa dhabuun tiqqeenya!

Hayyuun hawaasa isaatiif mataadha, hawaasni qaama, qaamni mataa hin qabne akkuma jiraachuu hin dandeenye hawaasni hayyuu hin qabnees kabajamee jiraachuu hin dandeyu.

Hawaasni tokkummaaf dammaqa qabu hayyuu isaa tiiyfateeti jiruu leencaa jiraata,
Hawaasni wallaalaa fii faca'a qabu hayyuu isaa nyaateeti saree alagaatiin nyaadhamee jeedala tahee jiraata!

Hayyuun gaaddisa guddaadha, ummanni biqiltuu titiqqoodha, biqiltuun titiqqoon gaaddisa muka guddaa jalatti jiraatti, gaafa gaaddisni guddaan san irraa jige aduun itti baati.

Hayyuu arkachuutu jabaata malee dhabuun laaftuudha, Hayyoota qabdan jabeeyfadhaa.

Kanniisni mootii isaa kabajeeti gaaguratti galee daraaraa adda addaa irraa deeyma bareedaa san demmeeysee nu badhaasaa jira, Tiitichi mootii isaa ajjeeseeti dikee fii balfa gandaa gubbaa waan tortoree fii raqa nyaachaa jira!

Hayyoota keenya kan bahaa dhiha jiran umrii isaanii nuuf haa dheereysu.

Sh/Jamaal Muussaa Jiloo Roobaa jedhama. ➡️Dhalootaan Godina  Harargee Lixaa Aanaa Doobbaati. Nama Rabbiin beekkumsaa fi ...
22/04/2023

Sh/Jamaal Muussaa Jiloo Roobaa jedhama.
➡️Dhalootaan Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaati. Nama Rabbiin beekkumsaa fi hayyummaa badhaaserraahi.
Barnoota Shari'aa fi Akkaadaamis baratee jira.
➡ Yeroo dheertuuf Imaama Masjida Towbaa Magaalaa Ciroo fi Abbaa Seeraa Mana Murtii Shari'aa Aanaa Ciroo ture.
➡ Barreeysaa olaanaa Mana Marii Dhimma Islaamaa Godina Harargee Lixaa tahuunis tajaajilaa ture.
➡ Abbaa Seeraa Mana Murtii Shari'aa Olaanaa Godina Harargee Bahaa taheetis hojjachaa ture.
➡ Bakki inni dalagaa ture hedduudha naatu gabaabse malee.

⏺Sh/Jamaal Muusaa
↪️Yeroo seenaa dubbatu hayyuu seenaa tahee mullata
↪️Hoggaa waa'ee argama biyyootaa fi teeysuma lafaa himu barsiisaa Ji'oograafii (Geography ) tahee mullata
↪️Yoo bira gad teeysee ilmii irraa barachuu feete akka ajaa'ibaatitti si barsiisa.
↪️Maqaalee adda addaa kitaaba kheeysatti dhawame bakka amma itti argamtuu fi maqaa ammaatis odeeyfannoo guutuu wajjiin lafa siif naqa.
↪️Da'awaa fi khuxbaa isaa namni dhaggeeffate "Magan!!!" Ja'a.
↪️Yeroo akkanumatti si laalee gorsa rakkoo teetiif furmaata tahu dubbatuu fi yaada hin taane si kheeysaa gad naqu "hayyuu Saaykoloojiiti" jatta.
↪️Nama hundaafuu gorsa isa fakkaatu kennaaf.
↪️Isaa du'aa'ii godhu yoo itti dhufte ammoo kadhataa du'aa'ii malee waan biroo quba hin qabne sitti fakkaata.
↪️Wanni hundarra ajaa'iba namatti tahu Namoota haarawaa fi Joollee xixiqqoo hunda if dura dabarsee salaataa fi khuxbaa hunda gad dhiiseefii duubaan dhaabbata. ↪️Sheekha karaa deemullee ol ka'ee hawaasarratti as yaamee dhaamsa akka dhaamu godha.
👉Sheekha kheenya Rabbiin milkii duniyaa fi aakhiraa isaan haa badhaasu.
👉Hojii gaarii isaanii irraa haa qeebalu.
Hamaa fi hamtuu irraa qabee akka isaan yaadanii olitti isaaniif tahee Rahmaan isaan haa gamaachiisu.
Isinis du'aa'ii godhaaf.
Muslim Sheikh Hassen
١٤٤٤هجرة

02/02/2023

Yaa dhaloota arraa kaayyoo fi imaanaa abbaan keenya kaleessa irratti waa meeqa mudate sana akka hindaganne
Qubsuma isaanii Firdowsii haa taasisu Aamiin

إنا لله وإنا إليه راجعون  Namayyuu addunyaa irratti hin waaru Shekh Keenya abbaa ualmaa'ota hayyuu goota sirna dhufaa da...
19/10/2022

إنا لله وإنا إليه راجعون Namayyuu addunyaa irratti hin waaru Shekh Keenya abbaa ualmaa'ota hayyuu goota sirna dhufaa darbaa keessa diinaaf otuu takkaa hin jilbiiffatin diin rabbii barachhuufi ulamoota dhaaltuu Anbiyootaa oomishuu irrti waggota 110 guutuu dabarsan Sheekaaf jannata maatiifi ummata Muslimaaa hundaaf jajjabina Hawwina i
Ijji nu imimmaani qalbiin nugadda

Rabbiin  سبحانه وتعالى Akkana je 'e odoo wantoonni sami7n,dachee 7n fi wantoonni jidduu isaana lamaaniitiis Miizaana jih...
29/08/2022

Rabbiin سبحانه وتعالى Akkana je 'e odoo wantoonni sami7n,dachee 7n fi wantoonni jidduu isaana lamaaniitiis Miizaana jihaa tokkoo keessa kaahamte لا إله إلا الله n Miizana jihaa tokkoo keessa kaayamte isiitu Miizana Je'e Kun sadarkaa isheen qabdu argisiisa warra dhumti jechi isaanii isii taate nuhaa godhu

Namoonni hongee hawaasa keenya harargee naanawa gammoojjjii mudatte gargaaraa kirtan marti keessanuu galatoomaaKeessattu...
25/08/2022

Namoonni hongee hawaasa keenya harargee naanawa gammoojjjii mudatte gargaaraa kirtan marti keessanuu galatoomaa
Keessattuu Raayyaa Abbaa Maccaa sh Jamaal Aliyyii Munashid Anas Muhammad fi kanneen biroos Galatoomaa Ummata keenyaas balaa kana irraa haa dandamachiisu.

Alimticha guddaa Biyya   Rabbi umrii isaanii haadheressu.
21/07/2022

Alimticha guddaa Biyya Rabbi umrii isaanii haadheressu.

Address

Oromia
Ch'elenk'o

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Majlisa Shaik Ahmede Chelenko page. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share