21/11/2024
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gocha gara jabinaafi suukaneessaa finxaaleyyiin raawwatame cimsee balaaleffata; nageenya lammiilee tiksuufis ni hojjeta.
Haala yeroo ilaalchisuun Biiroon Komnikeeshiinii Oromiyaa Miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennan Hooganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa gochi badii gara jabeenyummaan guutame finxaaleyyiin Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti raawwatan jibba hamaa uummata Oromoofi sabaafi sablammootaaf qaban ifatti kan mul’isedha jedhan.
Gochi finxaaleyyii Faannoo kun tuffii Sabaafi sablammootaafi uummata Oromoof qaban kan agarsiisu qofa osoo hin taane finxaaleyyiin kunneen sammuu yaadu kan hin qabne, garee bor hin beekneefi ofittoo ta’uu qabatamaan mul’iseera.
Gareen kun Raayyaa Ittisa Biyyaa jalaa baqachuun lafa ga’e hundatti gara jabeenyaan ajjeessuufi shororkeessuu irratti fuulleffatee jira. Kanas qabatamaan Godina Shawaa Kaabaatti raawwatee jira.
Gochi Finxaaleyyii Faannoos ta’e Shaneen gara jabeenyummaan raawwataa jiran walitti bu'iinsa sabaa uumuun wal fixiinsi akka mudatu taasisuudha. Kanaan duras Naannoo Benishaangulitti, Naannoo Amaaraa Agawootti na bifuma wal fakkaatuun raawwataa kan turan yoo ta’u Godina Shawaa Kaabaattis gochi badii fiixeetti ba’e irra deebiin uummata nagaa irratti raawwataniiru.
Gocha gara jabeenyaa kana Finxaalessaan Faannoo wayiita raawwatu Shaneen uummata hidhannoo hiikkachiisuun haala mijeesseera. Kanaanis meeshaa irraa hiikuun diinaaf saaxiluu, misooma danquu, ajjeechaa suukanneessaa irratti raawwachuufi raawwachiisuu, akka hin qotanne, akka hin hojjettanne sochii hawaasummaa uummataa ugguruun hiyyoomsaa gama kaaniin ajjeechaa suukanneessaafi saamicha karaa wal dubbiseen irratti raawwachaa jiru.
Gochi Finxaalessaa Faannoonis ta'e Shaneen raawwatamaa jiru kun uummata kamiinuu kan bakka hin buune ta'uu ibsaa mootummaan nageenya lammilee tiksuuf finxaalessaa uummata nagaa irraa adda baasee tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata.
Kanaafis mootummaan humnoota nageenyaa bifa qindaa’een bobbaasee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu kan hojjetaa jiru yoo ta’u, Uummanni keenyas obbolummaa isaa jabeessuun tarkaanfii mootummaan fudhatu cinaa dhaabbachuu qaba.