10/07/2026
𝘼𝙖𝙙𝙖𝙖𝙛 𝙙𝙪𝙪𝙙𝙝𝙖𝙖 𝙨𝙖𝙗𝙖 𝙊𝙧𝙤𝙢𝙤𝙤 𝙆𝙖𝙣 𝙩𝙖'𝙚𝙚, 𝙏𝙖𝙟𝙖𝙖𝙟𝙞𝙡𝙖 𝙇𝙖𝙢𝙢𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖 𝙡𝙖𝙛𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙨𝙞𝙞𝙨𝙪𝙪 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙨𝙚𝙚𝙧𝙧𝙞 𝙢𝙖𝙖𝙡 𝙟𝙚𝙙𝙝𝙖?
----------------------
Aadaa fi duudhaa tajaajila lammummaa uummanni keenya sirna Gadaa isaatiin gabbifate fayyadamuun uummanni Naannichaa yeroo, humna, beekumsa, ogummaa fi qabeenya qabuun namoota sababa adda addaan rakkoof saxilamoo ta’an gargaaruun gahee isaanii akka bahan gochuuf Caaffee Naannoo Oromiyaa Labsii Tajaajila Lammummaa Naannoo Oromiyaa, Lakk. 219/2011 qopheessuun hojiirra akka oolu taasiisuun ni yaadatama.
Seensa Labsii kana irratti barbachiisuumma Labsii kana yoo ibsuu akkas jedha.
1) Aadaa fi duudhaa kenna tajaajila lammummaa ummanni keenya sirna Gadaa isaatiin gabbifatetti fayyadamuun ummanni naannichaa yeroo, humna, beekumsa, ogummaa fi qabeenya qabuun naannoo isaa bilisaan akka tajaajilu, jaalala naannoo fi biyya isaatiif qabu akka dabalu, ilaalcha abbaa biyyummaa isaa akka gabbifatuu fi ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaa akka bahu gochuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
2) Hawaasni naannoo keenyaa dhuunfaanis ta’ee karaa gurmaa’een kenna tajaajila lammummaa irratti bobba’uun carraa ittiin walirraa baratu, hariiroo waliinii fi tokkummaa isaa
ittiin cimsatu uumuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
3) Nama kenna tajaajila lammummaa irratti bobba’e jajjabeessuun aadaan bilisaan biyyaa fi lammii ofii tajaajiluu akka babal’atu, gabbatuu fi dhaloonni itti aanu bu’uura kana irratti akka ijaaramu taasisuun waan barbaachiseef;
4) Haala tajaajilli lammummaa itti kennamu, mirgaa fi dirqama nama tajaajilicha kennuu fi sirna keessatti kennu, haala odeeffannoon ittiin qindaa’u, sirna deeggarsaa fi hordoffii diriirsuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
5) Hanqinaalee kenniinsa tajaajila hawaasummaa fi dinagdee keessatti mul’atan akka furaman, misoomni itti fufiinsa qabu akka jiraatu, jiruu fi jireenyi hawaasaa akka fooyya’u
gochuu keessatti kenni tajaajila lammummaa gumaacha ol’aanaa kan qabu waan ta’eef; Akkaataa Heera Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Fooyya’ee Bahe, Labsii Lakkoofsa 46/1994 Keewwata 49 (3) (a) tiin Labsii Tajaajila Lammummaa Naannoo Oromiyaa, Lakk. 219/2011 tumame jira.
Itti fufaa..........
Haqaaf Haqaan Hojjanna!
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar
Dadar