26/02/2026
🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Dadar Adeemsa Dhimmoota Hariiroo Hawaasaatiin Dantaa Ummataa fi Mootummaa kabachiisuu itti fufeera.
Abbaa Alangaa Aanaa Dadar Himataa waajjira lafaa fi Eegumsaa Naannoo Bu/Mag/Dadar Bakka Bu'uun himannaa gaafa guyyaa 9/03/2018 dhiyeesseen lafa bosonaa mootummaa Godina Harargee Bahaa Bu/Mag/Dadar bulchiinsaa gandaa 02 wiirtuu 10 keessatti argamuu tan bahaan Sharaf Muummee, dhiyaan karaa konkolaataa, kaabaan karaa miilaafi kibbaan Sharaf Muummeetiin daangeyfamtuu seeraan ala himatamaan kara kallattii kaabaa bahaatiin dalgee ballina meter Square 7500 (hektaraa 0.75) qabachuun qonnaaf ittifayyadamaa jiru akka gadi lakkisuu himannaa mana murtii Aanaa Dadaritti lakk galmee 162468 Abbaa Alangaatiin galmee banamee falmii fi ragaa bita fi mirga dhagahamee erga gabaasni Ogeessa lafatiin akka qulqullaa'uu taasifamee booda gaafa guyyaa 19/6/2018tti dhaddachaa ooleen himatamaan lafa ballinni meter Square 7500 ykn hekt 0.75 tahu mootummaaf akka murtaa'u taasifamee jira!