11/02/2026
Injifannoowwan Riifoormii siyaasaa
Adeemsa ijaarsa Itoophiyaa ammayyaa keessatti gaaffiin dinagdee, eenyummaa fi demokraasii ummanni Itoophiyaa kaasaa turee fi tarkaanfiin sirnoonni gaaffiiwwan kanneen deebisuuf fudhatan boqonnaa seenaa har’a irra geenyeef, Idaa fi horata mataa isaa nuuf dhiisee darbee jira. Cabiinsa siyaasaa ture kana sirreessuuf tarkaanfii seena-qabeessi paartiin badhaadhina fudhate riifoormii siyaasaati. Hundeeffamni Paartii Badhaadhinaas Idaawwan cabiinsa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaatiin walqabataniif furmaata waaraa fiduu, horataalee gaarii ammoo adeemsa ida’amuutiin itti fufsiisuu ka’umsa kan godhateedha.