Bara Misoomaa

Bara Misoomaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bara Misoomaa, Grocers, Fedis hararge oromiya, Oromiya.

01/03/2026
Abbaan Qabiyyee Lafa Baadiyaa Lafti Isaa Pilaanii Magaalaa Jala Gale Lafa Isaa Irratti Ijaarsa Raawwachuuf Eeyyama Ijaar...
14/02/2026

Abbaan Qabiyyee Lafa Baadiyaa Lafti Isaa Pilaanii Magaalaa Jala Gale Lafa Isaa Irratti Ijaarsa Raawwachuuf Eeyyama Ijaarsaa Baafachuuf Nidirqamaa?
==================================
Labsii Lkk 1356/2017 kwt 2(18), 7(1) fi Murtii MMWF Dhaddacha Ijbt Glm Lkk 234500 Ta’erratti Gaafa29/05/2016 Kenname
==================================
Magaalaa jiraattotni ishii 10,000 fi achii ol ta’e kamiiyyuu keessatti eeyyama ijaarsaa qaama ilaalu irraa otuu hinfudhatin mana ykn gamoo, dallaas ta’ee ijaarsa kamiiyyuu raawwachuunis ta’ee kan ijaarame fooyyessuu fi diiguun dhoorkaa ta’uun Labsii ijaarsa gamoo duraanii Lkk 624/2001 kwt 2(1) jalatti fi Labsii ijaarsaa haaraa Lkk 1356/2017 kwt 2(18) fi 7(1) jalatti tumamee argama.
Haata’u malee Dhaddachi Ijbta MMWF glm Lkk 234500 ta’erratti murtii gaafa 29/05/2016 kenneen abbaan qabiyyee Lafa Baadiyaa Bulchiinsa Ganda Baadiyaa jala turee fi pilaanii magaalaa jala gale eeyyama ijaarsaa B/Magaalaa irraa otuu hinbaafatan lafa isaa irratti ijaarsa raawwachuus ta’ee kan duraan ijaare haaromsuu hindanda’u jedhamee akka ijaarsa seeraan alaatti dhoorkamuu hinqabu jechuun xiinxala bal’aa taasisee jira.
Sababiin isaatis jedha Dhaddachi Ijbt, abbootiin qabiyyee Lafa akkasii kun Baadiyaa jala waan turaniif hanga akkaataa seeraan seera magaalaan galmeessee ragaalee barbaachisan hunda kennuufitti sanadootaa fi ragaalee eeyyama ijaarsaa baafachuuf Labsii ijaarsaan gaafataman kan hin qabne waan ta’anii mana haaraa ijaarachuufis ta’ee kan duraan qaban fooyyeffachuuf eeyyama ijaarsaa qabachuuf hin dirqaman jechuun hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.

Address

Fedis Hararge Oromiya
Oromiya

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bara Misoomaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category