Nesiha Nadi Gibe

Nesiha Nadi Gibe ALLAH IS THE

02/03/2026
20/08/2024

Guyyaa Duula Xiiqii Ashaaraa Dhalootaaf Itti Kaa`atan;Hagayya 17, 2016
===
Rakkoo jijjiirama qilleensaa addunyaa qoraa jiru furuuf hojii ashaaraa magariisaa cimsuun hanga kaarboonii qilleensaatti gadi lakkifamu hir`isuu akka biyyoota hunda keessatti hojjetamuuf dhaabbata mootummoota gamtoomaniin sadarkaa addunyaatti hojjetamaa jira. Biyyi keenyas hojii kana milkeessuuf adda durummaan hojjechaa kan jirtuufi hojii ashaaraa magariisaan beekamtii argachuun badhaafamtee jirti.

Adoolessa 22, bara 2011 akka guutuu biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuuwwan gosa adda addaa miliyoona 350 0l dhaabuun rikoordii addunyaa qabachuun bara baraanis hojii kana itti fufuun hanga ammaatti biqiltuuwwan gosa adda addaa biliyoona 25 ol dhaabuun ga`ee guddaa biyya gumaachitee jirtuu dha.

Bara kanas bifa addaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 600 Hagayyaa 17,bara 2016 duula hirmaannaa uummataa taasisuun akka dhaabamuuf qophii hundi xumuramee jira. Dhaabbiin isaas ganama sa`atii 12:00 irratti kan jalqabamu yoo ta`u,warren ga`eessa ta`an namni tokko biqilaa 20 ijoollonni immoo biqilaa 10 dhaabuun ashaaraa isaanii guyyaa itti kaa`anii dha.

Akka Oromiyaattis hojii kanaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee biqilaa ga`aafi lafa isaa adda baasuun humni namaas qindaa`ee biqiltuuwwan miliyoona 520 dhaabuuf qophii hundi xumurameera. Duula xiiqii kana irrattis namni hundi akka hirmaatu waamicha taasifna.

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

20/08/2024
19/08/2024

Address

Oromia
Jimma
1212

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nesiha Nadi Gibe posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category